Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sirna awwaalchaa Ayaatolaa Alii Kaamenii ‘jaarraa keessatti guddicha’ jedhamerratti hogganaan olaanaan hin argamne

Sirna awwaalchaa Ayatolaa Iraan duraanii irratti hoggantoota biyyattii hedduu dabalatee namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman kan argaman ta'us, hogganaa ol'aanaan Mojtabaa Kaamenii sirna gaggeessaa abbaa isaanii irratti hin mul'anne. Sirna kadhannaa Dilbata gaggeeffame irratti ilmaan hogganaa ol'aanaa duraanii Ali Kaamenii sadan: Masuud, Musxafaa fi Mayisaat, Pirezidantii Masuud Pezeshkiyaanii fi hogganaa Humna Eegdota Warraaqsaa Islaamummaa Ahmad Vahidii argamaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa Tiraamp dhimma kubbaa keessaa galuu cimsee balaaleffate

    Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa (UEFA) murtii FIFA'n kaardii diimaa taphataa sarara duraa Ameerikaa Foolaarin Baalooguniif kenname akka haqamu murteessuu hordofee murtee FIFA cimsee qeeqera.

    Murtiin akka kanaa kun ''waan kana dura ta'ee hin beekne, kan sabaabni hin ibsamne fi fudhatama hin qabne" jedhe.

    Baaloguun tapha Ameerikaan Boosiniyaa Herzegoviniyaa waliin taasisuun 2-0 mo'atan irratti kaardii diimaan ari'ame ture.

    Kanaaf tapha marsaa 16 keessatti Beeljiyeemii waliin taphatamu keessaa hafuu qaba ture.

    Kamisa Donaald Tiraamp michuu isaanii pirezidaantii FIFA kan tahan Jiyaanii Infaantinoof bilbiluun akka kaardii diimaan taphatichaa haqamu gaafatan jedhe gabaasni CBS

    Kanaanis FIFA'n adabbiin sun akka hin raawwatamne murteesse.

    Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa murtii kana "seera kubbaa miilaa cabsuudha" jedhee balaaleffate.

    Seenaa waancaa Addunyaa keessatti kaardiiwwan diimaan 188 kennamaniiru. Isaan keessaa taphataan adabbiin irraa kaafame yeroo tokko qofa ture.

    Tiraamp akka jedhetti, Baaloogun dogoggora guddaa hin hojjenne jedhee waan amanuuf murtiin sun akka irra deebi'amee ilaalamu gaafate. Yoo adabbiin sun hojiirra oole, maqaa gaarii waancaa Addunyaa irratti miidhaa guddaa geessisa ture . Ta'us garuu, "ani murtii jijjiiraa jedhee hin ajajne, irra deebi'anii akka ilaalan qofa gaafadhe" jedhe.

    Dilbata darbes Traamp FIFA'n adabbii Baaloogun irraa kaasuu isaaf galateeffateera.

    Waldaan Kubbaa Miilaa Beeljiyeemis tapha itti aanu irratti Baaloogun taphachuun isaa seeraa cabsuu ta'uu ibsuun mormii dhiyeessuuf akka jedhu beeksise.

    UEFA ibsa isaa keessatti, "Yoo seerri hin kabajamne, amanamummaan taphaa fi haqni dorgommii ni badaa" jedhe.

    Baaloguun dorgommii waancaa Addunyaa kana irratti galchii sadii lakkoofsisuun Ameerikaaf taphataa galchii baay'ee lakkoofsise ta'uun dursaa kan jirudha.

    Dorgommii Waancaa Addunyaa kana irratti taphattoonni 11 kaardii diimaa argatan hundi adabamanii akkamiin taphataan Ameerikaa kun qofti adabbii jalaa baha kan jedhu ammaleee mormii cimaa ta'ee itti fufeera

  2. 'Waliigalteerra geenya ykn waan jalqabne ni xumurra' - Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan waliin “Waliigaltee irra ni geenya yookiin hojii jalqabne ni xumurra” jechuun akeekkachiise.

    Tiraamp gaaffii fi deebii taasisaniin, Ulaan Hormuuz yoo cufamellee gatiin boba’aa baay’ee hin daballe jedhe.

    “Boba’aa baay’ee isaan jalaa fudhanneerra. Namni tokkollee hin beekne; kun kan ta'es ji'a tokkoo fi walakkaa keessatti” jedheera.

    Humna galaanaa fi humna qilleensaa Iraan balleessuu isaanii irra deebiin ibse Tiraamp.

    “Sirna to’annoo akka hin qabne beekaniiru. Sirni to’annoo isaanii waan diigameef halkan haleelle” jechuun dubbate.

    Tiraamp itti dabaluun, “Humnoonni galaanaa keenya inni jabaan uggura namni tokkollee argee hin beekne hojii irra oolchaniiru.

    Ji'oota lamaan darban keessa dooniin tokkollee hin dabarre. Yeroo waliigaltichatti dhiyaannu ugguricha laaffifne. Waliigaltee irra gahuun keenya hin oolus” jedhan

    “Waa maraafuu deebinee ni mo’anna. Yookiin waliigalla yookiin waan eegalle ni xumurra” jedhe.

    Ummanni Iraan miiliyoona 91 “akka miidhamu waan hin barbaadneef” waliigaltee irra gahuu akka filatanis ibse.

  3. Naayijeeriyaan lammiileen ishee lama Afrikaa Kibbaatti haleellaan ajjeefamuu beeksifte

    Naayijeeriyaan lammiilee ishee lama Afriikaa Kibbaatti "tibba lammiileen biyya alaa sababa malee haleellaaf wayita saaxilamaniin" akka ajjeefaman beeksisteetti.

    Ibsi ministira dhimma alaa irraa bahe akka jedhutti, Emeka Charles Iroegbu Waxabajjii 28 poolisootaan "haala sukkanneessaan" akka ajjeefame gabaafameera; lammiin biyya alaa kaan kan mana daldalaa qabu Musaa Yunaanaa Jooy immoo guyyuma sana namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeefame.

    Bulchiinsi magaalaa Afriikaa Kibbaa, Pireetooriyaa, dhimma kana qorachaa akka jiru himeera.

    Ministirri dhimma alaa Naayijeeriyaa akka jedhutti, gochi kun kan raawwatame Afriikaa Kibbaatti jibbiinsi godaantotarrattoi dabalaa wayita jirutti.

    Kanaan dura jibbiinsi lammiilee biyyoota Afriikaa biroo gara 25,000 ta'an biyya isaaniitti akka deebi'an kan dirqisiise yoo ta'u, isaan keessaa lammiileen Naayijeeriyaa 700 ol ta'u.

    Afriikaa Kibbaatti mormitoonni godaansa seeraan alaa ittisuuf mootummaaan akka hojjetu gaafataniiru.

    Mormitoonni kunneen lammiileen biyya alaa hojii nurraa fudhachaa jiru, akkasumas tajaajila uummataa irraa haala sirrii hin taaneen fayyadamaa jiru jedhanii amanu.

    Qaamni Afrikaa Kibbaa naamusa poolisioi qoratu BBC'tti akka himetti dhimmi Irooyigbuu torbee darbe gabaafameera, "qorannoo gochaa jirra" jedhe.

  4. Iraan ajjeechaa Ayatollah Alii Kaameni irratti 'haqa barbaanna' jette

    Ajajaan Waraana Iraan, Mejar Jeneraal Amiir Hataamii, yeroo sirni awwaalchaa hogganaa olaanaa duraanii Iraan, Ayaatoollaah Alii Kaamenii gaggeeffamaa jiru, mootummaa Iraan ajjeechaa isaanii irratti haqaa fi itti gaafatamummaa barbaaduu akka itti fufu dubbatan.

    "Namoonni yakka kana raawwatan imimmaan uummata Iraan fi haqa gaafachuus yoomiyyuu kan hin dhiifne ta'uu beekuu qabu," jechuu dhaabbatni oduu mootummaa Iraan, IRNA'n gabaasera.

    Ajajaan waraanaa kun dabaluun "Hanga bu'aan argamutti wanta barbaachisu hunda gochuuf murannoo cimaa qabna. Namoota weerara kana raawwatan tasa hin dhiisnu," jechuun dhiigni hogganaa olaanaa haleellaa Ameerikaa fi Israa'eelin ajjeefaman akkasumaan akka dhangala'ee hin hafne cimsanii dubbataniiru.

    Hogganaan duraanii Iraan kana kabajaaaf, bilisummaa fi jaalala biyya isaaniif nam kufan jechuun kan ibsan jeneraalichi, Waraanni Iraanis hogganaa haaraa, Mojtaabaa Kaamanee, jalattoi amanamummaan hojjechuu akka itti fufu ibse.

    Ajajaan waraanaa kun hogganaa haaraa wajjin wal arguun, "Uummanni fi mootummaa Iraan namoota yakka kana raawwatan akkasumatti akka hin dhiisne itti himeeras," jedhe.

  5. Jettiin lolaa UK xiyyaara waraanaa humna galaaanaa Raashiyaa galaana Norweey irratti dura gore

    Jettiin lolaa UK xiyyaara waraanaa humna galaaanaa Raashiyaa galaana Norweey irratti dura goruu Ministeerri Ittisaa Norweey beeksise.

    Xiyyaarri waraanaa kan humna galaanaa Raashiyaa taate kun dooniiwwan waraanaa UK galaana Noorweey irratti leenjii fi imalarra turan "irra deddeebiin gaadaa turte" jedhameera.

    Xiyyaarri waraanaa Raashiyaa Bear-F plane jedhamtu olka'iinsa baay'ee gad dhiyoorra fi "hin barbaachifneen" doonii xiyyaara waraanaa baattu Kamisa HMS Prince of Wales jedhamtutti dhiyaachuun meeshaa basaasaa soonobooys 10 galaana jalatti akka harcaafte Ministeerri Ittisaa Noorweey beeksise.

    Gochi Mooskoon Galaana Noorweey jalatti gochaa jirtu "nagaa kan jeequu fi ogummaa maleessa jedhe"Ministeerri Ittisaa Noorweey.

    Taateen kun humni galaanaa UK Royaal Mariins dooniwwan Raashiyaa boba'aa baate galaana Ingilaand ceesiseen torbaan tokko booddee dha.

    Hogganaan waraanaa UK balaa fi yaaddoon UK'n amma keessa jirtu bara waraanaa Ololaatii ol ta'uu akeekkachiisee ture.

    Dooniin UK xiyyaarota waraanaa baattu Carrier Strike Group yeroo ammaa ajaja NATO jalatti handaara Aayislaanditti loltoota Biriitish 1,500 bobbaaseera.

    Tuutni oppoireeshinii kanaadooniiwwan waraanaa HMS Prince of Wales, Jettii Type 45 destroyer HMS Duncan, Helikoptaroota Merliin fi Waayildkaat jedhamanii fi dooniiwwan Royaal Filiit Oksilarii akkasumas taankaroota of keessaa qabudha.

    Kun oppireeshinii NATO kan jalqabaa to'annoo daangaa dooniiwwan awurooppaa xiyyaarota baataniin gaggeeffame dha.

    Meeshaan basaasaa kan xiyyaarota Bear-F jedhamaniin galaanarratti darbatame jedhamu humna galaanaa fi dooniiwwan basaasuuf akka fayyadan ta'uu gabaafame.

    Humnoonni Biriitish Xiyyaara Raashiyaa kana firiikuwensii idil-addunyaan qunnamanis deebii hin kennineef.

  6. Iraan ammallee daandii kabajaa, guddinaa fi ulfinaa irra dhufte hordofti- Pirezidantii

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan uummanni Iraan ''daandii ulfinaa, guddinaa fi kabajaa kaleessa irra turte har'as, fuuldurattis hordofti,'' jedhan.

    Wayita sirni gaggeessaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Alii Kaameenii gaggeeffamaa jirutti yaadasaanii X irratti kan barreessan pirezidatichi, ''Hoogganaa Olaanaa Ayaatollaa Alii Kaameenii qabeenyi guddaan Iraan uummataa fi tokkummaa ta'uu hunda keenya barsiisaniiru,'' jedhan.

    Sirni gaggeessaa Alii Kaameenii Jimaata darbe eegale torbaniif tura.

    Guyyaan awwaalchaa inni dhumaa Kamisa dhufu yoo ta'u Tehraan dabalatee magaalota biyyattii keessatti sirnoonni gaggeessaa adda addaa ni taasifamu.

    Sirna gaggeessaa har'a Tehraan keessatti taasifamaa jiruun reenfi Alii Kaameenii uummata biyyattii kumaa kitilaan gaddaaf ba'etti agarsiifameera.

    Sirni gaggeessaa hoogganaa duraanii Iraan Wiixata, Adoolessa 6, 2026 magaalaa guddoo biyyattii Tehraan keessatti erga raawwatamee booda Kibxata borii gara Qom geeffama.

    Roobii ammoo gara biyya ollaa Iraan taate Iraaq geeffamuun iddoo amantii (iddoo qulqulluu fi kabaa) keessatti sirni kadhannaa raawwatama.

    Isa booda Kamisa iddoo dhaloota Alii Kaameenii kan taate Mashhad keessatti awwaalchi raawwatama.

    Sirna gaggeessaa kanarratti namoonni hanga miiliyoona 20 ta'an ni argamu jedhanii akka eegan aanga'oonni biyyattii himaniiru.

  7. Tiraamp adabbii kaardii diimaa taphataa Ameerikaa Baaloogun irratti darbe akkamiin kaasise?

    Murtoon FIFA'n tibbana dabarse dorgommii kana irratti taatee hin eegamiin mudatedha.

    Waancaa Addunyaa irratti taphataan tokko kaardii diimaan baanaan tapha itti aanu dhabuun isaa dirqama ture.

    Iyyata homaas hin barbaachisu, waan ilaalamus hin jiraatu.

    Garuu murtoo FIFA'n kaardii diimaa taphataa sarara duraa Ameerikaa Foolaarin Baloguniif kenname akka haqamu murteesse garuu namoota hedduuf gaaffii taheera.

    Tiraamp akkamiin murtoo kana gidduu galuun akka haqamu godhe?

  8. Mojtabaa Kaameenii awwaalcha abbaasaarratti maaliif hin argamne?

    Hoogganaa Olaanaan Iraan Mojtabaa Kaameenii sirna awwaalchaa abbaasaa irraa hafuun Iraaniif gaddarratti gadda dabaleera.

    Aanga'oota olaanoo biyyattii gaggeessaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii irratti kumaatamaan argaman keessaa Mojtabaa Kaameenii dhabuun miira gaddaa hamaa uumeera.

    Ijoolleen Alii Kaameenii kaan- Mas'uud, Musxafaa fi Meyisaam sirna gaggeessaa Dilbata, Adoolessa 5, 2026 raawwaterratti Pirezidant Mas'uud Pezeshkiyaan fi hoogganaa Eegdota Warraaqsaa Ahmad Waahiidii waliin argamaniiru.

  9. Ashamaa, Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallattii Wiixataa jalqabneerra. Odeessaalee biyya keessaa fi alaa gurguddoo as keessaa argattu.

    Nu hordofaa.