Afrikaa Kibbaatti gareen namoota 50 nama biyyaa alaa tokko reebanii ajjeesan

Nama alaabaa Afrikaa Kibbaa fuulatti xaxatee harkatti waxxee qabateefi namoota itti marsani jiran biroo.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Afrikaa Kibbaa magaalaa Darbanitti gareen namoota 50 nama biyya alaa tokko reebanii ajjeesuu poolisiin hime.

Akka poolisiin jedhutti namni eenyummaan isaa adda hin baafamne umrii 30 hanga 40 gidduu jiru jalqaba namoonni lama itti dhiyaachuun boodarra garee guddaadhaan haleelame. Iddooma reebamaa turtettis lubbuun darbuutu gabaafame.

Poolisiin ajjeechaa kanarratti qorannoo kan bane yoo tahu hamma yoonaa sababiin haleellaa kanaa hin baramne.

Afrikaa Kibbaatti waggaa kana mormiin farra godaantotaa kan adeemsifamaa jiru yoo tahu gariin gara hokkoraatti geeddaramaa ture.

Magaalaa Darban keessatti jalqaba baatii kanaa konkolaataafi suuqiiwwan ibiddi itti qabsiifamaa ture.

Dubbiihimaan poolisii naannoo Roobart Neetishundaa ajjeechaa Darbanitti raawwate kanaaf dhimma sababa tahe himuu akka hin dandeenye ibsuun odeeffannoon qabatamaa gaafa bahu akka himu ibseera.

Mootummaan kanaan dura mormitoonni haala nagaa qabeessa taheen akka socho'an himuun dhimma godaantotaa irrattis haaromsi ni taasifama jedheera.

Waggaa kana erga tarkaanfiin jalqabamee godaantonni baayyeen biyya dhufanitti deebifamaniiru.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Gareen March and March jedhamu garee mormii kana duuba jiran keessaa tokko yoo tahu godaantonni eeyyama hin qabne Waxabajjii darbe biyyaa akka bahan yeroo kaa'eefi ture.

Mormiiwwan guyyaa kanaan dura taasifamaniin lammiileen Afrikaa biroo haleellaan irra gahaa ture.

Kanaanis biyyooti kanneen akka Zimbaabwee, Naayijeeriyaa, Gaanaa fa'a sodaa haleellaaf jecha lammiilee isaanii Afrikaa Kibbaatii baasaa turan.

Naayijeeriyaan lammiileenshee lama achitti ajjeefamuun booda qondaaloti Afrikaa Kibbaa gaafatamoo dha jetteetti.

Gaanaanis akkasuma lammiinshee Bashiruu Isaak jedhamu namni abbaa ijoollee sadii Keep Taawun keessatti itti dhukaafamee ajjeefamu ibsiteetti.

Duuti nama kanaa Afrikaa Kibbaa waliin dhibdee dippiloomaasii kan uume yoo tahu biyyattiin hokkorri kuni harbeeffameera jetti.

Jaasiintaa Ingoobeesee Zuumaa hoggantuu sochii March and March yoo taatu jibba nama biyya alaa qabaachuu ni wakkaatti.

''Namoota kanaa wajjin waggaa baayyeef jiraachuu hin dandeenyu, amma baayyateera, ni gaha yeroo jennu nama jibbitu jedhamna,'' jechuun BBCtti himteetti.

Afrikaan Kibbaa haleellaa jibba nama ormaa irratti mudatuun waggaa 20f rakkataa jirti. Bara 2008 haleellaa bal'aa banameen namoonni 60 siqan ajjeefamanii ture.

Hokkora miilanaaf hiyyuummaa gadfagoo, walqixxummaa dhabuu fi hojii dhabuutu duuba jira jedhama.

Godaantonni hojii lammiilee jalaa fudhachuu, yakka irratti hirmaachuufi tajaajila hawaasaa irratti dhiibbaa godhu jedhamuun himatamu tahus qorannoon garuu himannaa kana hin deeggaru.

Afrikaan Kibbaa hudhaa diinagdee qabaattus lafa godaantonni hojii barbaacha biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa itti deemani dha.