Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojjetaan Waayit Haawus duraanii haasaa Tiraamp irratti qarshii qabsiise $172,000 akka kaffalu ajajame
Hojjetaan Waayit Haawus duraanii odeeffannoo keessaa fayyadamuun haasaa Donaaldi Tiraampiin onlaayinii irratti qarshii qabsiisaa ture doolaara 172,000 akka kaffalu ajajame.
Gaabri'eel Peereez gabaa taateewwan addunyaa tilmaamuun qarshii itti argatan Kaalshii irratti haasaa Tiraamp Mudde 2025 hanga Guraandhala 2026tti taasisan tilmaamuun daldlaa akka ture barameera.
Dhaabbati daldala gosa kanaa raawwatu Commodity Futures Trading Commission (CFTC) Peereez odeeffannoo keessoo fayyadamuun waan tilmaamaa tureef bu'aa doolaara 107,539 deebisuu dabalataan adabbii dooolaara 65,000 kaffaluu qaba jedhe.
Murtoo kanarratti Waayit Haawus hamma yoonaa homaa hin jenne garuu Adoolessa darbe pirees seekreetarii Kaaroolaayiin Liiveet Peereez boqonnaa jira iddoo hojiisaatti hin deebi'u jettee ture.
Dhaabbati CFTC jedhamu Peereez ''amantii irraa eegamu cabsuun'' odeeffannoo akka malee fayyadmeeraa jedheeni.
Adabbiin irra kaa'amu kan hir'ateef yeroo qorannoon taasifamu ''fakkeenyummaan eeyyama agarsiisaa ture,'' jedhe.
Peereez kana booda waggaa sadiif tapha qotinyaa kanarratti akka hin hirmaanne dhorkameera.
Abukaatoon marsariitii waltajjii kanaa Boobii Danoot murtoo kana jajatee ''eenyuyyuu yoo taate seera keenyaafi federaalaa cabsuun gatii akka baastu godha,'' jedheera.
Kanaan dura dhaabbatichi Bitootessa darbe yeroo tilmaamni maqaa biyyaa, jechaafi dhaadannoo duulaa irratti adeemsifamu tilmaammii hin baramne akka hubate hima.
Odeeffannoo akkaawuntii fayyadamuun hojjetaa Waayit Haawus tahuu baruun to'attootaaf akka gabaase hime.
Dhaabbatichi ibsa Adoolessa darbe baaseen gabaa tilmaamaa kanarratti jechu hogganooti addnyaa jajjaboo jedhan sochii doolaaraa jabaa uumuu danda'a.
Waayit Haawus hojjettoonni waajirichaa gabaa tilmaamaa irratti akka hin hirmaannee xalayaan itti ergameera.