Gareen qindaa'e Waayit Haawusitti Tiraamp fi aanga'oota olaanoo US haleeluuf karoorsuu FBIn ibse

Madda suuraa, Getty Images
Biiroon Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) Dilbata darbe haleellaa dorgommii ispoortii- UFC irratti raawwachuuf ture fashalsuun namoota haleellaa kana karoorsan shan to'achuu Biiroon Haqaa US Kibxata ibseera.
Abbaan Alangaa akka jedhutti gamoowwan ollaa iddoo qophii kanaa jiran dirooniiwwan dhohiinsa uumaniin barbadeessuu fi iddoowwan akkaan murteessoo ta'an abiddaan mancaasuun karoora haleellaa kanaa ture.
Shakkamaan tokko torbee darbe Ohaayoo keessatti to'atame, qorattoonni ergaa shira haleellaa kanaa qabate argachuu himan.
Abbootiin alangaa himata dhiheessan keessatti namoonni kunneen ''yaada mankaarsummaa amantii fi farra mootummaa calaqqisiisaniiru.''
''Karoorri haleellaa jedhame kun osoo hin raawwatamin to'atame,'' jedhan Daarektarri FBI Kash Katel.
Namoonni shakkamuun to'ataman Taayisan Sii Piroppar (waggaa 19) fi Biraayan Omaar Rowaa (waggaa 24)-Ohaayoo irraa, Mikeel Alaan Toomaas (waggaa 32)- Kaalifoorniyaa irraa, Daani'eel K Eskiriij (waggaa 32)- Missouri irraa fi Abrahaam Hermosillo Alvareez (waggaa 31)- Nebraska irraati.
Shakkamtoonni bulchiinsota US afur irraa to'ataman kunneen yakka ajjeechaan akka himatan Biiroon Haqaa ibseera.
Akka himannaa dhihaateetti shakkamtoonni kunneen jalqaba haleellaa diroonii raawwachuun namoonni akka rifatanii hookkarri ka'u gochuun isa booda Waayi Haawus haleeluuf turan.
Dorgommii ispoortii qophaa'ee ture sanarratti namoonni affeeramuun argaman 4,300 ta'u. Kanneen kuma 85 ta'an ammoo ala taa'anii daawwatan.
Himannaan manni murtii Alvarez irratti dhiheesse akka mul'isutti gareen kun aanga'oota olaanoo US kanneen akka Doonaald Tiraamp fi JD Vaansi akkasumas Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu fi dureessa addunyaa Ilon Maask irratti haleellaa karoorsanii socho'aa turan.
Aanga'oonni olaanoo kaanis xiyyeeffannaa haleellaa kanaa akka turan mul'ise himati dhihaate. Namoonni qiyyaafannaa haleellaa kanaa ta'an hundi garuu sagantaa kanarratti hin argamne.
Dorgommiin ispoortii haleellaan kun irratti raawwatamuuf karoorfame kan UFC jedhamu kun wayita Pirezidant Tiraamp guyyaa dhaloota isaa waggaa 80ffaa kabaju akka turetu ibsame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaaliin haleellaa kun jalqaba karaa Piroppar irra ga'ame.
Haati isaa sagantaan qophaa'u guyyoota muraasa dura gaafa Waxabajjii 10, 2026 aanga'oota naannootti bilbiluun ilmasheerraa shakkii akka qabdu gabaaste.
Bittaa meeshaalee waraanaa hedduu fi ergaa gareen kun waliif dabarsuun baayyee akka yaaddofte ibsite.
Gareen kun loltoota duraanii irraa kan walitti qabamanii fi qajeelfama amantii kiristaanaan kan taliigamaniidha.
Gareen kun sagantaa dureeyyonnii fi namoonni siyaasaa bebbeekamoon irratti hirmaatan kanarratti iddoowwan akkaan qaalii ta'an irratti qiyyaafachuun haleellaa raawwachuuf turan jedha himati dhihaate.
Shakkamtoonni kunneen garee hundeeffachuun ''waa'ee malaammaltummaa mootummaa, akkaataa faayilli Epistiin itti qabame fi gochoota mootummaa hedduurratti mufii qaban mari'ataa turan,'' jedhan abbootiin alangaa.
Kora biyyoota G7 Faransaayitti gaggeeffamerratti waa'ee yaalii haleellaa kana kan gaafatame Pirezidant Tiraamp ''waa'ee kanaa hin dhageenye,'' deebii jedhu kenne.
Biiroon Haqaa US akka ibsetti shakkamtoonni kunneen yoo yakki kun irratti mirkanaa'e tokkoon tokkoon isaanii hidhaa umrii guutuu fi doolaara kuma 200 fi kuma 50 adabamu adabamu.
Dilbata darbe Waayit Haawus waggaa 250ffaa hundeeffama biyyattii sababeeffachuun dorgommii ispoortii UFC qopheessee ture.
Dorgommiin dirree The Claw jedhamutti qophaa'e kun waggaa 80ffaa guyyaa dhaloota Pirezidant Doonaald Tiraampiin walirra bu'e.
Akkasumas sagantaan kun erga haleellaan sagantaa irbaataa gaazexeessitoota Waayit Haawus irraa gabaasaniif qophaa'erratti raawwatee ji'a lamatti kan qophaa'edha.
Haleellaan aanga'oota mootummaa fi sirnoota gurguddoo irratti xiyyeeffate US keessatti heddummaataa dhufeera.
Haleellaawwan kunneen hedduunsaanii ergaa siyaasaan kan oofamaniidha.
Jaarmiyaan dhimma shororkeessummaa fi qolannaa shororkeessummaa irratti hojjetu National Consortium for the Study of Terrorism and Responses to Terrorism (START) jedhamu bara 2024 fi 2025 keessaa jeequmsi qiyyaafannaa adda baasuun raawwatamu dhibbeentaa 30 oliin dabaluu ibse.












