Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormii fi haaloo- Iraan gaggeessaa Kaameenii irratti Ameerikaa fi addunyaaf ergaa akkamii dabarsite?
- Barreessaa, Lyse Doucet
- Gahee, Chief international correspondent
- Gabaasni irraati, Tehran
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3
Sirni awwaalchaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii Jimaata, Adoolessa 3, 2026 irraa qabee torban tokkoof gaggeeffamaa jiru siyaasa biyyattii isa ijoo agarsiiseera.
Lammiileen biyyattii ajandaa ijoo Ayaatollaa Alii Kaameenii kan ture addunyaatti mul'isaniiru.
Sirna gaggeessaa magaalaa guddoo biyyattii Tehraan irratti uummanni biyyattii miiliyoonaan ba'uun gaddasaanii ibsaniiru.
Kun seenaa biyyattii keessatti sirna awwaalchaa isa guddicha namoonni hedduun irratti hirmaatan jedhameera.
Keessattuu sirna Wiixata ture irratti ergaan siyaasaa- mormii, falmii, haaloo of keessaa qabu bal'inaan mul'ateera.
Namoonni gadda ibsachuuf ba'an dhaadannoo mootummaan Rippaabilika Islaamaa Iraan ittiin beekamu ''duuti Ameerikaaf, duuti Israa'eliif,'' jedhu dhageessisaa turan.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp uummati Iraan ''imimmaan sobaa boo'a'' jechuun kan dubbateef lammiileen Iraan deebii kennaniiru.
Kanneen gadda ibsachuuf ba'an keessaa tokko akkas jette: ''Waggaa 47 dura kan warraaqsa eegalleef, gootota qaqqaalii hedduu kan dhabneef imimmaan sobaa boo'uuf miti.''
Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan ''imimmaan dhukkubbii fi gadda keessoo irraa maddedha, addunyaan dhugaa kana ni argiti,'' jechuun dubbii Tiraampiif deebii kennan.
Sirni gaggeessaa kun Tehraanitti erga gaggeeffamee booda Kibxata Adoolessa 7,2026 kibba Tehraan bakka Qom jedhamu dabalatee iddoowwan kabajaa fi qulqulluu (iddoowwan amantii) keessatti ni gaggeeffama.
Sana booda gara Iraaq iddoowwan Najaf fi Karbala jedhamanitti gaggeeffama.
Sirni awwaalchaa xumuraa Kamisa iddoo dhalootaa Alii Kaameenii kan Mashhad keessatti kan argamu iddoo qulqulluu (woyyuu) Imam Reza Shrine jedhamutti gaggeeffama.
''Sirni awwaalchaa kun yeroo qophaa'u Alii Kaameenii akka hoogganaa biyyaa qofatti ilaalamee miti.
Akka duree amantii fi hoogganaa siyaasaa aangoonsaa biyyoota Muslimaa kaan keessattillee dhiibbaa uumaa turetti qophaa'e,'' jedhe Yuniversitii Tehraanitti qorataa kan ta'e Mohammad Eslami.
Magaalaa Tehraan keessatti reenfi Ayaatollaa Alii Kaameenii fi maatii isaan waliin ajeefamanii uummata kumaa kitilaan gadda ibsachuuf ba'anitti agarsiifameera.
Hunduu haleellaa Guraandhala 28 US fi Israa'el wal ta'uun Iraan irratti raawwataniin ajjeefaman.
Alaabaan mallattoo dhiigaa fi wareegamaa bal'inaan mirmirfamaa ture. Ergaansaa gumaa Alii Kaameenii ni baafanna kan jedhu fakkaata.
Dhaadannoowwan Ingiliffaan barreeffaman Tiraamp xiyyeeffannaa jalqabaa ta'uu mul'isu.
Mootummaan Iraan uummanni biyyattii dhaadannoo ''haaloo ba'uun waan hin oolle, gatii ni kaffalu. Cimsinee adabna,'' jedhu akka dhageessisan ajajeera.
Kanneen gaddasaanii ibsachuu ba'an keessa, kan rifeensi adii namni Mojtabaa jedhamu ergaa dabarsuu barbaadu qaba.
''Pirezidant Tiraampiif, akkasuma addunyaaf jecha tokkon qaba. Yeroo gabaabaa keessatti Waayit Haawus keessatti haaloo ni baana. Yeroo gabaabaa keessatti halluun Waayit Haawus halluu diimaa alaabaa kiyyaa ni ta'a.''
Iraan amma mataa dhaloota jalqabaa warraaqsa 1979 ta'an awwaalaa jirti. Ittaanee haalli dhufu walfakkaataa ta'amoo kan biraa ta'a? kan jedhu ammatti ifa miti.
Sirna awwaalchaa seenaa biyyattii keessatti isa guddaadha jedhame kanarratti hoogganaa olaanaan Iraan, ilmi Alii Kaameenii, Mojtabaa Kaameenii hin argamne.
Sirna obboloonni isaa fi aanga'oonni mootummaa olaanoo Iraan kaan irratti argaman irraa dhabamuun isaa biyyattii keessatti yaaddoo uumeera.
Warraaqsa Islaamaa Iraan keessatti hoogganaa olaanaa sadaffaa kan ta'e ga'eessi umrii waggaa 56 Mojtabaa Kaameenii maaliif akka sirna awwaalchaa abbaasaarratti hin argamne odeeffannoon ifa ta'e hin jiru.
Warri Iraan yaaddoo haleellaa US fi Israa'el qabu. Gabaasi miidiyaalee ammoo haleellaa Guraandhala darbe abbaasaa fi aanga'oota kaan galaafate keessa miidhame jechuun argamuu dhabuusaaf akka sababaatti kana kaasu.
Alii Kaameenii bara 1989 erga hoogganaa olaanaa Iraan ta'anii waggaa 37 booda Guraandhala 28, 2026 haleellaa waloo US fi Israa'eliin ajjeefaman.
Sirni awwaalchaa isaanii ji'oota shaniif osoo hin gaggeeffamin turee ammaa gaggeeffamaa jira.