Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US Tehraan dabalatee bakkeewwan Iraan heddurratti haleellaa gaggeessuu beeksiste

Humni Waraanaa US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu beeksise; Tiraamp ammoo Iraan "adaba yoo godhatte isheef wayya" jechuun akeekkachiise.

Guduunfaa

Tehraan dabalatee bakkeewwan Iraan heddurratti haleellaa gaggeessuu beeksiste

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US buufataalee anniisaa Iraan yoo haleelte Hidhattoonni Huutii Yaman, ulaa daldala boba'aa Galaana Diimaa akka cufan Teehraan dhaadatte

    US buufataalee anniisaa Iraan yoo haleelte Hidhattoonni Huutii Yaman, ulaa daldala boba'aa Galaana Diimaa akka cufan Teehraan dhaadatte.

    Hoggantoonni Iraan dhimmicharratti kan mariyatan yoo ta'u, michuuwwan ishee Yaman Huutiiwwaniif ergaan kun darbuu dhimmichatti dhiyoo kan ta'an aangawoonni olaanaan Teehraan lama himan.

    Dhimmichi reefu waan ta'eef aangawoonni eenyummaa isaanii ibsuu hin feene.

    Asiin dura waayee dhimma kanaa homtuu waan himame hin jiru, garuu Huutiiwwan dhiyeenya ergaan kun isaan gahuu ibsame.

    Ergaan kun karaa kamiin akka barames hin baramne. Kibxata, Tiraamp yoo Iraan gara mariitti hin deebine maddeen anniisaa isaanii daaraa goona jedhee dhaadatee ture.

    Ministeerri dhimma alaa Iraani fi dubbii himaan Huutii yaada akka kennaniif Rooytarsi gaafatus deebii hin kennine.

  2. Kaanaadaatti ibidda bosona bakka 800tti qabate kaaba Ameerikaatti babal'ate

    Kaanaadaatti ibidda bosona bakka 800tti qabate gama kibbaatiin naannolee Ameerikaa garaagaraatti babal'achaa jira.

    Sababa balaa abiddaa bubbeen kutaalee bulchiinsaa Ameerikaa Michigaanii fi Minisootaa fa'itti balaa buusaa jira.

    Lammiileen manaa akka hin baane akeekkachiifamaniiru.

    Tajaajilli raaga haala qilleensaa Ameerikaa (NOAA) dhiheenya kana odeeffannoo baaseen akka ibsetti, akeekkachiisni kun naannoo Aappar Miidweest, naannoo Greet Leeksi gara kaaba-bahaatti kan babal'atedha jedhe.

    Akka Giddu-gala Ibidda Bosonaa Inter-ejensii Kanaadaatti yeroo ammaa Kanaadaa keessatti ibiddi bosonaa 857 saffisaan babal'ataa jiru, kanneen keessaa ibiddi haaraan 23 ta'an dhiheenya kana kan ka'anidha.

    Akka Jaarmiyaa Odeeffannoo Abidda Bosonaa Kaanaadaatti taateewwan abiddaa kunneen to'annoon ala bahaa jiru.

    Balaan guddaan kaaba lixaa Ontaariyoo miidhaa jira. Aarri achirraa ka'u naannawa Tandar Beey fi Torontootti qilleensa uwwiseera. Aarri haphiin immoo samii naannawa Gireet Leeksii fi Niwu Yorkirraa uwwisera.

  3. Yugaandaan nama xumuraa Iboolaarraa fayye 'gammachuudhaan' hospitaalaa gaggeessite

    Yugaandaan nama Iboolaarraa fayye xumuraa 'gammachuudhaan' hospitaalaa gaggeessite. Biyyattiitti ammaan tana dhukkubsataan Iboolaa tokkollee akka hin jirre mirkanaaye.

    Sagantaa gaggeessaa nama Iboolaa irraa fayye gaggeessuu kanarratti Ministirri Fayyaa biyyattii Dr Kiriis Baryoomunsii haala kana "taatee gammachuu" jechuun ibsan.

    Iboolaan Yugaandaatti jalqaba kan mul'ate ji'a Caamsaa keessa ture. Namni jalqabaa dhibame immoo biyya ollaa Iboolaan weerare Rippaablika Dimookraatawaa Koongoorraa Yugaandaa seene.

    Aangawoonni weerara dhibee kanaa qolachuuf duulatti jiru. US lammiileen ishee gara DRC imalanirra uggura imalaa keessee turte.

    Yugaandaan akkaataa sadarkaa WHOtti biyya Iboolaarraa bilisaa jedhamuuf sa'aatii 42 qofa eegdi. Dhukkubsataan haaraan hanga hin jirretti.

    "Kun, yoo dafee bira ga'ame, wal'aansi hatattamaa yoo jiraate fi sirni tajaajila fayyaa cimaan yoo jiraate, Iboolaa balleessuun akka danda'amu agarsiisa," jedhan ministirri fayyaa.

    Ta'us, namoonni "dammaqinaan akka eegan" gaafatan. "Yoo ho'inni qaamaa , hoqqisuun, garaa kaasaa ykn dhiiguu qaamaa sababa hin beekamne argitan, hatattamaan gara dhaabbilee fayyaa deemaa," jedhan barreeffama fuula X irratti maxxansansiin.

    Waliigalaan, Yugaandaatti namoota vaayirasichaan qabamuun isaanii kan mirkanaa'e naoota 20 yoo ta'u, baay'een isaanii keessummoota Koongoo irraa dhufani.

    Namoonni lama du'aniiru.Yugaandaan waggoota digdama darban keessatti dhibee Iboolaa yeroo baay'ee kan dabarsite yoo ta'u, ammoo vaayirasicha qolachuuf seerawwan hojii dhimma kanaan wal qabatan baafteerti.

    Namoota shakkaman kophaatti baasuu, namoota dhibee kanaan qabamanitti kanneen dhihaatan hordofuu fi dhaamsa fayyaa uummataan gahuu irratti xiyyeeffattee hojjetaa jirti.

  4. Iraan haleellaawwan US haaloo bahuuf buufataalee waraanaa US haleelaa jirti

    Tehraan buufataalee waraanaa US kan biyyoota Galoogalaanaa keessaa haleeluu eegalte.

    US gama isheetiin halkan kutaalee Iraan hedduu haleelaa bulte.

    Tehiraan haleellaa kanaan buufataalee US biyyoota Jordaan, Kuweet, Baahireen haleeluu beeksifte.

    Wal waraansi miilanaa bifa haaraan erga qabatee guyyaa jahaffaa isaati. Waliigaltee nagaa biyyoota lamaaniis dukkanneessaa jira.

    Kun kanaan osoo jiruu, waraanni US haleellaawwan sa'aatii jahaaf walitti aansee tolcheen iddoowwan garaagaraa Iraan haleeluu ibse.

    Kun immoo "dandeettii Iraan dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz keessatti doorsisuuf gootu gadi buusuuf" akka ta'e hime.

    Wal waraansi miilanaa kun Pirezdant Donaald Tiraamp "Iraan yoo adabatte wayyaaf" ykn "tarkaanfiin waraanaa hanga isheen maritti deebitu irraa hin dhaabbatu" jedhanii doorsisuu hordofee uumame.

    Kibxata, Tiraamp yoo Iraan gara mariitti hin deebine maddeen anniisaa isaanii daaraa goona jedhee dhaadatee ture.

    Bakka bu'aan garee mari'attootaa Iraan, Mohammad Bagher Gaalibaf, waliigaltee biyya keenya hin fayyadne kamuu kabajuuf "dirqama hin qabnu" jechuun miidiyaa mootummaatti dubbataniiru.

    Nageenyi biyyaalessaa Iraan "bulchiinsa" Ulaa Hormuuz kabachiisuurratti xiyyeeffata jedhan.

  5. Mossad akkamiin pirezidaantii duraanii Iraan Israa'el wajjin akka hojjatu amansiise?

    Mossad akkamiin pirezidaantii duraanii Iraan Israa'el baduu qabdi jedhu akka Israa'el waliin hojjatu amansiise?

  6. Zeleeniskiin ministira waraanaa aangorraa kaafnan mormiin itti ka'e

    Pirezidantiin Yukireen Volodimir Zeleniskiin ministira waraanaa aangorraa kaafnaan mormiin itti ka'e.

    Ministira Ittisaa beekamaa kan ta'an Mikhaayiloo Feedoroov hojii irraa ari’amuu hordofee uummanni biyyattii dallansuu qabu mormiidhaan magaalota Yukireen hedduu keessatti bahee agarsiisaa jira.

    Namootni baay’een, keessattuu dargaggoonni, magaalaa Kiiv keessatti walitti qabamanii, "Harka keessan Feedoroov irraa kaasaa", "Injifannoo gufachiisuu dhaabaa!" dhaadannoowwan jedhan qabatanii "Kun Salphina!" jechaa iyyaa oolan.

    Zelenskiin hanga ammaatti murtoo isaa kanaaf ibsa hin kennine.

    Tarkaanfiin isaa hayyootaa fi loltoota akkasumas kutaalee hawaasa siivilii biratti dallansuu guddaa uumaa jira.

    Feedoroov, nama ganna 35 yoo ta'u, Amajjii darbe kan muudame yoo ta’u, waraana onnachiisuun, qabsoo farra malaammaltummaa gaggeessuu fi odeeffannoo sirriitti fayyadamee hojii waraanaa sarara duraa fooyyessuun galateeffatama.

    Kamisa har’aa miseensonni paarlaamaa nama ministeera biyya keessaa hogganaa ture, Ihoor Kliimeenkoo jedhamuun bakka buuse bakka buusuun sagalee kennuuf deemu.

    Jijjiirraa hoggansaa Zelenskiin gaggeessaa jiruun paarlaamaan biyyattii nama biraa aangoo gadhiisan Yuuliyaa Sviiriideenkoo minitira boba'aa fi gaasii kan turan Seerhiiy Koreetiskiidhaan bakka buusuun ministira muummee godhee muudamasaa mirkaneesseera.

    Kamisa har’aa irratti Feedoroov kana dhugoomsee jira, Zaalenskiif Siiriskiyi fi Hoogganaan Istaafii Jeneraalaa Andirii Hinaatoov bakka bu’uu qabu jedhee akka yaada dhiyeesse dubbachuu.

  7. Namni waajira pireezidantii Naayijeeriyaatti 'jaarmayaa sobaa' bane to'atame

    Waajira pireezidantii Naayijeeriyaa keessatti 'jaarmayaa sobaan' hundeeffame namni hogganaa ture torbanootaaf erga barbaadamaa ture to'annoo jala ooleera.

    Adeeniy Adeeyimii Maatiiw namni jedhamu kuni '' Presidential Foreign Investment Promotion Council'' maqaa jedhuun dhaabbata hundeesseef daarektara akka tahe hima.

    Pireezadantii biyyattiifi waajirri isaani garuu waa'ee nama kanaas tahe waa'ee dhaabichaa akka hin beekne himan.

    Kana boodas dhaabbata doolaara 950,000 sobaan hundaa'e jedhame kanarratti qorannoon akka taasifamu pireezidantiin ajajeera.

    Namni kuni jalqaba balleessaa akka hin qabne miidiyaa biyya keessaatti dubbachuun himannaa irratti ka'u hunda ofirraa ittisuun maqaasaa akka haaromsu himeera.

    Tahus kana gochuu dhabuun manni murtii olaanaa ajaja hidhaa irratti baaseera.

    Maatiiw torbanootaaf dhokataa turee bulchiinsa Osuun keessatti to'annoo jala ooleera.

    Pireezidantiin biyyattii Boolaa Tinuubuu dhaabbata hin beekne irratti qoarnnoon akka adeemsifamu ajajuun isaanii ijoo dubbii tahee ture.

    Waajirri pireezidantii mallattoofi xalayaan muudamaa nama kanaa kan sobaa tahuu mirkaneesseera.

    Himannaan mana murtii akka agarsiisu nama kanaafi namooti kaan biroo sanadoota sobaa qopheessuun akkaawuntii baankii maqaa waajirichaan banuuniifi jaarmiyaa lafarra hin jirreef beekamtii barbaaduun himatamaniiru.

  8. Sanyiin qamalee haaraa hidhii halluu burtukaanaa qabu DR Koongootti argame

    Sanyiin qamalee hidhii burtukaanaafi fuula gurraacha qabdu Rippaabliika Demookiraatawaa Koongootti argamte sanyii haaraa tahuu saayintistoonni himan.

    Qamaleen sanyii haaraa kuni bosona guddaa fagoo Paarkii Biyyaalessaa Lomaamii baha biyyattiitti argamte.

    Hojjetaan kunuunsa bosonaa bineensa addaa kana bara 2008 argee suuraa sirriitti hin mul'anne kaasee ture.

    Waggaa kudhan booda gareen saayintistootaa qamalee kana qorate sanyii kanaan dura hin beekamne dha jedhe

    Waggaa 75 keessatti qamaleen sanyii haaraa shanaffaa Afrikaa keessatti argamuusaati.

    Juuniyar Ambookoo barataa PHD Yunivarsiitii Filooriidaa Atlaantiik yoo tahu qorannoo kana kan geggeesse yoo tahu, ''bineensa jiraachuusaayyuu namni muraasni beeku argauun miiraa ajaa'ibaa namaa kenna,'' jedhe.

  9. Humni waraanaa US haleellaa haaraa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

    US haleellaa haaraa Iraan bakkeewwan garaagaraa irratti xiyyeeffachuun gaggeessuu beeksiste.

    Gama biraan ammoo Tiraamp "Iraan adaba yoo godhatte isheef wayya" jechuun akeekkachiise.

    Ajaji Giddugaleessaa US bu'uuraalee waraanaa Iraan haleeluu ibse. "Dandeettiwwan waraanaa Iraan kanneen imala dooniwwan daldalaa Ulaa Hormuuz irratti taasisan danqan" irratti haleellaa raawwachuu ibse.

    Iraan gamasheen, buufataalee waraanaa US Bahagiddu galaa keessa jiran, keessumaa Bahreenifi Kuweet jiran haleeluu beeksifte.

    Af-yaa'ii paarlaamaa Iraanifi biyyattii bakka bu'uun US waliin mariyataa kan turan Mohaammad Ghalibaaf, miidiyaa biyyattii akka himanitti, Tehraan kana booda waliigaltee US waliin waliif galte sababni kabajjuuf hin jiru.

    Iraan torbee dhufu mariitti hin deebitu taanan bu'uuraalee misoomaashee kanneen akka buufataalee humna ibsaafi riqichawwan gurguddaa irratti haleellaa gaggeessuuf Tiraamp itti dhaadatee ture.

    Biyyoonni lamaanuu walitti aansuun guyyaa shanaffaaf haleellaa walirratti gaggeessaa jiru.

  10. Akkam bultan!

    Tamsaasa keenya eegallee jirra!

    US haleellaa Iraanirratti gaggeessitu ittuma fuftee jirti. Tehraanis deebii kennuu hin dhiifne.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa karaa marsariitii, facebook, Youtube, TikTok, fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa.

    Dhiyaadhaa!