Addunyaa sodaachisaafi fagoo TikTok bira hin ga'amne

Madda suuraa, BBC/ Serenity Strull/ Getty Images
Rogni dhoksaa TikTok kan algoorizimiin sitti hin agarsiifne jira, innis waan adda ta'eefi kan waan argitee hin beekneen guutame, kanneen nama sodaachisuu fi viidiyoowwan nama jeeqani.
Waan raajii ta'uu danda'a – ykn immoo agarsiiftuu egeree interneetiis ta'uu mala.
Tiktok tamsaasa viidiyoo daangaa hin qabne heyyamuun maqaa gaarii qaba.
Sun waan gaarii dha. Warri qeeqan tokko tokko irra dibaa fi fakkeessadha jedhu. Garuu wanni lafa jalaa viidiyoon biliyoonatti lakkaa'aman kan TikTok yeroo baay'ee sitti hin argisiisne jiru.
Isaan keessaa gariin isaanii nama nuffisiisu. Gariin ammoo baay'ee dinqisiisoodha. Kaan immoo dhugumayyuu kan nama sodaachisani fi dhiphisanidha.
Hamiin deddeemtuun akka jettutti yeroo dheeraaf Tiktok gubbaa teessee hanga dadhabdutti yoo daddabarsaa ooltee fi waan inni sii dhiyeessu taajjabde, carraan yeroo gabaabaaf iddoo kana arguu si qunnama.
Fayyadamtoonni immoo kanaa oliillee deemanii arguu himu.
Mala sirrii ta'een, iddoo dijitaalaa nama naasisu, kan daandii gammachiisaa algoorizimiiin yeroo baay'ee sitti argisiisu sana irra caalaa baay'ee bifa addaa qabu, dukkanaawaa fi baay'ee nama suukanneessu kanaan gahuu dandeessa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iddoon kun 'TikTok Farlands' jedhamuun beekama.
Akka ifatti mul'atutti, karaan addaa iddoo kanaan gahuuf gargaaru, koodii lakkoofsotaa fi qubeewwan callistee galchuun (random) ta'an kan fayyadamaan biraa yaada viidiyoo tokko jalatti biratti dhiise fuudhanii iddoo yaadaa (comment) viidiyoo irratti galchuudha.
Ayidaan Waalker, gabaasaa aadaa intarneetii fi qorataa qoosaalee intarneetii ti. Barreeffama dhimma kana irratti baase irratti, "Gargaarsa algoorizimii qofaan gara sanatti deemuu hin dandeessu – namni si affeeru dabalataan si barbaachisa," jedha.
Mariiwwan waa'ee 'Farlands' TikTok irratti gaggeeffaman ji'ootan dhiyoo asitti kan ka'an eegalaman yoo ta'u, tiwooriiwwan shiraa fi afoolawwan mariin waa'ee humna kaampaanota miidiyaa hawaasummaa eegalameera.
Fayyadamtoonni tooftaalee algoorizimii TikTok butanii argatanii jiru; kunis viidiyoota aappichi akka ati hin argine barbaadu jedhanii amanan akka ol baasu gochuufi.
Kun sochii hawaasaafi qoosaa deemaa jiru ta'eera. Namoonni dallaa maashinichaa dhiibanii cabsaa jiru. Addunyaa burjaajjoftu fi balfa hubannoo nam-tolcheen guutamtee fi sammuu malee bilbila tuttuqanii gurguruu kana keessatti, kun gara fuulduraa intarneetichaaf abdiin kanaan dura qabaachaa ture caalaa dabaleera.
Gadi fageenyaan yoo ilaallu
Maqaan 'Farlands' jedhu kun dogoggora uumama addunyaa beekamaa fi durii kan tapha Minecraft keessatti uumamu irraa dhufe.
Seera taphichaa isa jalqabaa keessatti, yoo baay'ee fagaatanii deeman, dogoggora lafa jeeqamaa fi bifa addaa qabu, kan guutummaatti boollawwani fi gamoowwan nama dinqisiisaniin guutame uuma.
"Minecraft Farlands daarii dhumaa taphichaa ti. Kallattiidhaan dhuma addunyaa sanaa geessa, sana booda garasitti deemuu hin dandeessu," jetti Yuunivarsiitii Joorjiyaatti gargaartuu piroofeesaraa barnoota miidiyaa kan taate Jessica Maddox xiyyeeffannoo ishee miidiyaa hawaasummaa irratti goote.
Farlands TikTok immoo yaada kanaan wal fakkaatudha.
"Kun dhuma interneetii wantoonni bifa addaa itti qabatanii dha. Karaa beekamaa fi baay'inaan dhufe dhiistee argamta, akkasumas karaa dogoggoraa irraa qabatta."

Madda suuraa, Shane Moore/ Lucas Wilm/ Mason T
Yaadota viidiyoo Walker jalatti kennamaniirra ka'ee, jinniiwwan amala addaa qaban tokko tokko hordofuun dukkanicha keessa lixuu danda'eera.
Koodii tokko saanduqa barbaachaa (search bar) keessa galeen, wanti ani argadhe muuxannoo koo isa idilee TikTok irratti qabuun guutumaan guutuutti kan adda ture.
Fakkeenyi gara-jabeenyaan guutaman, kanneen dandeettii nam-tolcheen (AI) uumaman, iskiriinii irratti wal dorgomanii darban.
Fuulonni isaanii haala bifa dimimmisaa fi wal-makeen micciiramanii mul'atu. Uumama alagaa kan hidda dhiigaa isaa shiboo tajaajila TV wajjin wal-qabsiifame tokko, haala sukkanneessaa ta'een yoomuu, dargaggeessi tokko meeshaa tapha viidiyoo qabatee ilaala.
Isaan kunneen baay'ee isaanii kan nama jeeqaniif BBC'n liinkii isaa maxxansuu hin fedhu. Yoo kan daawwattu ta'es of eeggannoo godhi.
Sararoonni qubeewwanii fi lakkoofsotaa wallaaloo ta'anii, kanneen namoonni akka paaswoordii Farlands seenuuf walii qoodan sun iyyuu iccitii dha.
Yeroo tokko tokko, fayyadamtoonni hojii isaanii beeksisuuf jecha koodii kanaan Viidiyoo isaaniitti maxxansuun tag gochuun qoodu.
Garuu ani namoota muraasa koodii Farlands kana kiiboordii irra deddeebiin yaalun tilmaaman argatan dubbiseera.
Koodota kanneen keessaa tokko tokko bu'aa ajaa'ibaa ta'anii fi tilmaamamuun rakkisu fiduu danda'u.
Barbaachi (search function) TikTok fayyadamtootarraa fayyadamtootatti bu'aa garaagaraa waan agarsiisuuf, wanta dhuguma ta'aa jiru addaan baasanii hubachuun baay'ee ulfaataa dha.
Walker, "Yaadni isaa waliigalatti beekaa faayidaa keetiif jecha TikTok micciiruu dha," jedha.
"Inni kun qaama gammachuu sanii ti. Ati pilaatfoormii kana karaa inni itti hojjetameen ala fayyadamaa jirta," jechuun natti hime.
"Ati daangaa TikTok isa idilee dabartee jirta, gara riqicha daangaa namni tokkolee dhuguma maal akka ta'aa jiru hin beekne sanatti baatee jirta.'Yaada (comments) fiidiyoota dhimma kanaan wal-qabatan jalatti, namoonni I WANT TO STAY IN THE FARLANDS jecha jedhu irra deddeebi'anii bifa kooppiitiin yommuu barreessan ni argita.
Imaltoonni tokko tokko yaada jechoota 500 dheeratu barreessuun algoorizimicha kaasee ergaa wal-fakkaataa akka sitti agarsiisu godha jedhanii amanu. Kun dhugaadhaa? Waan danda'amu miti. Algorizimoonni miidiyaa hawaasummaa dhokatoo dha.
TikTok qunnamee dubbisuuf yaalee deebii hin arganne.
Maddox, "Namoonni to'annoo waan karaa Tiktok dhufuufii fi muuxannoo intarneetii isaanii deebisanii harka isaaniitti galfachuuf yaalaa jiru," jedha.
Kun qabiyyeewwan nutti dhufan algOorizimiidhaan nuffuu keenya fi sodaa keenya kan humna isaan jireenya keenya keessatti taphatan, maal akka arginu nu dhiiban irratti qabnu ibsa.
"Intarneetiin baay'ee humna namaa ol ta'aa jira. Karaa kanaan, Farlands bakka itti dhaabbachuu qabdu bira gahuu akka dandeessuf abdii fidee waan dhufe."
Moofaan duraanii hundi irra deebiin haaraa ta'a
Marii Farlands jedhamu kunuu fuggsioo qaba. Kaayyoon Farlands seenuu viidiyoota dhokatoo argachuu yoo ta'u, baay'een isaanii garuu amma ilaalcha miliyoonaan lakkaawwamu argachaa jiru.
Namoonni hedduun ammoo beekamtii argachuuf jecha viidiyoo haaraa bifa kanaan hojjechaa jiru.
Ta'us, fayyadamtoonni viidiyoon dhugaa maxxansa (tag) fi mata-duree tokko malee kan dhiyaatu fi ilaalcha baay'ee xiqqaa kan qabu ta'uu danda'a jedhu.
"Inni kun dhugumaan kuusaa waan adda addaa seenaa intarneetii guutuu keessaa walitti babba'anii fakkaata... Bakka dhimmoota dhuunfaa addaa, bifa sodaachisaa ta'ee fi garaa-garummaa qabani dha " jedha Ayidaan Waalker.
Viidiyoon Farlands inni dhugaan, akkuma namoonni tokko tokko sitti himan, ilaalcha si'a 30 qofa daawwatamuu fi akkaawuntii hordoftoota hin qabne irraa kan dhiyaatu dha; kunis namoota garmalee dhimmamanii barbaadaniif qofa kan argamu dha.
Ta'us, kun hundi yoo sa'aatii dabalataa TikTok irratti akka dabarsitu si taasise, inni kun waan dhaabbatichi barbaadu ta'uu isaa yaadachuun barbaachisaa dha.
Karaan ati itti dhiyeessitu karaa yoo ta'ellee, Farlands qaama yaada yeroo ammaa babal'ataa jiru.
Namoonni waggoota hedduudhaaf gara 'bilbila moofaatti jijjiiramaa jiru. Kaameeraaleen dhaloota duraa (analogue) fi shiboo qaban deebi'anii dhufanii jiru.
Walumaagala, gungummiin mormii tekinoolojii hawaasa keessatti dabalaara.
Tarii kun addatti seenaa hawwataa ta'e tokko ta'uu danda'a. Yookiin agarsiiftuu waan fuulduratti dhufuuf jiru ta'uu danda'a.















