Gaa'illi Peep Gaardiyoolaa isaa fi Maan Siitii hagam miidhee ture?

Peep Gaardiyoolaa, haadha warraa isaa duraanii Kiristinnaa Seeraa, fi ijoollee isaa durbaa lamaan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Sadaasa 2024 Peep Gaardiyoolaan Maanchister Siitii keessa turuuf waliigaltee haaraa mallatteesse. Garuu sababoota adda addaan kontiraata isaa haaressuu dhiisuuf akka ture ifa baase.

Yeroo sana taphoota afur walitti aansee akka mo'ameen daariktera kilebichaa Keevin Maakdoonaalditti ''kun isa dhumaakoo taha'' jedhee akka itti hime ibse.

Sagantaa biraa irratti hogganaan Maan Siitii Kaalduun Al Mubaarak leenjisaa seenaa qabeessa kana amansiisuun tursiisa jedhee hin yaannen ture jedhe.

''Mucaa jeedala arge jedhee boo'u sana beektaa? inni akka mucaa sanaati,'' jedhe.

''Yeroo hundumaa akka turuuf isa amansiisaan ture. Waggaa darbe garuu dhugumaan akka mucaa jeedala arge sanaa tahe.''

Hogganaan Maanchister Siitii kana kan jedhan Peep Gaardiyoolaan akka leenjisaa kilebichaa tahee turuus akka daa'ima sossobee amansiisuuf akka dhama'aa ture ibse. Kanumaafidha fakkeenya mucaa jeedala argee kan fudhate.

Bara 2024-25 qabxiin Maanchister Siitiia kan gadi bu'uuf wantoonni shoora olaanaa taphatan hedduudha.

Himannaa 115 seera faayinaansii Piriimer Liigii cabsuu irratti dhiyaate waan tokko ture.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Dabalata ammoo bara 2024-25 mo'ataa badhaasa Ballon d'or kan tahe Roodiiin yeroo dheeraaf miidhame.

Kana gidduutti ammoo jireenyi Peep Gaardiyoolaa rakkoo guddaa keessa gale. Gaa'illi isaa diigame.

Miidiyaaleen ammoo sababa kana irraa kan ka'e rakkoo fayyaa sammuu godhachuu hin hafne jechuun gabaasan.

Tapha Shaampiyoonsi Liigii 3-3 Feeynoord waliin xumurame booda fuulli isaafi mataan isaa moccoramee argamuun Peep dhiphina keessa galuu hin hafne ejdhame.

Gaardiyoolaan dhibee sammuu kan jedhu kana irratti walii hin galu. garuu miseensa garee teeknikaa isaa tahuun yeroo dheeraa kan hojjete Maanel Estiyaarte jedhamu taphattoonni amala Gaardiyoolaa kanaan yaadda'aa turuu hime.

''Baay'ee yaadda'aa turan. Sababni isaas Peep baay'ee aara ture'' jedhe.

''Ni gadda. Anama addaa tahe. Sababa isaa ana qofatu beeka'' jedhe.

''Gareetti akkas jedheen hime. Adaraa keessan isa hubadhaa. Leenjisaa keessan waliin morkattu ykn taphattu miti. takka takka miirri isaa jeeqamuun waanuma jirudha. Gaa'ila isaa hiikaa jira. Innis nama tahuu, qormaata keessa akka darbu hubadhaanii,'' jedhe.

Peep Gaardiyoolaan dhimma kana tapha Shaampiyoonsi Liigii irratti bara 2024 mo'amanii taphattoota isaaf eere.

''Dhiiroo, amma amanuun qaba,'' jedhe.

''Dubartii addunyaa kana irraa baay'ee bareedduu taate, haadha warraakoo, haadha warraakoo duraanii wal hiikneerra. Akka maleen ishee jaalladha. Sababoota hedduudhaan kaka'umsa dhabne. Fedhii, haamilee dhabne,'' jedhe.

''Ishee nan jaalladhaa? Eeyyee, akka malee. Isheenoo na jaallattii? Eeyyee. Garuu of kennuu ykn haamilee dhabne. Kubba akkamiin taphattu? Waan keessa keessan jiru irraa kaataniiti. Of kennuun maal irraa dhufa?''

''Jireenya keessan keessatti waan kamiyyuu yeroo gootan of kennaatii hojjedhaa. Haamilee guutuudhaan. Ani taphataa cimaa hin barbaadu. Taphataa osoo of hin qusatiin of kennee taphatun barbaada,'' jedhe.

peep Gaardiyoolaan waan dhiphate fakkaata

Madda suuraa, Getty Images

Baayer Liiverkusaniin bara 2025 mo'amanii Peep akkas jechuun taphattootatti dubbate.

''Isiniif nan hojjedha. Jireenyakoo, gaa'ilakoo diigame, maatiikoo isiniif jedhee nan dhiisa. Waan hundaa isiniifan dhiisa. Isin ammoo maal naaf kennitu?'' jedhe.

''Gahumsa isin agarsiiftan hunduu gaarii miti. Jarana kun baay'ee namatti hin tolu'' jedheeni.

''Yeroon kana argu humnan dhaba, abdiin kutadha, dhaabuuf nan murteessa. Yeroo isin akkas taphattanii mo'amnu waanan qofaakoo jiru natti fakkaata,'' isaaniin jedhe.

Yoo gahumsi isaanii hin fooyya'u tahe ammoo leenjisaa haaraan biraa akka dhufu isaanitti hime.

Sanaan boodas osoo taphni hin jalqabiin dura taphattoonni hundi akka wal hammatanii jaalala walitti agarsiisan godhe. Isas deemanii hammatu.

Keevin De Biruun waggaa 10 booda Siitii gadhiisuun akka malee Peep Gaardiyoolaa miidheera.

Isa dhabuu isaan Peep guyyaan boo'e jira. Cherkiin ammoo akak isa bakka bu'u bitamee dandeettii qabaatus ilaalcha gaarii hin qabu jedhame.

Peep Gaardiyoolaan waggoota 10 Maanchister Siitii leenjisee waancaawwan 20 mo'atee kilebicha gadhiise. Bara xumuraa isaattis waancaa FA fi Liig Kaappii mo'ateera.

Waa'ee fuulduree isaa gaafatamee ammoo ''waanan godhuyyuu hin beeku. Haala kanaan leenjisummaatti deebi'uun ulfaataadha. Dura waan jireenyakoo keessatti tahe haaressuun qaba'' jedhe.

Yeroo Itihaad irratti sirni gaggeessaa isaa godhamu intala isaa Maariyaa fi abbaa isaa waggaa 95 tahantu qofatu isa waliin ture.