Doktarri Jarmanii namoota garmalee dhibamanii hospitaala seenan yaaluun beekamu namoota dhibamanii isa bira deeman keessaa 15 waan ajjeeseef hidhaa umrii guutuun itti murtaa'e.
Namni kun maqaansaa Johannes M yoo ta'u umriinsaa waggaa 41 jedhe manni murtii Berlin.
Namni kun bara 2021 fi 2024 gidduutti dubartoota 12 fi dhiirota sadi ajjeesuun balleessaan itti murame.
Aanga'oonni ajjeechaawwan namni kun raawwate keessaa lakkoofsi ibsame kun baayyee muraasa jedhan.
Yeroo ammaa abbootiin alangaa ajjeechaawwan kaan doktarri kun ittiin shakkame qorataa jiru.
Namoonni harka doktara kanaatti du'uun mirkanaa'e umriinsaanii waggaa 25 fi 94 gidduudha.
Namoonni kunneen baayyee dhukkubsatanii turanis garuu dhukkubaan du'uunsaanii mirkana hin turre.
Abbootiin seeraa mana doktara kanaa deemuun qorannaa gaggeessan namni kun beekamtii dhukkubsattootaa malee qoricha nama ajjeesu walitti makuun kennaafii ture jedhan.
Doktarri kun namoota ajjeese faana balleessuuf ykn akka hin shakkamne gochuuf mana dhukkubsattoota ajjeeseetti balaa abiddaa uumuuf yaalaa ture jedhan abbootiin seeraa.
Doktarri kun Adoolessa 2024 battala qabamuuf jedhu dura dubartoota lama umriinsaanii waggaa 75 fi 76 ta'e ajjeesee ture.
Ergasii mana dubartii tokkootti abidda qabsiisuuf ture, garuu hin milkoofne.
Adeemsa seeraa waggaaf gaggeeffamaa ture keessatti doktarri kun homaa hin jenne.
Garuu ji'a darbe ''namoota ajjeesuu'' amanuun, kanneen ajjeese keessaa 12 akkaan kan dhukkubsatan ta'uu eere.
Dhukkubsattoonni kunn dhiphina hin barbaachifne keessa galuurra jedhee ajjeesaa akka ture mana murtiitti hime.
''Kana hunda yeroon raawwadhu, tarkaanfii baayyee filatamaa akka ta'etti hubadheeni,'' jedhe.
Dararaa namootarratti raawwate hundaaf dhiifama akka gaafates hime.
Aanga'oonni namoota hedduu akka ajjeese shakku, abbootiin seeraa ajjeechaawwan biroo 76 irratti qorannoo gaggeessaa jiru.