''Yaaddoon nu fixe'' - Barattoota kutaa 12ffaa Tigraay muddaman

Madda suuraa, tigray tv
Barattoonni kutaa 12ffaa Naannoo Tigraay keessa jiraniifi waraqaan qoraman yeroo itti qoraman ilaalchisee waldura dhaabbannaa Tajaajila Madaalliifi Qormaatilee Federalaafi Biiroo Barnoota Tigraay gidduu jiru muddama keessa akka isaan galche dubbatan.
Qormaanni kutaa 12ffaa baranaa ALI Waxabajjii 23, 2018 eegalee marsaa jahaan intarneetaafi waraqaadhaan kennamuu eegaleera.
Qormaata baranaa barattoonni 563,000 ol akka qoraman ibsameera.
Qormaatni waraqaatiin marsaa xumuraatti kennamu ALI Adoolessa 1 hanga 17 akka adeemsifamu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee beeksisee ture.
Haa ta'u malee, qormaatni waraqaan Naannoo Tigraay keessa kennamu yeroon isaa dheeratee ALI Adoolessa 22 eegalee akka kennamu murtaa'uu Dareektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaatilee Dr Isheetuu Kabbadaa BBC'tti himaniiru.
Biiroon Barnoota Naannoo Tigraay bulchiinsa TPLF jala jiru yeroon qormaatni kennamu jijjiiramuu isaa hin fudhanne.
Murtee guyyaa ''murtee siyaasaati'' jechuun ''ummata Tigraay irratti haleellaa karaa adda addaa raawwataa kan dhufeefi itti fufedha'' jechuun himateera.
Ministeerri Barnootaa qormaata biyyaalessaa ilaalchisee murteewwan ''waldhahan, iftoomina hin qabneefi yeroo yerootti geeddaraman'' murteesseera jechuunis Wiixata Adoolessa 06, 2018 dhaabbilee barnootaa federaalaaf xalayaa barreesseen qeeqeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biiroon Barnoota naannichaa barattoota naannicha keessa jiraniif qormaata ofii baasee akka qorullee beeksiseera.
Dhaabbata qormaata biyyaalessaa to'atu kan hoogganan Dr Isheetuun gama isaaniin Tigraayiin ala ''naannolee kaanittis sababoota garagaraan'' barattoonni qormaata qoraman akka jiran dubbatu.
Yeroon qormaata qoraman kan murtaa'u qormaata qoruuf ''haalota dandeessisan'' ilaalcha keessa galchuun akka ta'e himu.
Gaaffii Naannoon Tigraay kaase irratti shakkii qabu.
''Maaliif har'a akka ka'e naa galuudhaa baatus Naannoo Tigraayitti si'a lama sagantaa kana dura turerraa adda ta'een qorreerra,'' jechuun BBC'tti dubbatan.
''Dhimmoota siyaasaa waqtii ammaa jiru waliin walqabsiisanii gabaa siyaasaa shaqaxachuuf sosso'uun sirrii miti,'' jechuun qeeqan
Yeroo qormaataa mootummaan federaalaa lafa kaa'eefi murtee naannichaan dhiphina keessa kan seenan barattoonni naannichaa yaaddoo keessa akka jiran dubbataniiru.
Marihaawwit Giday Godina Kaaba Lixa Tigraay magaalaa Samamaa keessa baratti. Qormaata biyyaalessaa baranaa irratti qabxii gaarii galmeessuuf qo'achaa turte.
Ta'us, yeroon qormaataa jijjiiramuufi biiroon naannichaammoo ofii akka qoru dubbatuu isaa yoo dhageessu yaaddoo keessa akka seente dubbatti.
"Yaaddoon ni fixeera. Burjaajjii keessa jirra. Adoolessa 22 qoramtu nuun jedhan, gara barsiisota aanaatti yoo bilbilannu immoo 'ganaa dha hin murtoofne' nuun jedhu. Dirreerratti hafnee eegaa jirra" jetti.
Tajaajilli madaalliifi qormaatawwanii fuula Feesbuukii isaarratti akka barreessetti, "naannolee bu'uuraaleen misoomaa hanqina qabanitti waraqaadhaan marsaalee afuriin jechuunis: Saayinsii Uumamaa, Saayinsii Hawaasaa akkasumas kanneen sirna barnootaa duraaniin barataniifi naannoo Tigraay dabalatee sababoota garaagaraatiin marsaawwan jahaaf kanneen hin qoraminiif qormaata Oonlaayimniin wal maddii qormaanni waraqaa ni kennama" jedheera.
Adoolessa 22 - 24, 2018 A.L.I'tti qormaanni kennamu yunivarsiitiiwwan Maqalee fi Aksumitti akka kennamu eera.
Kaaba Lixa Tigraayi Addi Daa'irootti qindeessaa fi barsiisaan adeemsa qormaataa Obbo Tasfaay Gabragzaabeer qormaanni Saayinsii Uumamaa Adoolessa 01 fi qormaanni Saayinsii Hawaasaa Adoolessa 06 akka kennamu ji'a tokko dura ibsamee ture.
"Haa ta'uu malee qormaatichi gaafa 28tti dheerachuu isaatiin maatii fi barattoonni baay'ee dhiphatan" jedhan.
"Sagantaan bahee waan itti dadhabanii fi bu'aa isaa kan itti argatan [qormaanni] eegaa osoo jiranii dheereffamuun baay'ee isaan rifachiise."
Kun maaliif Tigraay qofatti ta'e? Gaaffiin jedhus maatii fi ijoollee "dhiphinaa fi abdii kutannaa" keessa galche jedhan..
Biiroon barnootaa Tigraafi Tajaajilli madaallii fi qormaatawwanii wal ta'uun sababa itti dheereffame ibsuu dhabuun barattoota jeeqeera jedhan Obbo Tasfaay.
Barattoonni tasgabbaa'anii qormaata seenuu hafee, yaaddoo guddaa keessa jiru. Nutis deebii hin qabnu jedhan.
"Naannoo Tigraayiif qormaatni addatti kan qophaa'u yoo ta'e fudhatama hin qabu" kan jedhan Obbo Tasfaay barattoonni hojii dadhabbii waggaa 12f itti dhadhaban bu'aa isaa argachuuf rakkachuu isaanii... Rakkoon siyaasaa yoo jiraates barattoonni dhaaltoota borii lammiilee Itiyoophiyaa fi Tigraay waan ta'aniif rakkoon isaanii haa furamu gaafatan.
Qoramaan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Kibroom Tsaggayee akka jedhutti, falmiin yeroo qormaataa ilaalchisee uumame "dhiibbaa qor-qalbii guddaa" isarratti uumeera.
Qormaataaf guyyaa guyyaatti qophaa'aa akka ture kan eeru Kibroom, amma garuu "jireenya koo keessatti abdii kutadhe" jechuun dhiphina qabu ibsa..
Qormaata biyyoolessaatiif yeroo dheeraaf qo'achaa akka ture ibsee, atakaaroon uumame '"sammuu koo irratti dhiibbaa uumeera" jedheera. Guyyaan qormaanni itti kennamu sirriitti akka itti himamu akka barbaadus dabalee ibseera.
Barattuun biraa Maahidar Li'ul, maaliif Adoolessa 22 ta'e? Nuti Itiyoophiyaanota ta'uu keenya maaliin beekna? jettee gaafatti.
Qormaataaf qophaa'aa akka turte caqastee, "kutaa 12ffaa barahuu koo nan jibbe." Hiriyoonni koo abdii kutatanii gara Liibiyaatti haa godaannu jedhaa jiru jetteetti.
Adoolessa 22, 2018 qormaatni ni kennama erga jedhamee booda, akka jalqabaatti qormaataaf qophaa'uuf kaka'umsa akka hin qabne ibsiteetti.
"Siyaasni maaliif qormaata kutaa 12ffaa keessa seene?" jettees ni gaafatti Maahidar. Tajaajilli Madaallii fi Qormaatawwanii Wiixata Adoolessa 07, 2018 A.L.H beeksisa baaseen naannoo Tigraayii fi kutaalee biroo keessatti yeroo qormaatni itti kennamu ifa godheera.
Haaluma kanaan, naannoo Tigraay keessatti qormaatni Adoolessa 22 hanga 24 tti yunivarsiitiiwwan naannichaa lama keessatti akka kennamu beeksiseera.


















