Haleellaan Huutiin Saa'udii irratti raawwataa jiru imala Umraah akkamiin jeeqa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Haleellaan hidhattootni Huutiin Yaman Saa'ud Arabiyaa fi naannoo Galaana Diimaa irratti raawwataa jiran, Muslimoota addunyaarraa baatii dhufan keessa Umraatti imaluuf qopha'aa jiran irratti yaaddoo guddaa uumera.

Guyyoota darban keessa, gareen Huutii buufataalee xiyyaaraa Saa'ud Arabiyaa keessatti argaman, dabalatee Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Riyad, irratti haleellaa raawwachuun dhaga'ameera.

Haleellaa misaa'elota Jimaata darbe gara masaraa pirezidaantii Al-Maashiq, magaalaa Aden keessatti argamutti dhihoo ta'etti raawwameenis yoo xiqqate namoonni shan ajjeefamaniiru.

Kanneen ajjeefaman keessaa lama eegdotaa nageenyaa akka turanis gabaafameera.

Namoonni 10 ol immoo madaa'aniiru jedhame.

Haalli kun namoonni Umraa raawwachuuf imala qopheeffatan, haleellaan kun karoora isaanii irratti dhiibbaa akkamii qabaachuu akka danda'u akka gaaffii kaasaniif sababa ta'eera.

Mootummaan Saa'ud Arabiyaa nageenya Makkaa fi Madiinaa, akkasumas namoota Umraa fi Hajjii raawwachuuf dhufan eeguuf tarkaanfiiwwan nageenyaa cimaa fudhachaa akka jiru ibsa.

Haa ta'u malee, haleellaan bu'uuraalee murteessoo biyyattii irratti irra deddeebi'amee raawwatamu, imaltoota biratti yaaddoo cimaa uumera.

Waraanni Yaman keessatti waggoota darban keessa itti fufe, Saa'ud Arabiyaa irratti haleellaa misaa'elaa fi diroonii akka raawwatamu taasiseera.

Kanaafis, mootummaan Sa'ud Arabiyaa sirna ittisa qilleensaa fi nageenya buufataalee xiyyaaraa dabalatee bakkaalee murteessoo biroo cimsuuf tarkaanfiiwwaan murteesasoo fudhataa jiraachuu eera.

Hanga ammaatti garuu, magaalonni qulqulluun amantaa islaamaa akka Makkaa fi Madiinaa namoota addunyaa guutuu irraa dhaqan simachaa jiru.

Madda walitti bu'iinsa Huutii fi Saa'udii maal ture?

Xiinxalaan dhimma Baha Giddugaleessaa fi UAE, Mohaammad Qaaddam Saadiq Isaah akka jedhanitti, walitti bu'iinsi Huutii fi Saa'uud Arabiyaa bara 2014 irraa eegalee caalaatti hammaate.

Huutiin yeroo dheeraaf mootummaa Yaman waliin aangoo qabachuu irratti wal'aansoo keessa turan.

Xiinxalaan kun akka jedhutti, Huutiiwwan bara 2014 dura mootummaa Iraan waliin hariiroo isaanii cimsan. Kunis qabsoo isaanii irratti jijjiirama guddaa fide.

"Qabsoon isaanii jalqaba aangoo Yaman keessatti argachuuf taasifamaa ture, boodarra Saa'ud Arabiyaa fi biyyoota ollaa ishee irratti dhiibbaa uumuuf itti fayyadaman," jechuun ibse.

Itti dabaluunis Iraan Huutiin akkuma gareewwan naannichaa kanneen biroo, Hizbullaa Libaanosii fi Hamaas Filisxeem, deeggaruuf itti fayyadamti.

Bara 2014tti, Saa'ud Arabiyaan garee biyyoota Arabaa of keessatti hammate dursuun, Huutii aangoo mootummaa irraa buqqisanii magaalaa guddoo Sanaa dabalatee naannolee Yaman hedduu to'annoo isaanii jalaa baasuuf duula jalqabde.

Akka Xinxalaan Qaddaam Saadiq jedhutti, walitti bu'iinsi kallattii Saa'ud Arabiyaa fi Huutii gidduutti uumame yeroo sana irraa eegalee caalaatti hammaate.

Haleellaan Huutii imala Umraah irratti dhiibbaa akkamii qaba?

Haleellaan Huutiin irra deddeebi'anii raawwataa jiran, namoota Umraah raawwachuuf gara Sa'ud Arabiyaa imaluuf karoorfatan biratti yaaddoo guddaa ta'eera.

Yamani fi Saa'ud Arabiyaan wal daangessu. lotootni Huutii humna guddaa qabanis hanga daangaa kutaa kibbaa Sa'ud Arabiyaatti qabatanii jiru

Qaddaam Saadiq akka jedhutti, Huutiin meeshaalee waraanaa fageenya dheeraa deeman fayyadamuun haleellaa raawwachuu danda'u.

Kanaaf haleellaan isaanii magaalota bakka quluquluu amantaa islamaa Makkaa fi Madiinaa ga'uu danda'a jechuun sodaan uumamuun kan nama hin shakkisiifne ta'uu mirkaneessa.

Battii tokko dura Saa'udiin haleellaa bakkeewwan amantaa kanatti rawwatamuuf ture qolachuu ishee ibsitee turte.

Huutiin garuu, magaalota qulqulluu Saa'ud Arabiyaa irratti ta'e jedhee haleellaa raawwachuu yeroo hedduu ni haalu.

Akka xinxalaan kun jedhanitti yoo walitti bu'iinsi kun caalaatti hammaate, imala Umraa fi Hajjii irratti dhiibbaa kallattii qabaachuu akka danda'u akeekkachiiseera.

Itti dabaluunis, buufataaleen xiyyaaraa tokko tokko hojii dhaabuu, seensi imaltoota biyya alaa daangeffamuu yookaan dhaabbachuu danda'aa jedha.

Kunis Umraa fi Hajjiin bara kanaa namoota Saa'ud Arabiyaa keessa jiraatan qofaatti dangessuu akka danda'u dubbata.

Taatee kanas haala yeroo weerarri vaayirasii koronaa turetti uumameen wal bira qabuun ibseera.

Haa ta'u malee, kun tilmaama xiinxalaa malee hanga ammaatti, sababa haleellaa Huutiin imalli gara Umraah akka dhaabbatu murtiin kenname hin jiru

Walitti bu'iinsi kun rakkoo Iraan fi US waliin hariiroo akkamii qaba?

Qaddaam Saadiq akka jedhutti, walitti bu'iinsi Huutii fi Saa'ud Arabiyaa, akkasumas rakkoon Iraan fi Ameerikaa gidduu jiru walitti dhufeenya qaba.

Akka xiinxalichatti, gareewwan Iraan deeggarte keessaa Hizbullaahii fi Hamaas dadhabuun booda, Huutiin gareewwan hidhatan Iraan deeggartu keessaa humna isaanii utuu hin cabin jiran keessaa tokko ta'aniiru.

Yamanitti bakka tarsiimoo guddaa qabatanii jiru. Biyyattiin karaa galaanaa Bab al-Mandab, Galaana Diimaa fi Galaana Arabaa wal qunnamsiisu, bira jirti. Karaan galaanaa kun daldala idil-addunyaa fi geejjiba doonii keessatti gahee murteessaa qaba.

Qaddaam Saadiq akka jedhutti, Huutiin karaa galaanaa kana irratti to'annoo isaanii cimsuuf fedhii qabu.

Kanaaf, walitti bu'iinsa Yaman keessatti adeemaa jiru qaama walitti bu'iinsa bal'aa Iraan fi Ameerikaa gidduu jiruti jedhe.

Qaddaam Saadiq akka jedhutti, waggoota darban keessatti yaaliin hedduun waraana Yaman dhaabuuf taasifameera.

Haa ta'u malee, hanga ammaatti furmaata waaraa argachuun hin danda'amne.

Inni sababoota walitti bu'iinsa kana dheeressan keessaa tokko, Huutiin mootummaa Yaman keessatti aangoo argachuuf fedhii cimaa qabaachuu isaanii ta'uu ibse.

Akka xiinxalichatti, Huutiin filannoo bilisaa keessatti sagalee ummataa gahaa argachuun aangoo qabachuu akka hin dandeenye waan yaadaniif, humna waraanaa fayyadamuun aangoo argachuu yaaluu filatan.

"Sababa kanaaf, tarkaanfiin kamiyyuu waraana kana dhaabuuf fudhatamu salphaa hin ta'u," jechuun Qaddaam Saadiq kan ibse.

Walumaagalatti, haleellaan Huutii kun nageenya naannichaa fi imala namoota Umraa raawwachuuf karoorfatan irratti dhiibbaa qabatamaan geessisu, haala nageenyaa fi tarkaanfiiwwan mootummaa Sa'ud Arabiyaa irratti hundaa'a.