Dubartoonni isparmii qurxummii waraannachaa jiru, maaliif?

Dubartoonni hedduun bareedinaaf, dulluma ofirraa ittisuuf, akkasumas gogaan isaanii akka ifuuf isparmii qurxummii bifa marfeen/lilmeen fuula isaaniirra waraannachuun baramaa dhufeera.
Dubartoonni baayyeen Dubartiin Abii jedhamtu kan umuriin ishee 29 ta'u kilinika miidhaginaa Kibba Maanchistar keessatti argamutti wal'aansa bareedina akkasii warra argatan keessaa ishee tokko.
Yeroo wal'aansi kun isheef kennamu akka heddu ishee dhukkube himte. Gogaan fuula ishee akka miidhaguuf zayita (jiinii isparmii) qurxummii saalmoon jedhamu keessa baafame lilmoodhaan kennameefi jira.
Qacceen sanyii (DNA) namaa kan qurxummii wajjin wal fakkaata jedhu qorattootni.
Ispermiin kanaa erga qaama namaa keessa seenee booda pirootiinota 'kolaajiinii(collagen) fi elaastiin (elastin)' jedhaman akka uumuuf gargaara akka yaada ogeeyyiitti.
Pirootinoonni gosti lamaan kun gogaan boca isaa eeggatee akka miidhagu gargaaru.
Abiin gogaan ishee miidhagaa fi fayyaa akka ta'u barbaaddi. Akkasumas, finnisni fi godaannisni gogaa ishee irratti mul'atu akka balleessu barbaaddi.
"Rakkoolee kana furuun barbaada" jetti.
Jiiniin isparmii qurxummii irraa baafame wal'aansa gogaatiif fayyaduu isaa hedduun mala kana "dinqiidha" jechaa jiru.
Namoonni bebbeekamoo fi artistootni waa'ee wal'aansa kanaa dubbachuun isaanii caalaatti akka beekamu taasiseera.
Weellistuun lammii Biriteen Chaarlii XCX faayidaa zayita qurxummii gogaa ishee keessa lilmoodhaan naqachuun qabu ibsitee,
Hordoftoota ishee miliyoona 9 ta'an inistaagiraamii irraa qabduuf akka qooddetti ''akka vitaaminii fudhachuutti'' jette.
''Kanaan durawallaansa baqaqsanii hodhuun pilaastikii (filler) gogaa koo wal'aanaa ture. Amma barri filler dhumeera," jette weellistuun kun.

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Taatuu beekamtuun Kiim Kaardaashiyaani fi Kilooy Kaardaashiyaanis waa'ee wal'aansa kana yeroo jajan dhaga'ameera.
Taatuu Jeenifer Aniston gaaffiifi deebii Jimmi Kimmel waliin taasifteen jijjiirama ishee gogaaa ishee ibsiteetti.
''Mee na ilaalaa zayitni qurxummii gogaa bareedaa naaf hin kennine?" jechuun gaafatti.
Akka Suuzaan Maansfiild, ogeettiin gogaa dhaabbata Dermafocus jedhamu keessa hojjattu jettutti, ''yeroo kana miidhaa dulloomni gogaa irratti fidu duubatti deebisuu dandeenyu irra geenyerra."
Kunuunsi gogaa jijjiirameera. Qorannoon fi yaalii saayinsii akka agarsiisutti, ispaarmiin qurxummii irraa baafame gogaa haaromsuu danda'a.
Gogaan shuntuuruu fi goddaanisa fuulatti bahullee ni hir'isa.
"Hojiin keenya elemantii qaama namaa keessa jiru guddisaniiol baasuudha. Kanatu wal'aansicha adda taasisa," jetti Suuzaan.
Garuu gatiin wal'aansa kanaa qaala'aadha. Qoricha lilmoo tokkoof gatii paawondii 250 hanga 500 kan gaafatudha. Jijiirama fiduuf yoo xiqqaate torban walitti aanuuf si'a sadii qoricha kana lilmoo fudhachuun ni gorfama.
Akkasumas, ji'a jahaa hanga sagaliitti akka inni sirriitti gogaa miidhagsuuf itti fufanii waraannachuutu barbaachisaadha.
Narsii miidhaginaa kan taate Helenaa Daank kilinika kana hojjetu kan ofiishee qabdi. Narsiin kun akka jettutti, wallaansa miidhaginaa kana kennuun dabalaa dhufeera.
"Maamiloonni koo hedduun garaagarummaa guddaa akka argan dubbatu. Gogaan isaanii cucculuqaa, fayya qabeessaa fi fuula ijoollee fakkaata jedhu."
''Maamiltoonni koo muraasni garuu garaagarummaa guddaa hin argine, ta'us garuu gogaan isaanii haaraa ta'ee kan hin shuntuurre ta'uutu itti dhaga'ama."
Abin wal'aansa kanaan gammadeetti. "Lilmoo fudhachuun nama dhukkubsa" jettus garuu bu'aa argitetti gammaddeetti.
Boolli ijaashee duraan gurraacha tures amma wallaansa kanaan booda qulqullaa'eera.
Wal'aansi kun miidhaa kan hin qabneefi bu'a qabeessa akka ta'e himama. Garuu akka haaraa ta'etti jaallatamni isaa afarfamuun saayinsiin dursaa jira.
Akka ogeessi gogaa Awustiraaliyaa Dr. Johon Pagliyeroo jedhanitti, bu'uura qacceen sanyii namaa kan ta'an niwuukilootaayidoonni(nucleotides) qaccee sanyii qurxummii irraa argamu kanaan miidhamuu danda'u.
''Ragaa amanamaa hin qabnu. Akka ogeessa fayyaa tokkootti bu'a qabeessummaa isaa beekuuf waggoota akka fudhatu ibsuu barbaada.
Wal'aansi kun nageenyaafi bu'a qabeessa ta'uu isaa mirkaneessuuf qorannoowwan amanamoo ta'an gaggeeffamuu qabu. Sun ammoo hanga ammaatti hin taane," jedhan

Madda suuraa, SM
Niiw Yoork kan jiraattu Shaarleet Birkiliin dubartii ganna 31ti. Cidha isheetiif jettee wal'aansi akka hojjetamuuf taasiste.
Wal'aansa kana waggaa tokko dura kan fudhatte yoo ta'u, battaluma sanatti infeekshiniin ishee mudate. Gogaan ishee gurraacha'ee iji ishee jallisaa dhidhiita'eera.
"Wanti na mudate faallaa waanan eegee ture. Miidhaa biraa qaba. Isaanis gogaa diimachuu, dhiita'uu fi gurraacha'uufaa dabalata. Miidhaan kun yeroodhaaf kan ta'udha," jetti.
Namoota tokko tokko irratti alarjiikii uumuun ni mudata. Ispermiin qurxummii gogaa isaanii keessatti sirnaan xuuxamuu dhiisuu danda'a.
Yeroo dheeraaf gogaan namaa dallansuu ykn infekshiniin uumamuu danda'a.
Biyyoota akka Yunaayitid Kingidam keessatti kilinikoonni miidhaginaa wal'aansa kana kennan jiraatanis akka dhaabbilee wal'aansa birootti qajeelfama hin qaban.
Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa illee eeyyama wal'aansaa isaanii hin raggaasifneef.
"Maaliifan akkasitti of darare jedheen yaada," jetti Shaarleet.
Miidhaa irra gahe irraa dandamachuuf doolaara kumaatamaan lakkaa'amu baasteetti.
Ji'oota 10f wal'aansa erga argattee boodas madaan gogaa ishee irratti mul'ate ammallee hin baadne. Amma booda yaala kana irra deebitee akka hin yaalle dubbatti.
"To'annoon waan hin jirreef namni kamiyyuu omisha kamiyyuu fayyadamuu danda'a. Kun balaa qaba," jedhu pirezidaantiin Kolleejjii Fayyaa Miidhaginaa Biriteen Dr. Soofii Shoortar.
Maamiltoota isaanii kanneen bifa uumamaa qabaachuu barbaadaniif wal'aansa kana kan dhiyeessan yoo ta'u, filannoowwan biroo akka jiranis ni kaasu.































