Kiipchoogee waliin fiigiicha dorgomtuu?

Madda suuraa, AFP
Maxxanfame
Dorgommiin Kipchoogee harraa qofaa isaa osoo hintaane lammiilee Keeniyaa hundaafi dhimma jireenyaa ykn du'aa akka ta'eetti eeggamaa duran amma mo'ateera.
Abbaa riikardii addunyaa kan ta'e atileet Aliiyud Kiipchoogeen dorgommii harra Ostiriyaa Veenaatti taasiseen fiigiicha maaraatoonii sa'aatii lamaa gadiinan xumuruuf dhaadateen amma sa'aatii 1:59: 40 xumuuruun dandeettiisaa agarsiise.
Dargaggeessi umurii 34 kunis karoora isaa akka galmaan gahuuf dadndeessisuuf dorgomtoonni waliin fiigan hedduun kan qophaa'aniif yoo ta'u, karoora isaa maaraatonii sa'aatii lamaa gadhiin fiiguu kanaafis moggaasni 'INEOS 01:59 Chaallenge' jedhamu kennameefiira.
Ofii keessaniin Aliiyud Kiipchoogeen dorgomsiisaa. Fageenya km 42 osoo isiin waliin dorgome sadarkaa meeqaffaan xumurtu laata? Mee of ilaalaa.
00:00:00
Mala
Shallaggiin tilmaama saffisa ittiin fiigduu kan atileet Keenyaa maraatooniin beekamu Eliyuud Kipchoogee waliin walbira qabamee kan ilaalamu daataa kee (kan akka umuriifi saala) akkasumas giddu-galeessa kan nama umuriifi saala walfakkaataa maraatoonii fiigurratti hundaa'uun ta'a. Daataan kun bu'aawwan dorgommii fiigichaanamoota US keesatti maraatoonii fiigan 21,000 ol ta'an xiinxaluun tolfame. Safartuu saffisaa Bara 2010 keessa saffisni namoota maraatoonii guutuu (km41.92) fiiganii giddu-galeessaan km1.6 tti 10:00 ture. Namoota 21,000 fiigan keessaa kan saffisaan hunda caalu km1.6tti saffisini isaa 5:14 ture. Saffisni hundaan gadi suutadha jedhame ammoo nama km1.6 keessatti 18:30n ni xumura. Nuti daataa kee saffisa giddu-gala atileetii beekamaa Keenyaa maraatoonii fiigu Eliyud Kipchoogee waliin dorgomsiisne magalaawwan Afrikaa gara garaa keessatti kan nama maraatoonnii giddu-galeessaan fiigu murteessuudhaaf kan isaa bira qabnee ilaalla. Akka yaadaatti kan ilaalcha keessa galfame magaalota gara garaa keessatti haalli naannoo kan jijjiiramne akka ta'uttidha.Saffisawwan gara garaa tilmaamaman saalaafi umurii irratti hundaa'uudhaan. Galanni kan maluuf
Warra softiwaarii qopheessan: Purity Birir, Olawale Malomo, Dizaayinii: Millicent Wachira, Animation: George Wafula, Interactive Journalist: Muthoni Muchiri