Tehraan waliigaltee akka mo'ichaatti beeksifattus lammiilee Iraaniif garuu waan murteessaadha

Madda suuraa, EPA
Hoggansi Iraan waliigaltee wal-hubannoo Ameerikaa waliin taasifame yaaddoo osoo hin taane akka bu'aa diddaa akkasumas injifannoo akka tahetti dhiyeesse. Sun garuu dhimma falmisiisaa dha.
Biyyattiin waraana ishee cabse keessa bahaa jirti, diinagdeenshee dhibbaa jabaa jala jira, deeggartoonni Riippaabliika Islaamaa gariin ji'ootaaf Waashingitan waliin marii taasifamu mormaa turan.
Lammiileen Iraan biyya keessaafi alaa mootummaa morman rakkoo uumame kana dhimma dippiloomaasiin hiikamu osoo hin taane yeroo itti mootummaa geeddaran akka tahetti ibsu.
Haala siyaasaa wal qoodaa kana keessatti Tehraan waliigaltee kana beeksifachaa jirti
Qondaaloti olaanoo Iraan waliigaltee kana akka injifannootti kaa'aniiru. Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan Mohaammad Baaher Qaaliibaaf akkasumas hogganooti Iraan biroo ''Iraan adeemsa dheeraa injifannootti ishee geessu fudhatte,'' jedhe.
Pireezidant Masuud Peezeeshikiyaan waliigaltichi yoo sirriitti hojiirra oole rakkoo warra Iraan baayyee hiikuun Iraaniifi Baha Gidduugalaa keessatti ''addunyaa adda'' tahe uuma jedhan.
