Finfinneetti halkan waarii dho'insi dhaga'amuu jiraattonni himan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Namoonni Finfinnee bakka gara garaa jiraatan BBC Afaan Amaaraa dubbise, kaleessa halkan sa'aatii 6:00 booda dho'insa jabaa dhaga'uu dubbatan.

Burqaan oduu Rooyitars gama isaatiin, maddeen dippilomaasii eeruun, Finfinnee keessatti Roobii halkan waaree dho'insi dhaga'amuu gabaaseera.

Namoonni BBC Afaan Amaaraa dubbise, Finfinnee naannawaa Gootaraa fi Beeteel jiraatan, dho'insa kana kan dhaga'an halkan waaree booda sa'aatii 6:20 irratti ta'uu dubbatan.

Jiraataan naannawaa Gootaraa jiraatu, sababa nageenyaaf jecha maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, halkan waaree sa'aatii 6:20 irratti osoo taa'anii hojii hojjechaa jiranii, "dho'insi guddaan gamoo keessa jiran sochoose" dhaga'uu dubbate.

"Dho'insi kun jabaa ture, alaarmiin konkolaataa illee akka iyyu taasiseera," kan jedhu jiraataan kun, dho'insa kana kan dhaga'e tilmaamaan halkan waaree naannoo sa'aatii 6:20 hanga 6:30 gidduu akka ta'e BBC Afaan Amaaraatti dubbateera.

Waan uumame kana qulqulleessuuf mana isaa keessaa akka ba'e kan dubbatu namni kun, sochii adda ta'e akka hin argine hime.

Dho'insi kun kallattii Xoor Hayilooch irraa moo Arat Kilo irraa akka dhufe qulqulleessuuf yaalii taasisees, hin milkoofne jechuun jiraataan kun hime.

Dargaggeessi biraa naannawaa Beeteel jiraatu, "geemii taphachaa turre" jedhe. Gama isaatiin, inniifi hiriyoonni isaa halkan keessaa sa'aatii torba irratti dho'insa dhaga'uu fi naannoo mana jireenyaa isaaniitti waan dhiyaatuuf, bakka Waajjirri Muummee Raayyaa Ittisa Itoophiyaa itti argamu, naannawaa Xoor Hayilooch ta'uu akka danda'u dubbate.

BBCn dhimma kana qulqulleessuuf Humna Ittisaa Itoophiyaa, akkasumas Waajjira Ministeera Muummee karaa bilbilaa fi imeeliin gaaffii dhiyeesseef, ammatti deebii hin arganne.

Sabaa himaleen Poolisii Federaalaa fi Finfinnee gama isaaniitiin, dhimmichi akka isaan hin ilaallanne ibsuun deebii kennuurraa of qusataniiru.

BBCn waa'ee dho'insa mudate jedhamee himamee fi miidhaan qaqqabe jiraachuu isaa qaama walaba ta'erraa qulqulleessuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Jiraattonni BBCn dubbise kunneen garuu dho'insi kun kan mudate si'a tokko qofa moo isaa ol ta'uu isaa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Dho'insi kun kan dhaga'ame, Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa (NISS) Roobii, Fulbaana 30, 2026 irraa kaasee yeroo hin murtoofneef, Finfinnee fi naannawa isheetti diroonii kamuu balaliisuuf hayyamni akka hin kennamne beeksisee booda.

Dhaabbatichi ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, "hayyamni diroonii balaliisuu kamuu yeroof hin kennamu" jedheera.

Waajjirichi akeekkachiisa kenneen, qaama kamuu diroonii fi wanta biraa balaliisu hordofuun bakka jirutti to'achuun seera dura akka dhaabu beeksiseera.

Dirooniiwwan osoo balali'anii argaman butuun, bakka barbaachisutti qubachiisuun akka qoratuus himeera.

Torban darbe gareen hidhattootaa tumsa tolfachuu erga beeksisaniin booda, Kaaba Itoophiyaatti waraanni ka'eera.

Mootummaa Naannoo Affaar fi mootummaa Federaalaa cinaa hiriiruun lolaa kan jiru Humni Nagaa Tigraay jedhamu, Waraanni Ertiraa daangaa Itoophiyaa cabsee seenuun kallattiin lola keessatti hirmaachuu isaa BBCtti himeera.

Itti gaafatamaan Kominikeeshinii Naannoo Affaar, Obbo Mohaammad Alii, BBCtti akka himanitti, loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun lola bananiiru.

Loltoonni Ertiraa kunneen Naannoo Affaar keessatti TPLF waliin ta'uun humnoota mootummaa irratti lola banuu kan himan Obbo Mohaammad, loltoonni fi meeshaaleen waraanaa Ertiraa booji'amuu isaaniis dubbatu.

Bulchaan Naannoo Affaar Awwal Arbaa, torban kana turtii Aljazeera waliin taasisaniin, waraanni Ertiraa naannoo Affaar irratti kallattiin haleellaa gaggeessaa akka jiru ibsaniiru.

Itaamaajoor Jeneraal Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa, torbee darbe miidiyaa Raayyaa Ittisaa waliin turtii taasisaniin, "lolaa kan jirru kanneen fedhii humnoota alaa raawwachuuf gurmaa'an waliin" jedhanii turan.

Loltoonni Ertiraa daangaa seenuun kallattiin lola gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuu fi dhiisuu isaanii ilaalchisee mootummaa Federaalaa irraa ifatti hanga ammaatti wanti ibsame hin jiru.

Ministirri Beeksisaa Ertiraa, Yamaanaa Gabramasqal, waa'ee loltoonni isaanii daangaa Itoophiyaa seenuun lola banuu fi dhiisuu gaafatamanii, "himannaa sobaa" ta'uu BBCtti himaniiru.

"Mootummaan Badhaadhinaa walitti bu'iinsawwan hedduu biyya keessatti gaggeeffamaa jiran gara dabarsuuf jecha mootummoota ollaa himachuun waanuma barameedha," jedhan qondaalli Ertiraa kun.

Ajajaan itti-aanaa Humnoota Nagaa Tigraay (TPF), Koloneel Barihee Baraakii (Weddii Raayyaa), "Humni deeggarsa waraanaa Mekaayizdii kennu jira. Kan biraan ammoo humna mormituu Affaar, Uguggumuu jedhamu, waliin walitti makamuun kan Shaabiyaa [Ertiraa] waliin wal tumsanii fi humnoonni isaan hogganan jiru," jedheera.

Ertiraan hidhattoota Itoophiyaa deeggarti kan jedhu irra deddeebi'amee qondaalota Itoophiyaarraa dhagahamaa ture.

Itoophiyaatti humnoonni hidhatanii socho'an kanaan dura diroonii akka fayyadaman wanti beekamu hin jiru.

Haa ta'u malee, erga waraanni kun jalqabamee booda gabaasaaleen bahan gara garaa carraa fayyadamuu isaanii agarsiisan.

Gareen mootummaa waliin hiriiruun lolaa jiran Kibxata baatirii diroonii qabeenyummaan isaa kan TPLF ta'uu himan booji'uu isaanii ibsaniiru.

BBCn meeshaa diroonii kan garee hidhattootaa ta'uu himame booji'amuu isaa qaama walaba ta'erraa qulqulleeffachuu hin dandeenye.

Kampaanii balaa ilaalchisuun xiinxala kennu 'Verisk Maplecroft' keessatti xiinxalaan dhimma Afrikaa kan ta'e Ediwaard Baak, humnoonni mormitootaa humna Finfinnee irratti haleellaa raawwachuu argachuun isaanii "taatee haala siyaasaa akkaan jijjiiru" akka ta'u Rooyitarsiif ibseera.

Haalli kun magaalaan guddoon kun ejjennoo mootummaan dhiibbaa waraanaa isaa bilisa jedhu kan dadhabsiisu ta'uu isaatiin ol, ol'aantummaa humna qilleensaa humnoonni Federaalaa qaban daangessuu danda'a jechuun dubbate.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa keessatti waggoota lamaaf gaggeeffamee, lubbuu namoota kuma dhibba hedduu galaafate, erga waliigaltee Piritooriyaatiin dhaabbatee booda waggoota afuriif hanga tokko nagaan bu'ee ture.

Mootummaan Federaalaa fi aanga'oonni Tigraay ibsa yeroo gara garaa baasaniin, wal gaarerfannaan gidduu isaaniitti yeroo hammaataa deemetti, Maqalee fi Tigraay bakkeewwan kaan keessatti haleellaan diroonii gaggeeffamuu gabaafameera.

TPLF torban darbe keessa garee hidhattoota biroo ja'a waliin tumsa 'Tibibbir La Hilliwuna' jedhu hundeessuu erga ibsanii booda, naannawaa daangaa Amaaraa fi Affaar keessatti waraanni jalqabeera.

Naannoo Tigraay keessatti ammoo tajaajilli bilbilaa fi interneetii Ethio Telecom addaan citeera.

Humnoonni Federaalaa naannolee Tigraay kibbaa to'achuu isaanii yoo ibsan, TPLF fi michoonni isaa ammoo gama naannoo Affaariin bakka to'atan qabaachuu isaanii himama.

Magaalota Affaar humnoonni TPLF akka to'atan himan keessaa jiraattonni kumaan lakkaa'aman buqqa'uu isaanii dhaabbileen namoomaa ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Affaar magaalota daangaa Tigraay irra jiran, Erbeetii fi Abhaalaa, deebisanii to'annoo isaanii jala galfachuu dubbateera.

Dura Taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa, Maahimud Alii Yusuuf, muddamaa fi gaarerfannaa waraanaa Kaaba Itoophiyaatti dhalate "akkaan akka isaan yaaddesse" ibsuun, walitti bu'iinsi kun "hatattamaan akka dhaabbatuuf" akeekkachiisaniiru.