Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waakaa Waakaa hanga Dayii Dayii- Shakiiraa fi Waancaa Addunyaa maaltu walitti hidhe?
'Waakaa Waakaa' sirba jedhu bara 2010 yeroo Afrikaan Kibbaa Waancaa Addunyaa qopheesite sirbite.
Yeroo sanas ture abbaa warraas kan argatte. Jeeraard Piikee, taphataa kubba miilaa Baarseloonaa fi ispeen kan ture, garuu waggaa 10niin isa hangafti ture.
Bara 2014 yeroo Biraazil qopheesite ammoo La La La.... jechuun waltajjii cufinsaa Waancaa Addunyaa miidhaksite.
Barana Daayi Daayi [ Dai Dai] jechuun Waancaa Addunyaa 2026 ji'a tokko booda jalqabuuf sirba baaste.
Weellistuu Shakiiraa...
Shaakiiraan kubba miilaaf jaalala addaa qabdii? Eessaa kaatee as geesse?
Shakiran dhalattuu Kolombiyaati. Weelluu isheen addunyaa guutuu irratti beekamti.
Giiftii Muuziqaa Laatinii jedhamuunis beekamti.
Sirboonni biyyoota Laatinii yoo ka'an maqaan Shakiiraa biraa hin hafu. Aadaa Laatinii agarsiisuufis tahe miidhagina sirbi ishee adda dureedha.
Biyyoota akka Meksiikoo, Ispaanish, afaan Ispeen dubbatanii fi afaan Poorchugaal dubbatan birattis hedduu beekamti.
Afaan lameeniin Shakiiraan waan weellisaa turteef beekamtii guddaa qabdi.
Biyyoota Afrikaa biratti ammoo addatti kan beekamte yeroo waancaan Addunyaa yeroo jalqabaaf gara ardii Afrikaa dhufedha.
Afrikaan Kibbaa bara 2010 Waancaa Addunyaa yeroo qopheesite waltajjicha kan miidhagsite Shakiiraadha.
Sirba ishee Waka Wakaa [Yeroon kan Afrikaati] jedhu kan hin dhageenye jira jedhamee hin yaadamu. Beekkamtiin ishee akkaan dabaleera.
Ijoollee hanga manguddoo Waka Waakaa kan hin jenne yeroo sana hin jiru.
Shakiiraan indaastirii muuziqaa keessatti qofa osoo hin taane fiilmii keessattis hedduu beekamti.
Fiilmii Zootropolis 2 jedhamu keessatti hirmaatteetti. Fiilmii kaartuunii kana keessatti akka bosonuu fakkaattee hojjette. Fiilmicha irratti sirba Zoo jedhamuun beekamu isheetu hojjete.
Fiilmiin animeeshinii kun addunyaa guutuutti ilaalamuun doolaara biliyoona 1.7 argamsiiseera. Fiilmii animeeshnii Hooliiwuud keessatti rikardii qabates taheera.
Ed Sheeraan waliin tahuun barreessan. Shakiiraan Waancaa Addunyaa Ameerikaa, Meksiikoo fi Kanaadaan waliin tahanii qopheessan irratti artistii beekamaa Naayijeeriyaa Burna Boy waliin tahuun sirba 'Dai Dai' jedhu hojjette.
Hiikni isaa Koottu Koottu... jechuu yoo tahu, afaan Xaaliyaaniiti.
Shakiiraan eenyu?
Maqaa guutuu ishee Shakiiraa Isaabel Mebaaraak jedhama. Shakiiraa jechi jedhu afaan Arabaa yoo tahu ''Galata'' ykn Galatee akka jechuuti. Maqaan ishee Afaan Arabaan kan moggaafames sababa qaba.
Bara 1977 Kolombiyaa, magaalaa Barankuullaa keessatti dhalattee guddatte.
Dhugumatti magaalaan isheen keessatti dhalattee guddatte artistoota hedduu baasuun beekamti.
Magaalaa ho'ituu muuziqaan beekamtu kan jedhanis jiru. Giiftii muuziqaa Laatinii maqaan jedhus kennameeraaf Shakiiaaf.
Weellisuu qofa osoo hin taane sirboota hedduu barreessuu, shuubbisuu fi filmii keessattis beekamti.
Waakaa Waakaa kan Waancaa Addunyaa 2010'f sirbitee fi "Hips Don't Lie'' jedhuunis baay'ee beekamti.
Sirba jalqabaa yeroo umuriin ishee waggaa 13 ture barreesite. Albama jalqabaa ''Magiyaa'' jedhamus umurii waggaa 13 taatee baaste. Shuubbisa addaa mudhii kanaan sochootuun hedduu beekamti.
Abbaan Shakiiraa hidhha dhalootaa Libaanus qaba. Haati ishee ammoo Ispeenii fi Xaaliyaanii keessaa qabdi.
Shakiiraan afaan Ingiliffaa, Ispaanish, afaan Poorchugaal, Xaaliyaanii fi Arabaa dubbachuu dandeessi.
Badhaasota gurguddoo 300 ol mo'atteetti. Badhaasa Giraamii [Grammy Award] lama mo'atte.
Magaalaa dhaloota ishee keessatti siidaan isheef beekkamtii kennu ijaarameera.
Mul'ata ijoollummaa ishee milkeessuun hanga har'aa umurii ishee waggaa 49'n indaastirii muuziqaa keessatti dubartii dhiibbaa guddaa uumtedha.
Shakiiraa fi jaalala kubba miilaa keessaa
Shakiiraan waltajjii Waancaa Addunyaa irratti weellisuu qofa osoo hin taane abbaan warraa ishee duraaniis taphataa kubba miilaa ture.
Yeroo isheen bara 2010 Waakaa Waakaa sirbitu Waancaa Addunyaa Afrikaa Kibbaan qopheesite kan mo'ate Ispeen ture.
Jeeraard Piikee, taphataa sarara ittisaa Baarseloonaa yeroo sanaa ammoo dhaabbii bareedaa qaba ture.
Moodela fakkaata. Shakiiraan ija isaa keessa buuteetti. Shakiiraan waggaa 10 Piikee hangafti. Garuu waliin bultoo ijaaruu irraa isaan hin dhorkine.
Shakiiraan bara 2012 yeroo Ispeen waancaa Awurooppaa mo'atte Jeeraard Piikeef ulfaa'uu ishe eibsite.
Hojii aartii fi beeksisaa yeroof akka dhaabduu fi daa'ima ishee kunuunsuuf dursa akka kennitus ibsite.
Ijoollee lama waliin horataniiru. Miilaanii fi Saashaa jedhamu. Garuu bara 2022 turtii waggaa 10 booda adda bahuu ibsan. Ijoollee isaanii garuu walumaan guddisuuf akka walii galan ibsaniiru.
Shakiiraan abbaan warraa ishee Piikeen anarratti dhoksaan shamarree waggaa 23 waliin jaalala jalqabe jechuun himatte.
Piikeen deebii hin kennine. Garuu booda erga adda bahanii sirba onneen ishee akka cabe himu tokko baaste. Miliyoonotaan ilaalameera.
Bara 2025 keessa sirbi haaloo bahannaa Piikee ibsu tokko baasuun rikardii YouTube cabse.
Sirbi 'Out of Your League' jedhamu sa'a 24 keessatti miliyoona 63 ilaalame. Barana miliyoona 859 ilaalameera.
Shakiraan Piikee irraa adda bahuu qofa osoo hin taane yeroo Ispeen jiraachaa turte galii isheerraa gibira doolaara miliyoona 15 ol hin kaffale jedhamuun mana murtiitti himatamtee deddeebi'aa turte.
Shakiiraan abbaa warraa ishee taphataa kubba miilaa ture irraa adda baate malee waltajjii kubba miilaa irratti weellisuurraa ammas adda hin baane.
Waancaa Addunyaa baranaa ammoo kan adda taasisu gara biyyaisheetti dhiyaachuu isaati. Meksiikoon ni qopheesiti. Ameerikaa fi Kanaadaanis akkasuma keessa jiru.
Daayi daayi [Dai Dai] ykn koottu koottu.... sirbi jedhu kun afaan Xaaliyaaniin waltajjii baranaaf qophaa'e. Weellisaa Afrikaa beekamaa Burnaa Boy waliin hojjette.
Maal godha Xaaliyaaniin garuu Waancaa Addunyaa kanaaf hin darbine. Haatahu malee, biyyi ishee Kolombiyaan biyyoota 48 barana Waancaa Addunyaa irratti hirmaatan keessaa tokko ta'eera.
Akka barruuleen tokko tokko himanitti, Shakiiraan qabeenya doolaara miliyoona 300 baasu qabdi.