Namoota waraanaan qe'eerraa buqqa'an dabalatee siiviloonni hedduun walitti bu'iinsa kaabaan rakkoof saaxilamaniiru- UN
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Waajjirri Gargaarsa Namoomaa Qindeessu (OCHA) kan damee Itoophiyaa waldhabdeen kaaba Itiyoophiyaa keessatti uumame lammiilee nagaa-kanneen kanaan dura sababa waraanaan buqqa’an dabalatee jiraattotni nagaa daran buqqa’aa jiraachuu ibseera.
OCHAn ibsa isaa keessatti qaamoleen wal waraanaa jiran hundi nageenyaa fi qabeenya hojjettoota gargaarsaa akka mirkaneessan gaafateera.
Gargaarsi lubbuu baraaruu giddu-seenummaa tokko malee akka ummata rakkoof saaxilamaniif akka dhihaatu haala mijeessuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.
OCHAn humnoonni hidhatan konkolaattota gargaarsa namoomaa yeroo adda addaa humnaan qabatanii turan hunda hatattamaan akka deebisan dhaameera.
Qindeessaan jaarmiyaa kanaa Ozooniyaa Ojiiloo (Dr) ibsa isaanii keessatti, buqqaatii haaraa cinatti, lammiileen kanaan dura buqqa’an balaa nageenyaa hammaaaf saaxilamuun isaanii eegumsa lammiilee nagaa ilaalchisee yaaddoo guddaa akka uume hubachiisaniiru.
Qondaalli kun itti dabaluudhaan hawaasni gargaarsa namoomaa naannolee miidhaman keessatti deeggarsa kennuu itti fufee osoo jiruu, haleellaa hojjettoota gargaarsaa, qabeenya, waajjiraalee fi bu’uuraalee siiviilii irratti raawwatamu ilaalchisee yaaddoon guddaan akka jiru ibsaniiru.
Keessattuu waldhabdeen dhiheenya kana kutaa kaaba biyyattii keessatti hammaate ilaalchisee yaaddoon hammaachuu ibsan.
OCHAn ibsa isaa keessatti yoo xiqqaate konkolaattonni gargaarsa namoomaa 10 gareewwan hidhataniin saamamuu isaanii kan gabaase yoo ta’u, hanga ammaatti kan argame lama qofa ta’uu ibseera.
Qindeessaan kun hojjettoonni gargaarsaa fi qabeenyi seera namoomaa idil-addunyaa jalatti haleellaa irraa kan eegamu ta’uu fi gonkumaa irratti qiyyaafatamuu akka hin qabne cimsanii dubbataniiru.
Qaamoleen hundi seeraa fi qajeeltoowwan idil-addunyaa akka kabajan, hojiiwwan gargaarsaa gufachiisuu irraa akka of qusatan, gargaarsi namoota gargaarsa barbaadaniif gufuu tokko malee akka geejjibsiifamu haala mijeessuun dirqama akka ta'e qondaalli kun waamicha dhiyeessaniiru.