Carraa Maanchister Siitiin ol iyyata isaanii itti mo'atan jiraa?

Etihaad, Istaadiyeemii maan Siitii
Ibsa waa'ee suuraa, Etihaad, Istaadiyeemii maan Siitii
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Maanchister Siitiin seera faayinaansii Piriimer Liigii cabsuun himatamanii himata 115niin yakkamaa tahaniiru.

Garuu ol iyyata fudhataniiru. Ol iyyata isaanii kana mo'achuuf garuu gaara guddaa bahuu isaan gaafata.

Yakka kana kan raawwatan bara 2009-10 fi 2017-18 keessa yoo tahu, kontiraata ispoonseraa sobaa gaggeessuun galii isaanii paawondii 830 ol guddisanii gabaasan.

Maan Siitiin balleessaa hin qabnu, kanaaf ammoo ragaa gahaa qabna jedhe. Manni murtii ragaalee dogogoraa irra dhaabbachuun murtee dabarse jedhanii amanu.

Murtichi dogogora ragaa, seeraa fi qajeelfamaa qaba'' jedhe Maan Siitiin.

Ol iyyata isaanii keessatti akka ispoonseraatti galii argame keessaa walakkaa mootummaan UAE kaffaluu mirkaneessuu qabu. Galiin argame isuma sirriifi abbootii qabeenyaan kan itti guutame miti jedhan.

Miseensa Waldaa Abbootii Seeraa Falmii Mana Murtii Landan [LSLA] kan tahe Jeemsi Seevern BBC Sport'tti akka himetti, ''ol iyyatichi murticha garagalchuuf dhaddachi biraa akka taa'amu kan godhu miti. Maan Siitiin dogogora seeraa, qajeelfamaa fi ragaa mudate jedhe dhiyeessuu qaba.''

Boordiin Ol Iyyannoo murtoo barbaade dabarsuu danda'a. Ol iyyatichas kuffiisuu ykn irra deebiin akka ilaalamu murteessuu danda'a.

Maan Siitiin ragaan dhiyaate dogogora tahuu mirkaneessuu

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Ispoonsera Maan Siitii guddaa kan tahe 'Etihad Airways' kana dura mootummaan Abu Daabii kaffaltii nuuf raawwateeru hin qabu jedhe.

Etihad Airways ispoonsera Siitii tahuun ni beekama. Garuu maallaqa dhaabbanni kun kaffaluu qabu harka wayyaa jalaan abbootiin qabeenyaa kilebichaa ofuma isaanii akka waan galii argataniitti kaffalaniiru jedhame.

Kun ammoo galii Maan Siitii akka guddatuu fi isa argataniin ol gabaasuuf jecha kan raawwatamedha jedhamuun kilebichi himatame.

Maan Siitiin ragaan mootummaa iyyata isaanii dhugaa tahuu akka mirkaneessu abdii qabna jedhu. Abbaan Seeraa Siiver ammoo ragaan kun durumaaniyyuu jira ykn dhiyaateera taanaan ol iyyata kana keessatti hedduu isaan hin gargaaru.

Ragaaleen kaffaltii baankii, ragaa mootummaa fi dookumantii kaffaltii kaantu ragaa cimaa isaaniif tahuu danda'a jedhe.

Odiitiin gaggeeffame kaffaltichi abbootii qabeenyaa irraa osoo hin taane mootummaa UAE irraa dhufuu agarsiise Maan Siitii gargaara.

Garuu durumaaniyyuu ragaaleen kunneen dhiyaatanii erga qoratamee murteen darbeera yoo tahe Maan Siitiin iyyata kanaan milkaa'uuf rakkoo keessa gala.

Ragaan ittisaa Maan Siitii dhiyeessuu malu, Komishiniin Walabaa qorannicha gaggeesse irra caalaa isaa ragaa dhoksaadhaan karaa 'Football Leaks' bahe irratti tahuu isaati.

Komishinichi ragaalee karaa iimeelii argate sana karaa dogogoraa hubachuu Maan Siitiin mirkaneessuu qaba.

Ragaan sobaa jiraachuu yoo mirakneessan carraa murticha irra deebiin ilaaluu argachuu akka danda'an abbootiin seeraa himan.

Komishinichi ragaa hedduu dhagaheera. Ragaa guutuu isaan hin arganne waliigalteen sobaa kilebichaa fi ispoonseroota gidduutti gaggeefamuu isaati. Maan Siitiin waliigalteen isaa dhugaa tahuu ragaaleedhaan deeggaruun mirkaneessuu qaba.

Ogeessonni seeraa akka jedhanitti Siitiin iyyata kanaan milkaa'uun baay'ee ulfaataadha. Akkasis tahee garuu ammayyuu karaan jira jedhu.

Abbootii seeraa filate waanuma komishinichi jedhe hundaa mormuu fi gatii dhabsiisuu qofa osoo hin taane ragaalee dhiyeessanii mormuu qabu jedhan.

Piriimer Liigiin tarkaanfii fudhachuuf adeemsi hundi torban 12 keessatti akka xumuramu gaafatus dubbii wal xaxaa waan taheef kanaan ol fudhachuu akka malu himan ogeessonni.