Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maallaqa dhabuun daandiirra jiraachuurraa hanga Gorsaa faayinaansii ta'uutti
Piiter Komolaafee lammii Naayijeeriyaa yoo ta'u waggaa 18 yeroo ta'u UK keessatti nama abdii kutee fi mana keessa jiraatulleen hin qabne ta'e.
Dargaggeessa kana maatiin isaa jireenya fooyya'aa ofiifis jiraatee maatii isaatis akka gargaaruuf abdatameeti Naayijeeriyaa irraa garasitti kan ergan.
Maallaqa homaa dhabuurraa amma gorsaa dinagdee keessatti nama akkaan barbaadamuu fi kan barreesitoonnii fi waltajjii irrattillee dubbiif filatamu ta'e.
Bara 1979 maatii hundeen isaanii Naayijeeriyaa ta'e irraa Ingilaand keessatti kan dhalate yoo ta'u, maatiin isaa nama isa guddisu barbaachaaf gaazexaa irratti beeksisa baasanii ture.
Komolaafeen yeroo umriinsaa ji'a sadii ta'u maatiin warra adii ta'anii fi Kibba Baha Ingilaad jiraatan tokko guddisuuf fudhatan.
"Ani maatii Kanaan guddifamuuf carraaa argachuu kiyyaan nama carra qabeessa ta'edha" jedha.
Garuu haalli barnootaa laayyoo hin taane. Hawaasa baayyinaan adii ta'e keessatti gurraacha ta'anii argamuun halleellaa sanyummaa, maqaa masoo fi arrabsoo adda addaatiif saaxilame. Yeroo mana barumsaatii galu mara boo'aa galaa ture.
Maatiin isa guddisan komii isaanii mana barumsaatti dhiheessanis wanti jijjiirame hin turre. Booda abbaan isa guddisaa jiru Komolaafeen ofitti amanamummaan waan isa mudataa jiru kana keessa akka darbu gorse. Innis kanuma raawwate.
Ganna yeroo barnoonni cufamu maatii isaa daawwachuuf imala. Yeroo isaan bira deemu maatiin isaa kuni hiriyoota isaa waliin akka walinargine, miira mana ofii jiraachuu akka isatti hin dhagahamne godhu.
Guyyaa tokko yeroo inni umriinsaa waggaa saddeet ture wani hundi nijijjiirame. Maatiin isaa kan boodarra gara Naayijeeriyaatti galan xiyyaaran fudhatanii deeman.
Isaaf kuni balallii xiyyaaraa jalqabaati. Yeroo hunda hawwiin isaa paayileetii ta'uu ture. Samii keessaa gadi ilaaluun sammuu isaa baayyee gammachiise.
Biyya haaraa
Magaala Guddoo Naayijeeriyaa Legoositti yeroo xiyyaara irraa bu'u wacatu isa simate. Yeroo sana inni afaan Ingiliffaa qofa beeka. Afaan maatii saa Yoruubaa hin beeku.
Eega dirree xiyyaaratii bahanii haadha isaaatiin hammatamee konkolaataan sa'aatii dheeraaf imalan.
Daandiirratti hirriibni isa fudhate. Ganama yeroo ka'u firootni isa arguuf dhufan mana guutaniiru. Namni hundi isa ilaaluu barbaada. Firoonnisaa dhufan afaan Ingiliffaan yoo isaanitti haasa'e akka hubatan itti himan.
"Yeroo sanaaf waan nama dhiphisu ture. Taatee guddaa wayii ta'e. namni hundi yaadnisaa anumarra. Hirriibaa ka'ee eessan jira? Kan jedhun ofgaafachaa ture. Namootni mana guutan kunihoo eenyu?"
Imalli isaanii kuni torbee lamaaf qofa akka ta'e nibeeka ture. Gaaftokko ganamaan ka'ee uffatasaa uffatee qophaa'e.
"Gara Buufata xiyyaaraa yoom deemnaa? Balalliin sa'aatii meeqatti? Jedhee harmeesaa gaafata.
Harmeensaa xiqqoo itti kolfanii akka asuma turtu jedhameera jedhaniin.
Baayyee aare. Akka bakka wayiitti danqamee hafe wayiitu itti dhagahame. Akka daa'ima waggaa saddeetiitti garuu filannoo homaatuu hin qabdu.
Eegasii kutaasaa seenee karaa keessaa balbala qollofate. Nama kamittuu haasa'uu dide.
Mormii isaa kana ibsachuuf jechas afaan Yorubaa gonkuma dubbachuu dide. Barateera. Akka fedhetti beeka. Garuu yoo ingiliffaan itti dubbatan malee hin deebisu.
"as turuu akkan hin jaalanne karaan ittiin ibsadhu keessaa tokko ture" jedha.
Waggaan jalqabaa isaaf gaarii hin turre. Ijoollee kaanirraa adda waan ta'ee fi loqoda warra Ingiliizii waan dubbatuuf niqollifama.
Haala kana hunda keessa osoo darbuu Kolaafee harkaa yeroo hunda kophee fi dabtarri hin dhabamu. Seenaawwanii fi olmaasaa nibarreessa. Umriisaa waggaa 15tti dhaabbata UNICEF'f beeksisayyuu barreesseera.
Bakka amma jiraatu kanatti bishaan qulqulluun, elektiriisiitiin hin jiru. Garuu haala mijataa hin taane keessa yoo seente keessaa ofbaasuun gaheekooti jedhee amana.
Guyyaa hunda gadi bahee xiyyaara samiirra darbu ilaala. Gaaftokko xiyyaarotra kana keessaa tokko keessa ta'een of arga jedhees abdata.
Erga barnoota sadarkaa lammaffaa xumureen booda inni haala biyyichaa kana wajjiin walbaruu akka dadhabe waan hubataniif maatiinsaa maallaqa qusatanii gara Londonitti deebisanii erguu yaadan.
Imalli isaa saffisaa ture. Abbaan isaa torbee tokko keessatti akka imalaaf qophaa'u itti himan. Guyyaa itti aanummoo 'Shaanxaakee qopheeffadhu, saa'aatii afur booda deemta" jedhaniin.
Komolaafeen waan qabu qabatee buufata xiyyaaraan bahe. Doolaara 67 fi bilbila maatii dura guddifachaan isa fudhatanii qabateera. Garuu isaan waliin waggaa kudhanii oliif walqunnamee hin beeku. Isaan bakka inni jiruyyuu quba hin qaban.
Umriisaa waggaa 18tti waa'ee maallaqaa hubannaa gahaa hin qabu. Maallaqni inni kiisii keessaa qabu maal akka bituufii danda'ullee hin beeku. Tari maatii isa guddifatan suni bakka duraa yoo hin jiraanne maal gochuu akka qabulleen hin beeku.
Ji'a onkololeessaa keessa buufata xiyyaaraa Hiitiroowitti bu'e. baabura yaabbatee gara Hastinitti imaluun balbala maatii isa guddisanii dhadhahe.
Deebiin hin jiru.
Qaamni isaa rifaatuu dillallaa'ee sa'aatii sadiif achuma balbala dura gogee taa'e. booda warri olla sanaa isa argan.
Duuba maatiin isa guddisan suni turanii dhufan. Baayyeema gammade.
"Nagaa hoo'aadhaan nasimatu jedheen sammuukootti yaadee ture. Yoon ofduuba deebi'ee yaadummoo wagga 10 oliif waa'eekoo dhagahanii hin beekan. Jireenya isaanii itti fufan. Daa'ima biraa guddifataniiru. Sanirrattimmoo warra qabeenya qabu miti"
Ji'oota lamaaf erga isaan bira tureen booda abbaan isa guddifate kuni lakkoofsa inshuraansii biyyaalessaa akka inni argatu gargaaran. Eegasii hojii jalqabaasaa argate. Haati isa guddifatte Silviyaanis waan dandeessu hunda gootef.
"Kanaan booda daandii mataa kiyyaarra ofjiraachisuun qaba jedheen murteesse" jedha Komolaafeen.
Daandiirra jiraachuu
Komolaafeen yeroo jalqabaatiif hojii argatee mindaa argachuu jalqabe. Garuu maallaqa qabachuu irratti homaa hubannoo hin qabu maallaqa argatu kiraa manaatiifillee osoo hin hambifatin balleessa. Booda mana keessa jiraatu keessaa ari'ame.
Gara maatii isa guddifate sanaatti deebi'uus yaadee ture garuu akkas gochuu hin keessisaa dide. Isaan carraa ittiin lafaa ka'u uumaniifii jiru. Inni garuu duubatti ofdeebise.
Kanaaf daandiirra buluu jalqabe. Galgala bakka fooyya'aa fi qorra baayyee hin qabne filatee ciisa. "Waan baayyee sukaneessaa ture" jedha.
Gargaarsi bakka inni hin eegnerraa dhufeef. Nama Keet Tiiz jedhamurraa. Maqaan masoo kuni Ilkaan isaa hin bareennerraa mogga'eef.
Guyyaa tokko Komolaafeen qorra keessa bakka ciisu osoo barbaadaa jituu Tiiz isa argee soofaasaa kenneef. Guyyaa muraasa booda ammoo harmeessaa kan magaala Ollaa sanaa Raayi jedhamtu keessa jiraatan bira akka dahatu godhe.
Komolaafeef aara galfiitu ta'e. booda akka qubatu iyyatee gaafatee hojiis barbaacha jalqabe. Afgaaffii lamaaf waamame. Tokko Istiborni keessatti hojii baankiitiifi.
Achi deemuu hin barbaanne. Sababnisaas yeroo daandiirra jiraachaa turecheekii liqii baankii hedduurraa fayyadamaa waan tureef idaa baayyeetu irra jira. Sababa seenaa faayinaansii isaatiin hojicha naaf hin kennan jedhee sodaate.
Garuummoo yoo afgaaffii sana hafe waan baayyee akka dhabu waan beekeef nideeme.
Namni afgaaffii sana isa gaafate ani Kaasherii cimaa akka taatun sigodha jedheen.
"Isheen waan ani ofirratti hin argine nakeesatti argite natti fakkaata" jedha Komolaafeen.
Carraa gaarii seenaa jijjiire
Akkuma carraatti Komolaafeen ogummaa fedhiisaa ta'e kana argate.
Walakkaa waggaa yeroo gahu maamiloota waliin dhimma omishaa fi tajaajila isaanii irratti kallattiidhaan akka hojjetu ta'e.
Eegasii ogummaa isaa guddachaa adeeme. Baankiiwwan gurguddoo keessa hojjete.
Komolaafeen yeroo gamoowwan gurguddoo gidduu deemu guyyaa tokko innis akka kanarra gahu niyaada ture.
Bara 2012 Kaampaanii akka addunyaatti guddaa fi Inshuraansii irratti hojjetu keessatti gahee hojii argate. Biiroon isaa gamo dhedheeroo keessaa tokko ta'e irratti darbii 50ffaarra ture.
Osoo digiriidhaan hin eebbifamne daanddiirra buluurra hanga darbii 50ffaa irratti waajjira qabaachuutti gahuun jechaan ibsuuf waan itti ulfaatu akka ta'e hima.
"Nama jireenya kana jiraate yoo ta'e malee kana nama biraatti himanii amansiisuun ulfaataadha" jedha.
Yeroo daandiirra bulaa ture namoota galanii mana isaanii keessa hoo'ifatanii rafan jireenyi isaanii hangam gammachiisaa akka ta'e yaadaa akka ture dubbata.
Turtii waggoota shanii keesatti bilbila kaasuurraa eegaluun miseensa manajimantii hanga ta'uutti gahe. Kaampaanii sana keessatti nama gurraachi kanarra gahe isa qofa.
Komolaafeen muuxannoo isaa Kanaan namootaaf gama miidiyaa hawaasummaa, TV fi kitaabotaatiin gorsa kennaa jira.
Falaasamni jireenya isaas" Namni tokko waanin ani amma beekurraa harka 10 osoo nati himeera ta'ee, jiruu kiyya keessatti murtii fooyyee qabun murteessa ture" kan jedhu.