Waa'ee yaalii ajjeechaa Phaaphaasota irratti raawwatamee maal beekna?

Abuna Naatinaa'el

Madda suuraa, Tigray Orthodox Tewahedo Church Diocese Of Humera

Ibsa waa'ee suuraa, ብፁዕ አቡነ ናትናኤል
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Naannoo Tigraay magaalaa Aksumitti phaaphaasota lamarratti 'yaaliin ajjeechaa' raawwatamuu Bataskaana Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaarraa kan fottoqe Manni Lubummaa Olaanaan Manbarasalaamaa Kasaateebirhaan beeksise.

Manni lubummaa kun 'yaalii ajjeechaa' jechuun kan waame Kibxata Waxabajjii 30, 2018 A.L.I'tti yaalii Abuna Naatinaa'elii fi Abuna Aragaawii irratti raawwatamee ture akka ta'e ibse.

Manni lubummaa kun ibsa Roobii baaseen, mana jireenyaa phaaphaasota lamaanii irratti 'halkan keessaa 06:30' irratti akka ta'e eere.

Gochaan kun keessumaa barreessaa Sinoodoosii Tigraay kan ta'an 'kutaa bultii' Abuna Aragaawii irratti akka raawwatame beeksise.

Gochaan kun irratti raawwatamuu kan himame keessaa tokko kan ta'an Abuna Naatinaa'el waayee taatee kanaa BBC'tti dubbatan.

Akka Abuna Naatna'eel jedhanitti, dhukaasni kan baname teessoo waajjira olanaa Bataskaana Ortodoks Tawaahidoo Tigraay keessatti kan argamu mooraa jireenya phaaphaasotaa irratti.

Waajjirri olaanaan Aksum kan argamu galma guddaa Salaama Seentar jedhamu kan duraan paatriyaarkiin bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Phawuloos ijaarsisan keessa akka ta'e ibsaniiru.

Waajjirichatti aanee "manni jireenya abbootii kan mataa isaa danda'e" jiraachuu isaas ibsaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abuna Naatna'eel mudannoo Kibxata halkanii san yoo yaadatan, "akka carraan ta'ee iddoo jireenyaa sana keessa kan turre abbootii lama qofa; anii fi barreessaa Sinoodoosii Abuna Aragaawii dha" jedhu.

Sagaleen dhukaasaa halkan keessaa sa'aatii ja'a fi walakkaatti akka dhaga'ame dubbatu.

"Dhukaasa booda 'maali?' jennee wayita baanu, rasaasni tokko mana keenya, kutaa boqonnaa keenya irra; keessattuu kutaa boqonnaa Abuna Aragaawii boqochaa turan gamoo sana irra qubatee hamma tokkogubee; walakkaadhaan bilookkeettiin tarsa'ee kufeera" jechuun waan argan ibsaniiru.

Abuna Naatnaa'el "walumatti dhukaasni sadi" akka dhuka'e kan dubbatan yoo ta'u, kanneen keessaa inni tokko iddoo bultii Barreessaa Olaanaa Sinoodoosii irra qubachuu isaa ibsaniiru.

Miseensonni eegumsaa mooraa keessa turan; namni dhukaasa bane sun gama sanaan ta'ee nutti akeekkatee, nutti dhukaasee baqate deebii jedhu akka isaaniif kennan yaadachiisaniiru.

Eegdota kanneen keessaa inni tokko "ani duukaa bu'een ture lafa jiru garuu hin argine, biras hin geenye.

Garuu akkanumatti achi dhaabadhee dhukaasa tokko gara samiitti dhukaaseera" yaada jedhu akka isaaniif kenne deebii argatan dabalanii ibsaniiru.

Hanga sa'aatii 07:30tti maaltu akka uumame gaafachaa erga turanii booda, gara bakka boqonnaa isaaniitti deebi'uu isaanii ibsaniiru.

"Gara iddoo hojii keenyaa, gara kadhannaatti deebineerra. Wayita bari'u miseensonni poolisii magaalaa qulqulleettii Aksumii fi caasaaleen nageenyaa hundi dhufanii waan ta'e arganii qorannoo isaanii jalqabaniiru" jechuun, qaamoleen nageenyaa gara iddoichaa kan dhufan guyyaa itti aanu ta'uu dubbataniiru.

Poolisiin magaalaa Aksum namoota bakka jireenyaa phaaphaasotaa irratti dhukaasaniiru jedhamanii shakkaman sadi to'annoo jala oolchuu isaa galgala TV Tigraay gabaaseera.

Itti gaafatamaan qorannoo yakkaa poolisii Magaalaa Aksum Asaffaa Gabramaariyaam; bakka jireenyaa abbootii irratti "dhukaasni dhuka'e tokko qofa" ta'uu isaa ibsaniiru.

Gabaasa TV Tigraay irratti hoogganaan qorannoo yakkaa magaalaa Aksum akka ibsanitti, qorannoo taasifameen gochi kun 'waardiyyaadhaan' raawwatamuu isaa mirkaneeffachuu ibsan.

Waardiyyaa dabalatee shakkamtoonni sadii to'annoo jala oolanii qorannoon irratti taasifamaa jiraachus ibsaniiru.

'Dhimman yaalii ajjeechaaf barbaadamuuf hin qabu' – Phaaphaasii Tigraay

Abuna Naatinaa'elii fi Abuna Aragaawii

Madda suuraa, Tigray Orthodox Tewahedo Church Diocese Of Humera

Ibsa waa'ee suuraa, Manni lubummaa 'yaaliin ajjeechaa' Abuna Naatinaa'elii fi Abuna Aragaawiirratti raawwatamuu beeksise.

BBC waliin turtii kan taasisan Abuna Naatinaa'el dhukaasni kan baname mana jireenyaa phaaphaasotaa irratti ta'uu eeruun, "yaaliin ajjeechaa kanaa olii akka hin jirre" dubbatan.

Kanaan dura taateen akkanaa uumamuu mala yaaddoo qabaachuu isaanii kan gaafataman phaaphaasichi, "dhimman yaalii ajjeechaaf barbaadamuuf hin qabu, qabaachuus hin danda'u, qabaadhees hin beeku" jedhan.

Haala kanaan anaa fi obboleessa koo ni ajjeesu ykn waa godhu ... jedhee qaamnin yaadus shakkus hin qabu" jedhaniiru.

Phaaphaasota lamaa irratti "yaaliin ajjeechaa raawwatamuu" erga dhagahamee booddee miidiyaa hawaasaarratti yaadonni tamsa'aa turan Abuna Naatinaa'el "duula waraanaa" dhiyoo Tigraay keessatti deemaa jirurratti yaada kennan kan jedhan ture.

"Dhimmi kun dhaabbachuu qaba, harka keessan bataskaanarraa kaasaa" jedhuun yaada kennan hordofee yaadonni mormii tokko tokko taatee Kibxataa kanaan wal qabachuu yoo danda'eef gaafatamanii jiru,.

Abuna Naatinaa'elm, miidiyaa hawaasaarratti dubbii isaaniitiif "dhiifama akka gaafatan" yaadonni kennamaa turuu dubbatu. Garuu taatee kanaan wal qabata jedhanii akka hin yaadni dubbatu.

"Ani yaada kiyyan ibsadhe. dhalootaaf ta'a, biyyaaf fayyada, dhugaa waan natti fakkaatun dubbadhe. Namni tokko dhugaa waan dubbateef immoo waa irratti raawwatama jedhee hin yaadu, yaaliin kunis isa waliin wal qabata jedhee hin yaadu" jedhan.