Saawwan 50 dubartoota 50'f kan kennite Aannee Ajjamaa eenyu?

Aadde Aannee Ajjamaa Wallagga Lixaa Kobor bakka jedhamutti dubartoota 50 tahaniif saawwan 50 kennan.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Aannee Ajjamaa jedhamti. Finfinnee naannoo Birbirsa Gooroo isa Piyaassaa jedhamutti dhalattee guddatte.

Amma Ameerikaa jiraatti. Dhaabbata Idil-addunyaa dhimma baqattootaa irratti hojjetu keessa hojjetti.

Aanneen qabsoo Oromoo keessattis yeroo dheeraa hirmaachaa turteetti.

Waan qabduu fi dandeessuun uummata ishee biraa dhaabbachuun ammoo hojii gurguddaa hojjetteetti.

Haadholii kana dura naannoo Somaalee irraa buqqa'anii mana jireenyaa hin qabne 50 tahaniif magaalaa Bishooftuutti mana jireenyaa ijaaraniiru.

Dhiyeenya kana Finfinnee irraa km 650 ol gara Wallagga Lixaa aanaa Begii iddoo Kobor jedhamutti imaluun dubartoota harka qalleeyyii 50 tahaniif saawwan 50 hiraniiru.

Dubartoota 100 ta'aniif ammoo meeshaa qulqullinaa yeroo laguu rabsan.

Dargaggoonni ammoo bakkatti yeroo isaanii dabarsan argachuu qabu jechuun kubba miilaa fi uffata ykn hidhannoo guutuu namoota 30 bitanii rabsuufii ibsan.

Garuu hojii kana akkamiin jalqaban?

Bara 2018 erga MM Abiy Ahimed aangoo qabatanii Ameerikaa irraa gara Itoophiyaa deemte.

Ergan biyya galee haala uummanni keessa jirun ilaale. Dur kallattii adda addaan qabsoo uummata Oromoo keessatti hirmaachaa turre.

Amma erga itti dhiyaannee maal gochuufii dandeenya jedheen yaade jette gaaffii fi deebii BBC waliin taasifteen.

Jalqaba uummanni keenya Karrayyuu tikfatee bulaa waan taheef bakkaa bakkatti socho'a. Horii isaa bishaan obaasuu fi ofiis bishaan qulqulluu argachuuf rakkata jette Aanneen.

Kana furuuf Karrayyuutti messhaalee bishaan calaluun qulqulleessanii akka dhugaatiif tahutti gargaaranis uummataaf rabsuu himte.

''Meeshaan kennineef bishaanuma booruu kamiyyuu yoo itti naqxe kan qulqulleessee dhugaatiif dhiyeessudha jette.

Dabalataan Salaaleetti uummataaf bishaan dhugaatii baafteetti.

'Hiyyummaan ekeraa nama gooti'

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Aadde Aannee Ajjamaa jalqaba Itoophiyaa deemtee erga gargaarsa uummataaf kennitee waan tokko murteeffatte.

Isa dura Itoophiyaa dabalatee biyyoota Gammoojjii Sahaaraan gadii keessatti waan rakkoo tahe manneen barnootaa keessaa harcaatii barattoota dubartootaati jette.

Kun ammoo yeroo laguun isaanii itti dhufu meeshaa qulqullinaa dubartoonni fayyadaman [Sanitary pad] dhabu tahuu kaasti.

Marsaa jalqabaa yeroo biyyatti galtus Ameerikaa irraa paadii ykn meeshaa qulqullina dubartootaaf oolu 1000 bittee deemuun rabsuu BBCtti himte.

Kanatu akka tola ooltummaan uummata tajaajiluu akka qabdu haamilee kenneefii.

Achii galeen guyyaa kudhan keessatti waan kudhan milkeessuu kan jedhun karoorse jette.

Kan fiixaan baasuuf ammoo bara 2020 dhaabbata tola ooltummaa irratti hojjetu Numaan jedhamu Minesotatti hundeessuu himte.

Dhaabbanni kun kan gargaarsa kennu qofa osoo hin taane tajaajila hunda galeessa kan godhudha jette.

Kaayyoon isaa inni guddaan garuu akka namoonni wagga waggaan gargaarsaan jiraatan osoo hin taane akka of danda'anii jireenyi isaanii jijjiiramu gochuudha jette.

''Ani lakkoofsa dhaabbata miti mootummaa Itoophiyaa keessa jiraniitti dabaluuf Numaan hin banne.

Akka nuyi maatii keenya gargaarree qe'ee isaanii jireenya isaanii jijjirru sana namoota harka qalleeyyii deeggarree akka isaan of danda'an gochuudha malee'' jette.

Uummata Karrayyuuf meeshaa bishaan qulqulleessu rabsite. Sana booda ammoo tajaajila ibsaa kan kennuuf soolaarii isaaniif rabsuu himte.

Minesootaatti dubartoota 100 tahan waliin dhaabbata Siinqee jedhamu hundeessuun haadholii Oromoo naannoo Somaalee irraa buqqa'anii mana jireenyaa hin qabneef Bishooftuutti mana ijaaranii kennaniiru.

Jalqaba mana 20 yeroo ijaarre anatu furtuu dabarsee isaaniif kenne. Garuu manatti galchinee maaltu itti aana jennee yaadne. Ijoolleen isaanii karaarra bultu waan jirtuuf meeshaa barnootaa guuteefiin barsiisaa ture jette.

Ijoollee isaanii kaaniif barnoota dabalataa akka argatan gochuu himte. Qabxiin isaaniis haalaan fooyya;uu himte. Amma tokko kolleejjii galuu tokko ammoo mana barumsaa bultii addaa galuu danda'a jette.

Barattoonni shamarranii gara baadiyaa jiran dagatamaniiru. Namni isaan hin hubatu kan jettu Aadde Aanneen ani haadha waanan taheef isaan hubadha.

Kanaaf akka jabaatanii barataniif jecha paadii ykn meeshaa yeroo laguu fayyadaman kana rabsaa ture jette.

Haga ammaatti Harargee, Shawaatii hanga Wallaggaatti barattoota shamarraniif paadii 5000 oliif rabsuu himte.

Miseensa Rootarii Kilebii Roozvel jedhamuu waan taateef tajaajila tola ooltummaan kennaafii. Gatii miseensaa nan kaffala jette. Gaggeessituu kilebichaatis.

Dhaabata Numaan yeroo Minesootaatti hundeesitu jiraattota magaalichaa irraas deeggarsa argamu walitti qabdee ittiin bitaa akka turte himti.

''Ani Ameerikaatti miseensa Rootarii Kilebiiti. Ani yerookoon isaaniif kenna. Isaan ammoo yoon pirojeektiikoo isaanitti himu paadii dubartoonni fayyadaman kana baay'isanii naaf kennu'' jette.

Paadiin kun al takkaa dubarti tokkoof kennamnaan waggaa sadiif itti fayyadamuu dandeessi. Miiccitee qulqulleessuun irra dedeebiin kan fayyadamuu dandeessudha. Saamunaa mataa isaa waliin dhufa kan jettu Aadde Aanneen Ameerikaatti tokkoon isaa doolaara 60'n bitama jette.

Itoophiyaa keessatti waan hin oomishamneef haala kana jijjirufis akka hojjechaa jirtu BBCtti himteetti.

Yuunvarsiitiin Amboo pirojeekii dubartoota ittiin gargaaru Ubuntuu jedhamu qaba. Aanneen isaan waliin waliigaluun biyya keessatti paadii ykn meeshaa qulqullinaa kana oomishuuf hojjechaa jirra jette.

Yeroo hundaa Ameerikaa irraa fe'anii fuduurra biyya keessatti qulqullinuma isaa kanaan yoo oomishne dubartoota hedduu bira gahuu dandeenya jette.

Wallagga Lixaa Koboritti hidhannoo ispoortii Aadde Aannee Ajjamaa deeggarsaan dargaggootaaf kennite

Maashinii uffata hodhu [singer] kan yuunvarsiitiin Amboo qabu isa durii tahuu kan himtu Aadde Aanneen maashinicha binnee biya keessa galchuun paadii kana oomishuuf waliigalleerra jette.

Dhaabbata Numaan biyya keessatti gargaarsa godhus hundeesiteetti.

Dabalataan tibbana Wallagga Lixaa Kobor deemtee deeggarsa taasifte akkas jechuun ibsite.

''Ati ni maraattee? Akkamiin haala ulfaataa kana keessatti achi deemta na jedhan. Itti yaadeen Lubbuun kan koo kan isaaniirra caalaa? Yoo nuyi isaaniif hin dhaqabne eenyutu isaaniif dhaqaba jedheen of amansiise'' jette.

Rakkoo nageenyaa jiraatus ''uummatichi nuyi nagaadha, nuu koottaa jennaan deemne'' jette. Maqaa uummatichaa gurraachesumaaf ololli deemu waan jiru natti fakkaata. Uummanni nagumaan jiraata jette.

Saawan dubartoota harka qalleeyyiif kennite koree hundeessuun naannichumaa akka bitan himti. Waggaa lamaaf irratti hojjechaa turre kan jettu Aanneen Koree kana hojjetu uummata keessaa manneen amanaa Kiristaanaa fi Musiliimaa irraa hundeesine jette.

Rakkataan baay'ee wan jiruuf dhugumaan nama waa hin qabne isaan keessaa akka adda baasan goone jette.

Horii naannichaa kan binneef warri gurguratanis achumaan akka fayyadamaniifi jette.

Dargaggooni gara waraanaa fi walitti bu'insaa akka hin deemneef waan ittiin bashananan goona jedheen uffata guutuu [kophee, hidhannoo uffataa, kubba] sadarkaa isaa eeggate kennine jette.

Aadde Aanneen dubartoonni kun waggaa booda yeroo sa'aan isaanii dhaltuufii aannan ishee dhuguu, dhadhaa baafachuu danda'u. Isayyuu gurgurachuun gara of danda'uutti deemu jette.

Dhaabbanni ishee Numaanis fuulduratti dubartootaa fi shamarran harka qalleeyyii dhaqabuu fi jireenya isaanii jijjiiruuf akka hojjettu himte.