Faransaay mo'amuu dandeessii? Xiinxaltoonni BBC yaada addaa qabu

Madda suuraa, Getty Images
"Faransaay Waancaa Addunyaa mo'achuuf biyya shakkii hin qabne tahee natti mul'ata" jedhe taphataan duraanii Arsenaal Iyaan Raayit.
Isa qofa osoo hin taane xiinxaltoonni kaan, deeggartoonnii fi namoonni dorgommii kana hordofan hedduu akka Faransaay mo'attu abdatu.
Garuu eenyutu akka isaan mo'achuu hin dandenye raage?
Taphoota shan taphatanii hunda mo'atan. Galchii 14 lakkoofsisanii lama qofatu irratti gale. Tapha tokko irraa kan hafe hunda isaa irratti galchii sadii fi isaa ol galchaniiru.
Kiiliyaan Imbaappeen akkuma deeggartoonni hundi eegan galchii yoo lakkoofsisu Oliisee, Dembeelee fi Barkolaa ykn Duween fa'aa ammoo taphattoota sarara ittisaa faallaaf yaaddoo tahaniiru.
Warrumti taa'umsa jijjiirraa irra jiran akka Cherkii fa'aa iyyuu gahumsa addaa qabu.
Akkuma taphni Farasaayii fi Morookoo gahaa jiruun xiinxaltoonni BBC Sport qabxiilee gurguddoo lafa kaa'aniiru.
Faransaay bara 2018 Shaampiyoonaa, 2022 xumura waancaa gahan. Baraa mo'achuu danda'u.
'Faransaay garee kaaniif carraa kenniti'
Iyaan Deenis, BBC Radio 5 Live, irratti xiinxalaa kubba miilaa gameessa
Ispeen garee Waancaa Addunyaamo'atti jedhee amanuu fi deeggarudha. Garee lamaan ergan ilaaleen yaadakoo jijjiire.
Ispeen tapha hunda irratti olaantummaa guddaa qabu. Ittisa irratti garee faallaa akka galchii hin lakkoofsine hojjetaniiru.
Haga ammaatti gooliin irratti hin galle.
Faransaay dabalatee tapha garee hundaa ilaaleera. Faransaay kubba to'achuun haga Ispeen hin gahan. Garee faallaa yoo cime inumaayyuu carraa galchii isaan irratti galchuu qaba.
Senegaal boqonnaan dura carraa Faransaay dursuu qabu ture. Noorwey akkasuma garee lammaffaan galanii boqonnaan dura carraa gaarii argatanii ture.
Akkan yaadutti Morookoon har'a balaa isaanitti tahu. Akkuma Waancaa Awurooppaa bara 2024 Faransaayii fi Ispeen walitti dhufanii Ispeen 2-21 mo'attee sana Faransaay yoo har'a darbite Ispeeniin m'amti jedhe.
'Faransaay garee mo'amu tahuu amanu'
Fiil Maknaaltii, 'BBC Sport' barreessaa kubba miilaa beekamaa
Faransaay Waancaa Addunyaa kana irratti garee ajaa'ibaa arginedha. Imbaappee, Oliisee fi Demeblee fuulduratti yoo ilaaltu akkaan nama sodaachisu.
Yoo Ispeenii fi Faransaay gara afuriitti darban qormaata guddaan Diidee Diishoo fi garee isaa mudata.
Ispeen atphoota haga ammaa taasifte 35 iratti tokkoyyuu hin mo'amne.
Akkatti qabxii argatan beeku.
Sa'a dhumaatti galchii injifannoo Poorchugaal irratti argatan ilaalaa. Yoo Faransaay Ispeen mo'atanii darban ammoo Shaampiyoonaa kan ture Arjentiinaa ykn Ingilaand argatu.
Yoo akkas tahe Faransaay waancaa kana mo'achuuf carraa guddaa qabdi. Garuu Waancaa Addunyaa kana irratti wantoonni hin tilmaamamne akka mudatan garuu hin dagatiinaa.
'Ispeen carraa hundaa qabdi'
Elizaabet Koonwey, gaazexeessituu Ispoortii BBC
Ispeen Faransaayiin mo'achuuf carraa hedduu qabdi. Inumaayyuu taphoota darban irratti akka durii tahuu baatanis Waancaa Addunyaa kana mo'achuuf carraa qabu.
Lamiin Yaamaal miidhama irraa waan dhiyoo deebi'eef gahumsa isaa duraan beekamurra hin geenye ture. Taphattoota urjii akka isaa waliinis baay'ee wal hin argine.
Kanaaf Ispeen isa irratti hedduu hirkattee as hin geenye. Warri kaan garuu taphattoota isaanii urjii kaanitti hirkatanii as gahan.
Ispeen qindoomina jabaa akka gareetti qabduu fi naamusa taphaa eeguun dorgomaa hin qabdu.
Paawuu Kubaarsii fi muuxannoo guddaa kan qabu Ayemiri Laapport ittisa irratti qindoomina jabaa agarsiisaniiru.
Ispeen taphoota lama kana dura Faransaay waliin walitti dhufan irratti mo'atteetti.
Ammas carraa gaarii qabu.
'Garee ciccimoon osoo hin eegamiin kufu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Joon Maarii, 'BBC Radio 5 Live' Komentaaterii gameessa
Gareen faransaay kun caalmaa guddaa kan qabuu fi Waancaa Addunyaa kana irratti addatti eegamudha.
Kubba baayee bareedaas taphatu. Garuu Biraazil bara 1982, Jarman bara 2006 fi Biraazil bara 2014 yoo ilaalte garee jabaa qabaachuun qofti akka wabii siif hin taane hubatta jedhe.
Yoo Ispeeniin darban garuu carraa shaampiyoonaa tahuun xumuruu qabu jedhe.
Gaazexessaan Ispoortii BBC ingilaandi ammoo xumura irratti Ingilaandii fi Farasaayitu walitti dhufa jedhe.
Faransaay garee hin mo'amne miti kan jedhe gaazexessaan kun Ingilaandi isaan dhaabuu dadeessi jedhe.
Raayis, Andersanii fi Beeliingihaam sarara gidduu irratti garee kana caaluu akka danda'an ibse.
Walumaagalatti morkattootaaf balaa guddaa kan tahu sochii Maayik Oliiseeti.
Oliisee dhaabuun yoo danda'ame kubbi galchii tahu hedduu Dembeelee fi Imbaappee dhaqabuu hin danda'u.
Kanaaf jabinni Faransaay kun deebisee isaan yeroo miidhus mudachuu danda'a. Ispeen waliin kan walitti dhufan yoo tahe sarara gidduurra ni caalamu. Kun ammoo sarara fuula duraa warra taphatan akka Imbaappee fi Dembeeleef yaaddoo taha.
Tapha har'a Morookoo wlaiin qaban salphaatti ilaaluu hin qabnu. Rakkoo guddaan Morookoon taphataa cimaa sarara duraa Saayiberi jedhamu miidhamaan dhabuu isheeti.
Isa bakka buusuun hedduu ulfaatus Faransaay qormaata jabaa kana salphaatti hin darbitu.
Morookoon waggaa afur dura Waancaa Addunyaa irratti walakkaa xumuraaf darbuu ishee hin dagatiinaa. Dogogora hin hojjetiin malee Leenconni Atilaas Faransaayiif gaara guddaa tahu.
Murteessitoota hunda Arjeentiinaa irraa
Guyyaa Kamisaa Faransaay fi Morookoon tapha nuusa maayiin kan wal morkatan yemmuu ta'u, Waancaa Addunyaa baranaa keessatti yeroo jalqabaatiif murteessaan taphichaa, gargaartonnisaa lamaan, murteessaan afraffaan akkasumas murteessitoonni eeggattummaan taa'an hundi lammii biyya tokkooti. Kan Arjantiinaa jechuudha.
Namni VAR hogganus lammii Argantiinaa akka ta'e FIFA'n boodarra beeksiseera.
Yaadni dhimma murteessitootaa kanaan walqabatee ka'us 'Arjantiinaan Faransaay akka mo'amtu ni barbaaddi, murteessitoonni hundi lammii Arjantiinaa ta'uunsaaniimmoo fedhii Arjantiinaa milkeessuuf mijataadha' kan jedhudha.
Tapha Faransaay fi Morookoo kana murteessaa ta'uun kan taphachiisan Faakundoo Tello, tapha nuusa maayii waancaa addunyaa murteessummaan yemmuu hogganan waancaa addunyaa darbetti aansuun inni ammaa yeroo lammaffaafi.
Kanaaf murteessaan beekamaafi kabajamaan kun tapha kana bifa sirrii hintaaneen ni hogganu jedhamee hin eegamu.
Haa ta'u malee akkaataan namoonni dhimmicha itti hubatan waan salphaatti callifamee bira darbamuu miti. Sababnisaas Arjantiinaa fi Faransaay morkattoota cimoo ta'uunsaanii osoo beekamuu tapha Faransaay irratti murteessitoota Arjantiinaa ramaduun dhimma ilaalcha gaarii uumu miti.












