Tehraan waliigaltee akka mo'ichaatti beeksifattus lammiilee Iraaniif garuu waan murteessaadha

Dubartii alaabaa Iraan qabatte

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hoggansi Iraan waliigaltee wal-hubannoo Ameerikaa waliin taasifame yaaddoo osoo hin taane akka bu'aa diddaa akkasumas injifannoo akka tahetti dhiyeesse. Sun garuu dhimma falmisiisaa dha.

Biyyattiin waraana ishee cabse keessa bahaa jirti, diinagdeenshee dhibbaa jabaa jala jira, deeggartoonni Riippaabliika Islaamaa gariin ji'ootaaf Waashingitan waliin marii taasifamu mormaa turan.

Lammiileen Iraan biyya keessaafi alaa mootummaa morman rakkoo uumame kana dhimma dippiloomaasiin hiikamu osoo hin taane yeroo itti mootummaa geeddaran akka tahetti ibsu.

Haala siyaasaa wal qoodaa kana keessatti Tehraan waliigaltee kana beeksifachaa jirti

Qondaaloti olaanoo Iraan waliigaltee kana akka injifannootti kaa'aniiru. Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan Mohaammad Baaher Qaaliibaaf akkasumas hogganooti Iraan biroo ''Iraan adeemsa dheeraa injifannootti ishee geessu fudhatte,'' jedhe.

Pireezidant Masuud Peezeeshikiyaan waliigaltichi yoo sirriitti hojiirra oole rakkoo warra Iraan baayyee hiikuun Iraaniifi Baha Gidduugalaa keessatti ''addunyaa adda'' tahe uuma jedhan.

Hoggansi Iraan waliigaltee kana akka mo'ichaatti kan dhiyeessaa jiru Ameerikaafi Israa'el galma isaanii ijoo waan hin milkeessineefi.

Iraan akka booji'amtu hin dirqisiifne, Rippaabliika Islaamaa aangoorraa hin buusne, sagantaa niwkilaaraa Iraan waraanaan hin dhaabsifamne, hidhata Iraan Hezboollaa waaliin qabdu hin cabsine.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Inumaa Iraan ammallee mariirra jirti, Libaanos dabalattee, haaragalfii qoqqobbii argachuuf marii'achaa jirti.

Haa tahu malee dhimmi kuni hoggansa Iraan keessatti falmiirra jira.

Miseensi paarlaamaa tokko Koree Nageenyaa Biyyaalessaa hogganu waliigalteen kuni Iraaniin kolonii Ameerikaa jala galcha jedhe.

Dabaluunis isa ajaja hogganaan olaanaa biyyattii Ulaan Hormuuz akka hin banamne jedhan marii'attoonni moggaatti dhiisan jedhe.

Qeeqni kuni sirnichaan ala waan dhufe gatii hin taaneef murteessaa dha. Dhaaba nageenya biyyaalessaa hoggantu kana jechaa jira.

Ji'ootaaf miseensoti paarlaamaa mata-jabaatan, miidiyaaleen mootummaatti hidhata qaban akkasumas kanneen mootummaa deeggaran kun Ameerikaan amanamuu hin dandeeessu jedhu.

Kanas kan jedhan waraanni kuni jalqabuuun dura mariin geggeefamaa turuu eeruudhaani. Isaaniif waliigalteen Waashingitan waliin taasifamu hundi akka balaa qabutti ilaalu.

Haa tahu malee sagaleen mormii amma qabbanaa'eera. Kunis waliigalteen akka taasifamu qaamota mootummaa olaanaa irraa ajajni darbuu agarsiisa. Garuu tokkummaan guutuu jira jechuu miti.

Namoota alaabaa Iraan biraa mul'atan

Madda suuraa, EPA

Diinagdeen dhiimma wiirtuu shallagga waliigaltee kanaati.

Hoggansi Iraan waliigaltee kana Ulaa Hormuuz cufuufi buufataalee US haleeluun fedhii aannisaa naannichaa irratti dhiibbaa waraanaa gochuun akka dhufetti dhiyeessuu danda'a garuu diinagdeetu harka Iraan micciire.

Waraana, qoqqobbii, dhorkaa dooniiwwanii, daangeffama gabaa boba'aa akkasumas qaala'iinsa gatiitu biyyattiifi lammiilee idilee mudda.

Maatii baayyeedhaaf waraanni kuni mo'icha moo miti kan jedhu osoo hin taane gatii hir'isaa kan jedhuufi waraana marsaa biraatti geessa moo hin geessu kan jedhu dha.

Pireezidantiiin Ittaanaa Ameerikaa JD Vaans Iraan qarshii kaffaltoota gibiraa hin argattu garuu isa waadaa seente yoo fiixaan baaste doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu akka argattuufi qoqqobbiin akka salphatu himeera. Kunis Teehraan waliigaltee kana hirkattummaa Ameerikaa jalaa baatee akka inveestimeentiifi deebisanii ijaarutti seentu taasisaan.

Tahus ammallee balaan jiru ifaa dha. Waa'ee waliigaltichaa odeeffannoon guutuu hin baane. Mariin Jimaata dhufu Siwiizarlaanditti akka itti fufu eegama.

Dhimmooti jajjaboo, gabbisi yuraaniyeemii Iraan akkatti mirkanaa'u, haaragalfii qoqqobbii, Ulaa Hormuuz, Libaanos ammallee dhimmoota mariin isaanii hin xumuramne dha.

Dhiima Israa'el irratti waanti mirkanaa hin jiru. Beenjaamiin Netaaniyaahuun isa Israa'el kibba Libaanos keessaa bahuu qabdi jedhame kuffisaniiru.

Donaaldi Tiraamp dhimma Libaanos irratti ifatti Israa'el qeeqaa jira. Namoonni ajjeefamaaa jiru jechuun, yeroo waliigalteen taasifamaa jiruttii Israa'el Beeruut haleeluu hin jaalanne jedhan.

Hariiroon Netaaniyaahuu waliin qaban garuu ammallee bareeda akka tahe hime.

Teeharaaniif atakaaroon Ameerikaa fi Israa'el gidduu adeemaa jiru ni fayyadaani. Dhiibbaan Iraan bilisummaa tarkaanfii fudhachuu Israa'el walxaxaa taasiseera. Gama biraan waliigaltichas laafaa taasisa.

Israa'eel Libaanos keessatti haleellaa yoo itti fufte Iraan deebii kennuuf ni dirqamti. Yoo Waashingitan Israa'el hin dhorkitu tahe, Teehraan Libaanos waliigaltee kanaan haguugamteetti jechuun battalumaan qoramaatatti seena.

Yaada BBC Parshiyaan lammiilee Iraan irraa argateen mo'icha himachuun dhimma deeggarsa guutuu argate miti.

Jiraataan tokko waliigaltee erga dhagaheen boodallee Israa'el haleellaa akka hin raawwanne sodaataa akka tureefi ''amantii akka hin qabne'' waliigalteen yoo mallattaa'e biyyattii bulchuunis sirnaan adeemuusaarrattis shakkii akka qabu hima.

Namni mootummaa mormu biraan tarkaanfii Ameerikaan fudhattee kan deeggaraa ture yoo tahu yoo Iraan keessatti jijjiiramni mootummaa hin taasifamne Ameerikaan maal milkeessite jechuun gaafata. ''Abdiin keenya sirni kuni geeddarama kan jedhu ture. Diinagdeen Iraan ittuu dadhabuun alatti uummataaf maal fayyada jedhe.

Kanneen mootummaa Iraan deeggaran ammoo yaada biraa qabu. Hordofaan BBC tokko Iraan mo'atteetti, waraanni kuni qoqqobbiin kadhannaadhaan osoo hin taane aangoo fayyadamuun akka ka'u agarsiiseera jedhe.

Kaan ammoo waliigaltichi namoonni gara jiruu idilee isaaniitti akka deebi'an godheera jechuun garuu of eeggannoon ilaalamuu qaba jedha. ''Waan yeroof taasifama jiru natti fakkaata, garuu ammaafiyyuu tasgabbii arganneerra,'' jedhe.

Rippaabliikiin Islaamaa waliigaltee kana akka mo'ichaatti malee akka waan barbaachisaa taheetti beeksifachuu hin danda'u.

Lammiilee Iraan baayyeef milkaa'inni waliigaltee kanaan kan safaramu dhaadannoodhaan osoo hin taane dhugumaan waraana dhaabuutiin. Gatiin hir'achuu, qoqqobbiin kaafamuu, muddamaa haaraa malee haala kana mootummaan to'achuu danda'uu fa'a dha.