Kaarik leenjisaa cimaaf, Buruunoon badhaasa taphataa cimaa Piriimer Liigiif kaadhimaman
Maayikil Kaarik kaadhimamtoota leenjistoota ciccimoo Piriimer Liigii baranaa keessa gale.
Leenjistoota badhaasichaaf kaadhimaman keessa leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa fi kan Maan Siitii Peep Gaardiyoolaan jiru.
Keet Andiriiiw leenjisaa Bireentfoord kan tahee fi kan Boornmooz Andoonii Iriyoolaa as keessatti argamu.
Leenjisaan Sanderlaandis badhaasichaaf kaadhimameera.
Taphattota keessaa badhaasa taphataa cimaa bara kanaaf kan kaadhimame Arsenaal irraa Deklaan Raayis, Gabri'eel Magaleshii fi Deevid Raayaadha.
Maanchister Yunaayitid irraa Buruunoo Fernaandez kaadhimameera. Maanchister Siitii irraa Haalaandii fi Semeyoo kadhimame. Igoor Tiyaagoo Bireentford irraa, Giibsi Waayit Nootinghaam irraa warra kaadhimaman keessaati.
Taphattoota ol adeemoo keessaa kan Maan Siitii Niikoo Oraayilee, Rayaan Cherkii kaadhimamaniiru.
Bireentford irraa Mikaa'el Kaayoodee, West Haam irraa Matiyaas Fernaandez, Maan Yuunaayitid irraa Koobii Maayinuu kaadhimamaniiru.
Boornimooz irraa Kiruuppii fi Aleksi Iskoot dabalamaniiru.
Isin taphataa kamtu badhaasicha mo'achuu qaba jettu?