Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US boba'aa Veenzuweelaa baarmeela biiliyoona 65 to'achuuf waliigaltee raawwatte
- Barreessaa, Sareen Habeshian
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1
Ameerikaan boba'aa Veenzuweelaa baarmeela biiliyoona 65 tahu to'chuuf waliigalteerra geesse.
''Waliigaltee seenaqabeess kuni kuufama boba'aa Ameerikaa dachaa ol akka dabalu godha. Dhiyeessii boba'aa keenya dabala, haala kanaan gatiin boba'aa lammiilee Ameerikaaf hir'isa,'' jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti maxxanse.
Pireezidantiin yeroo Veenzuweelaa Deelsii Roodriigeez waliigaltee kana diinagdee uummata dammaqsuuf akka gargaaru himuun leellifteetti.
Tiraamp pireezidantii duraanii Veenzuweelaa yeroo to'ate kuufama boba'aa biyyattii akka argatu kakatee ture. Yeroo dhihoon as Tiraamp gatii boba'aa waraana Iraaniin ol ka'e akka to'atu dhiibbaan irratti taasifamaa ture.
Ministarri Hajaa Alaa Ameerikaa waliigaltee kana ''Ameerikaafiis Veenzuweelaafis mo'icha guddaa dha,'' jechuun dubbate.
''Veenzuweelaa waliigalteen invastimantii doolaara biiliyoona 100tti siqu isinii fiduun carraa hojii kumaatamaan lakkaa'amu deeggaruufi Veenizuweelaan deebitee akka ijaaramtu godha,'' jedhe Ruubiyoon.
Tiraamp ergaa miidiyaa hawaasaa irratti maxxanseen Maarkoo Ruubiyoo fi Piit Heegseez hooggansa Veenzuweelaa waliin karaa ''michooma daldala dhuunfaan'' waliigalteerra gahaniiru jedhe.
Tahus waliigaltee kanaan eenyu, maal akka argatu ibsamuu baatus ''kaffaltoota gibiraa Ameerikaa irratti miidhaa hin qabu,'' jedhan.
Pireezidaantiin yeroo Veenzuweelaa ibsa baasteen waliigalteen kun "mootummaa fi biyya keenya haaromsuurratti dhiibbaa guddaa qabaata" jedhan.
Waliigalteen kun, akka Rodriigeez jedhanitti, iddoowwan boba'aa tarsiimawaa 17 kuufama boba'aa baarmeela biiliyoona 65 akka qaban mirkanaaʼe akkasumas invastimantii biiliyoona 100 fa'a kan fidu dha.
Waliigaltee kanaan mootummaan Ameerikaa ''oppireetara dhuunfaa waliin tahuu invastimantii boba'aa kana harka 55 to'ata,'' jedhe qondaalli Ameerikaa tokko.
Roodriigeez lafa boba'aa irratti akka hojjetuuf dhaabbata invastimantii kanaaf waliigaltee waggaa 100 kennaniiru.
Tiraamp waa'ee waliigaltee kanaa waan baayyee jechuu baatanillee Ameerikaan leecelloo biyya walabaa akka to'attuuf eeyyama kennaafi.
Pireezidantii duraanii Veenzuweelaa Maduuroo fi haatiwarraasaa ajaja Tiraampiin Amajjii sadii ture kan to'annoo jala oolan.
Veenzuweelaan biyya addunyaa kuufamaa boba'aa isa guddaa qabdu dha. Tahus bara 1990 as oomishni akkaan hira'ateera.
Tiraamp indaastirii boba'aa biyyattii iddootti deebisuuf dhaaboti Ameerikaa hamma doolaara biiliyoona 100 inveest akka godhan gaafataniiru.