Xayyaarrii Israa'elirraa gara Ostiriyaa yaaddoo 'boombiif' Bulgaariyaatti qubate

Xayyaara Daandii Qilleensaa Ostiriyaa otoo qubachaa jiruu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Xayyaarri Daandii Qilleensaa Ostiriyaa Israa'elirras gara Ostiriyaa imalaa ture ''yaaddoon boombii'' jira jedhamnaan hatattamaan Bulgaariyaatti maqee qubate.

Xiyyaarri Airbus A320 jedhamu Dilbata kaleessaa Teel Aviiv irraa gara Veeyinaa imalaa kan ture yoo tahu magaalaa guddoo Buulgaariyaa Soofiyaattii qubannaa hatattamaa taasisuun imaltoonni akka bahan godhamuu ministirri geejjibaa Buulgaariyaa hime.

Jeettiin Humna Qilleensaa Bulgaariyaa MiG-29 xayyaarichaaf eegumsa taasisuu ministirri geejjibaa biyyattii himuun, miidhaan hamma yoonaa qaqqabe hin jiru jedheera.

Baatiidhuma kana paayilatiin balalii Flydubai butuun xayyaarrii iddoo adeemaa ture Teel Aviiv otoo hin gahiin Saa'udii Arabiyaatti qubatee ture.

Miidiyaaleen Bulgaariyaa fi Israa'el ''yaaddoon boombii'' jira jedhamuu gabaasan.

Daandiin Qilleensaa Ostiriyaa yaaddoon akka jiru mirkaneessus ibsa dabalataa garuu hin kennine.

Dubbii himaan dhaabbata kanaa xiyyaaricha keessa imaltoota 51 fi hojjeettoonni jaha turan jedhe.

Xayyaarri kuni Soofiyaatti qubachuun booda sakatta'insi nageenyaa taasifamuu qondaaloti himaniiru.

Akeekkachiisni jalqabaa kennamee daqiiqaa 30 keessatti ture xayyaarri daangaa qilleensaa Roomaaniyaa irraa Soofiyaatti maquun kan qubate.

Marsariitiin balalii horodofu akka agarsiisetti xayyaarrii Daandii Qilleensaaa Ostiriya Buufata Xayyaaraaa Teel Aviiv Guuriyoon irraa Dilbata galgala bahuun sa'atii sadii booda buufata xiyyaaraa Soofiyaa Vaasiil Leevskiitti qubate.

Torbee darbe xayyaarrii odola Giriik Korfuu irraa gara magaalaa Jarmanii Nuureembarg imalaa ture ergaa akeekkachiisaa xayyaarrii butamuuf tahuu dabarsuun booda Kirooshiyaa fi Jarmaniin jeettii loltuu qophii taasisaniiru.

BBC'n abbaa qabeenyaa Daandii Qilleensaa Ostiriyaa Luftaanzaa dubbisuuf yaalus deebii hin arganne.