Mootummaa US dolaara nootii abbaa 250 fuulli Tiraamp irra jiru maxxansuuf

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Bulchiinsi Pirezidant Tiraamp maallaqa dolaara 250 fuula Donaald Tiraamp ofirraa qabu maxxansuuf akka qophaa'aa jiru beeksise.

Kunis, yoo seera baastonni eeyyaman kan milkaa'uudha.

Seerri federaalaa maallaqa US suuraa nama lubbuun jiru maallaqa irratti maxxansuu ni dhorka.

Haa ta'u malee, Kongirasii keessatti michuuwwan Tiraamp wixinee yaada kana milkeessuu danda'u dhiheessaniiru.

Dubbii Himaan Ministeera Maallaqaa BBC'tti akka himetti dhaabbanni isaanii wixinee kanaaf deebii kennuuf qophaa'aa jira.

Seera baastonni wixinee kana duuba jiran maallaqi abbaa 250 kuni waggaa 250ffaa walabummaa US'f fakkeenya ta'a jedhu.

Yoo ragga'e kuni fakkeenya tokko Tiraamp fi michuuwwan isaanii fuula, maqaa Tiraamp dhaabbilee biyyaalessaa irra kaa'u ta'a.

Qabiyyeen noottii dolaaraa 250 ammatti ummataaf ifa hin taane. Biiroon dhimma kana ilaallatu garuu dizaayinii gaafateera.

Dhimma kana kan dursee gabaase Waashingitan Poost dha.

Noottiin dolaaraa abbaa 250 bifa akkamii akka qabaatu hanga ammaa ifa hin taane. Ministeera qabeenyaa jalatti kan argamu waajirri maallaqa Ameerikaa qopheessuufi maxxansu garuu dizaayinii akka hojjetuuf gaafateera.

Itti-gaafatamaan ministeera qabeenyaa ibsa baaseen, "wixineen kun seera akka ta'uuf kan mallatteeffamu taanaan, waajirri maxxansaa kun biyya keenya guddittiif kabaja Guyyaa Walabummaa 250ffaa biyya keenyaaf beekamtii sirrii kan kennu naattii dolaaraa abbaa 250 qopheessuufi maxxansuuf dammaqinsaan socho'aa jira," jedhe.

Kanaan dura kabaja guyyaa waggaa 250ffaa biyyattii ilaalchisuun mallattoon Tiraamp maallaqa Ameerikaarratti akka ba'u murtaa'uun ifa ta'eera.

Mallattoon Pirezidantii Ameerikaa lubbuun jiru maallaqa biyyattiirratti yeroo maxxanfamu kun kan jalqabaati.

Wixineen bara darbe qophaa'e seera ta'uudhaaf mana-maree fi seeneetii Ameerikaatiif dhiyaatee mirkanaa'uu qaba.

Ibsa Kamisa kennameen noottii maallaqaa haaraa raggaasifamuu danda'u ilaalchisee hogganaan waajira qabeenyaa Iskoot Beeseent gaaffii dhiyaateefiin "wanti hunduu harka Kongiresii jira" jedheera. Ministeerichi seerri kan kan raggaasifamu yoo ta'ee fjecha qophaa'aa jiraatullee kan hojjetamu seera isa eegee ta'uu ibseera.

Ayyaana Walabummaa 259ffaa biyyattii ilaalchisee noottii dolaaraa suura nama aangoorra jiru qabate maxxansuun "waan sirrii hin taanedha" jedhee akka yaadus dubbateera.

Seeneetii Ameerikaatti miseensa koree hojii baankii kan ta'e Senaater Maark Waarner garuu karoora kana qeeqeera.

"Yeroo ammaa wayita Ameerikaanonni sababa boba'aan, qaala'insa jireneyaan, mana jireenyaafi gatiin tajaajila fayyaa dabaluun walqabatee rakkachaa jiranitti, pirezidant Tiraamp maallaqa ummata gibira kaffaluu waan irra ooluu qabu dhimma guyyuun maatii mudaturraa baayyee kan fagaatedha," jedheera.

"Waayit Haawus humna fedhii dhuunfaa (iigoo) pirezidantichaa eegisuuf taassu keessaa walakkaa kan ta'ullee gatii qaala'e hir'isuuf oolcheera osoo ta'ee maatiin Ameerikaa boba'aa guuttachuuf noottii dolaaraa abbaa 250 isaan hin barbaachisu ture," jechuun qeeqeera.

Noottii dolaaraa abbaa 250 maxxansuudhaaf carraaqqiin taasifamu noottii maallaqaa maxxanfamu kan sharafuun ala seera federaalaa waliin walitti bu'uu danda'a. Seerichi ibsa ba'e keessatti noottii dolaaraa abbaa 250 hin makne.

Yeroo ammaa kana Ameerikaa keessatti noottiin maallaqaa guddaa kan ta'e dolaara 100 irratti kan mul'atu hundeessitoota Ameerikaa kanneen ta'an keessaa tokko kan ta'e Benjaamiin Firaankiliinidha.

Ameerikaan kanaan dura noottiiwwan dolaaraa gurguddoo abbaa 500, 1,00 fi 10,000 maxxansitee ture. Haata'u malee, maxxansi isaanii kun bara 1969 booda addaan citeera.