Injifannoo Waancaa Addunyaa harka Senegaalii fi DR Koongootii bahe

Madda suuraa, Getty Images
Senegaal Waancaa Addunyaa 2026 gara 16tti darbiteetti jettee addunyaan amantee ture. Taphni yeroo idilee kenname xumuramuuf daqiiqaa afur qofatu hafe.
Daqiiqaa 85 haga darbutti Senegaal galchii 2-0 Beeljiyeemiin dursaa turte. Leenjisaan Beeljiyeem Ruudii Gaarshiyaa Keevin de Biruunii fi Jeremii Dookuu baasuun taphattoota kaan galche.
Lukaakuun Beeljiyeemiif galchii lakkoofsisuun rikardii harkaa kan qabu kaleessas daqiiqaa 86 irratti galchii lakkoofsise.
Daqiiqaa lama booda ammas Tiilemaansi galchii wal qixxeesituu lakkoofsisuun 2-2- tahan. Senegaal amanuu hin dandeenye.
Leenjisaan Senegaal Paappee Tiyaaw taphattoota ciccimoo jijjiiree erga baasee haalli taphichaa jijjiiramaa deeme.
Taphataan duraanii Maanchister Yuunaayitid Rooy kiin, Senegaal erga morkattoota isaanii waan hundaan caalanii taphatanii mo'amanii bahan jedhe.
Duraan taphattoonni Beeljiyeem Tiilemaansii fi Tiroosaad waan mo'amaa jiraniif wal dhabaa turan.
Booda garuu gara sa'a dabalataatti cehan. Keevin De Biruunii fi Dookuunis jijjiiramanii bahuu isaaniitti leenjisichatti aaraa turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga galchiin galee garuu hunduu miira gaarii keessa turan. Sa'a dabalataa gara dhumaatti jijjiiramee sirree kan gale Lamiin Kamaraa Tiilemaansi irratti balleessaa hojjechuun VAR ilaalee Beeljiyeemiif rukuttaan peenaaliitii kenname.
Tiilemaansi galchii injifannoo kana Beeljiyeemiif lakkoofsisuun injifannoon bahan.
Senegaal injifannoo guutummaan harka isaanii keessa gale tikfachuu dadhabuun isaan harkaa bahe. Daqiiqaa sadii gidduutti waan hundaa dhaban.
Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti hanga daiiqaa dhumaa kanatti osoo 2-0 dursamaa jiru biyyi duubaa ka'ee mo'achuun seenaa akkasii galmeesse hin jiru.
Taphataan duraanii maanchister Yuunaayitid Iyaan Daabliin hanga daiiqaa 70tti Senegaal waan hundaan Beeljiyeem caalanii ture jedhe.
Leenjisaan Beeljiyeem Ruudii Gaarshiyaa ''kubba miilaa keessatti waan hunduu akka danda'amu argine'' jedhe.
Leenjisichi taphattoota jijjiireeti injifannoo kan argate.
Rukutaan peenaaliitii Senegaal irratti kenname falmisiisaadha. Taphataan Maan Yuunaayitid duraanii Gaarii Neevil rukuttaa peenaaliitii balleessaa kennisiiu miti jedhe.
Murteessaan kan yeroo dheeraa irra deddeebiin ilaalaa tureef waan murtoo isaa shakkeefidha. Waan kennisiisu miti'' jedhe.
Barri kun Senegaaliif gaarii miti. Waancaa Afrikaa irrattis daqiiqaa dhumaa irratti Morookoof rukuttaan peenaaliitii kenamee wal dhabdee kaase.
Leenjisaan Senegaal taphattoota jajjabeessuu qabna. waan danda'an hundaa kennaniiru. Galchii 2-0 eegsisuu dadhabuu keenyaan mo'amneerra. Kun dhugaadha. Garuu kubba miilaatu akkasi'' jedhe.
DR Koongoon Ingilaandiin salphistee ture. Hanga daqiiqaa 75 DR Koongoon Ingilaandiin 1-0 dursaa turte.
Inumaayyuu galchii 2-0 carraa ittiin dursaan argatanii ture. Haarii keen Ingilaandif galchii lama lakkoofsisee injifatanii bahan.
Ingilaandiif galchuun rikardii qaba. Ingilaandi dorgommicha keessaa bahuuf fiixeerra geessee ture.
Ameerikaan galchii 2-0 Boosiniyaa mo'atteetti. Qopheessitoonni Waancaa Addunyaa bara kanaa Kanaadaa, Ameerikaa fi Meksiikoon darbaniiru.
Ingilaand Meksiikoo waliin morkatti. Ol ka'insi istaadiyeemii Azetik taphattoota keenyaaf rakkisaa taha jedhe Meksiikoon.
Meksiikoon Ikkuwaadooriin 2-0 mo'attee darbite. Afrikaa irraa biyyoonni eegaman hafan Masirii fi Morookoodha. Keep Verdeenn ammoo Arjeentiinaa waliin morkatti.












