Injifannoon 3-0 Arsenaal tapha jalqabaan argate maal akeeke?

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal waggoota darban keessa saalfachaa ture Piriimer Liigii kan jalqabe. Jifatee goolii galchuu caalaa ittisee qabxii eegsifatee ba'uu filachaa ture. Barana garuu tapha jalqabaa isaarraa goolii omishuuf kan gale fakkaata. Ittisuu qofaarratti hin xiyyeeffanne, daboon ba'ee haleela.
Tapha jalqabaa Piriimer Liigii bara kanaa Emireetis Istaadiyeem irratti garee Firaank Laampaard, Koventarii waliin taphateen goolii 3 fi 0'n mo'ateera Arsenaal.
Ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan kan tilmaames kanuma ture. Arsenaal 3 fi 0'n mo'ata jedhee akkuma inni tilmaame ta'e.
Miirrii Emireetis Istaadiyeem keessa ture gubbaa hanga gadiitti adda ture; hamileen taphatootarraa mul'atus ergaa addaa qaba: 'Shaampiyoonaa'.
Waancaa dheebuu waggaa 22 booda milkeessan kana akka kaka'umsa guddaatti fayyadamuun bara kanas akka harkaa hin baanetti cichoomina addaan waan dhiyaatan fakkaatu.
Tapha kana jalqabanii hanga xumuranitti sagaleen "champions of England" addaan hin citu.
Amballii Arsenaal Maartiin Odegaard waancaan mo'atan ofitti amanamummaa akkamii akka isaaniif kenne gaaffiifi deebii kennerratti ibseera. Hamileen garee isaa waancaa bara darbee baranas kan isaanii godhachuuf of eeggannoo gochuu miti, sirriitti haleelanii tapha agarsiisuu barbaadu jechuun miira itti jiran ibse Odegaard.
"Inni bara darbee darbeera, barans sirriitti taphannee ammas agarsiisuu barbaadna. Amma waan itti jirru kanadha."
Kilaba reefuu gara Piriimer Liigiitti guddate waliin morkachuun salphaa miti, kan jedhe Odegaard, bara 2021 tapha jalqabaarratti yeroo sana gara Piriimer Liigiitti kan guddate Bireentifoordiin mo'amuu yaadateera.
Haata'u malee, erga bara sanaatii manaajariin arsenaal Mikeel Arteettaa garee kana bu'uurarraa jijjiireera. Amma arteettaan Piriimer Liigii keessatti taphoota 250 gadi taasiseen 150 irratti mo'achuun leenjisaa shanaffaa ta'eera. Kunis Peep Gaardiyoolaa, Joozee Moriinihoo, Yaargen Kiloop fi Sar Aleks Fargusanitti aanseeti.
'Taphattoonni ciccimoon milka'ainarraa deebiyuun haala jiru jijjiireera'
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Arteettaan miira Emireetis Istaadiyeem keessa jiru garee morkataa akka sodaatan gochuufis itti fayyadamuuf yaaleera.
Bara darbe yeroo baayyee deeggartoonni Arsenaal miirri sodaafi yaaddoo agarsiisan taphattootarratti dhiibbaa uume jedhamee qeeqamaa turan.
Amma tapha jalqabaan Koventaarii mo'achuun isaanii qofti morkii bara kanaa guutummaa isaa murteessuu baatullee, waan dhufuuf jiruuf mallattoo agarsiiseeru qaba.
Tapha Jimaata galgala Hagayya 21, 2026 jalqabame kanarratti Arsenaaliif taphattoonni goolii galchan Kaay Haaveertiz, Maartiin Odegaard fi Bukaayoo Saakaa turan.
Taphattoonni kunneen bara darbes warra jalqaba hiriiranii tapahtan turan. Bara kanas jalqaba hiriiruun jalqabuun, Zee Gaanars akka taphaan caalee mo'achuu danda'u agarsiisaniiru.
Daqiiqaa 23ffaa irratti 2-0n dursuu jalqaban Arsenaal. Kun ammoo erga bara 2023 Wolvis irratti taphni jalqabamee yeroo gabaabaa keessatti hanga kanaan dursuun isa jalqabaati.
Bara darbe miidhamaan hanga irraa eegamu kan hin tajaajiliin ture Maartiin Odegaard amma ga'umsasaa gaariitti deebiyeera. Waancaa Komuniitii Shiild Maanchester Siitii mo'atanirratti Odegaard taphataa cimaa morkii sanaa ture.
Bara kana tapha lamarratti goolii lama lakkoofsisuun kan bara darbe taphoota 36 irratti galmeesse milkeessuu danda'eera.
Kiristoos Zoolis 'harka afaanirra kaawwachiisaa' jira

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan Ganna kana mallatteesse Kiristoos Zoolis 'harka afaanirra kaawwachiisaa' jira. Arsenaal taphataa kana yeroo mallatteessisu akka dhaabbataatti ykn sarara cinaa gama bitaarratti guutummaatti isarratti hirkachuuf hin turre. Ammayyu sarara sanarratti taphataa buleessa ta'eefi maqaa gaarii qabu barbaadaa jiru.
Itti milka'auu baatus Viniishiyees Juuniyeriin Riyaal Maadiriid irraa fudhachuuf yaaliin taasise kanaaf agarsiistuudha. Haata'u malee, Zoolis bakka kanarratti ammumaan gahumsa ajaa'ibaa agarsiisaa waan jiruuf bara kana Arsenaaliif seenaa hojjeta jedhamaa jira.
Gahumsa taphattoonni hunduu agarsiisaniif qabxii 1-10 kenname keessaa gamanaafi gamasii (Arsenaal fi Koventarii) keessaa kan Zoolisitti dhiyaatu hin jiru. Zoolis qofatu 9/10 argate.
Kaaliyaafoorii, Odegaard fi Saaakaan 8/10 argataniiru.
Kiristoos Zoolis tapha michummaa ture keessattis goolii galchuufi kubbaa gooliif mijatu kennuun jalqabe. Amma deeggartoonni arsenaal haalaan dinqisiifachuun jalqaban.
Komuniitii Shiild irrattis kubbaa gooliif ta'u lama mijeessee kennuun ammumarraan taphataa bu'a qabeessa ta'uu isaa mirkaneesseera.
Taphataan kun gatii ittiin fudhe, innis £34m waliin yeroo ilaalamu jijjiirraa baayyee milkaa'aadha.
Maartiin Odegaard, ga'umsa Kiristoos Zoolis kana haalaan ajaa'ibsiifataa jira.
"Ajaa'iba, tapha dinqisiisaa taphata," jechuun yeroo gabaabaa keessatti ga'umsa inni agarsiise BBC Sport'tti hime.
Mikeel Arteettaan akkuma kana taphataa jijjiirama guddaa fidu ta'uu dubbate.



















