Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Tiraamp erga pirezidantii Chaayinaa waliin dubbatee booda Iraan irratti 'obsa fixachuu' ibse

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gitasaa kan Chaayinaa Shii Jinping waliin erga mari'atee booda dhimma Iraan irratti obsa fixachuu ibse. Waliigalteerra ga'uu qabu jechuun akeekkachiise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Chaayinaan waraana Iraan dhaabsisuuf 'baayyee ifaajaa' jiraachuu himte

    Mootummaan Chaayinaa waraanni Baha Giddugaleessaa akka xumuramuuf adeemsa marii nagaa keessatti gumaacha taasisaa jiraachuu ibse.

    Ejjennoon mootummaa Chaayinaa miidiyaa biyyattiirratti darbe kun erga Tiraamp Fox News irratti ''dhimma Iraan irratti obsa fixadheera'' jechuun waa'een marii nagaa isa hifachiisuu dubbatee booda dhagahame.

    Tiraamp akka jedhutti Pirezidant Shii Jinping dhimma Iraan irratti fala kaa'uu ilaalchisee Chaayinaan akka isa deeggartu itti himeera.

    Chaayinaan Iraan waliin hariiroo siyaasaa fi diinagdee cimaa qabdi.

    Tiraamp kana fayyadamuun akka Chaayinaan Iraan irratti dhiibbaa gootu barbaada.

    Ibsi mootummaa Chaayinaa ''waraanichi gonkumaa eegaluun akka irra hin turrree'' fi sababni inni itti fufuufis akka hin jirre eera.

    Garuu warra waraanicha eegale (US fi Israa'el) irratti kallattiin qeeqa hin dhiheessine.

    Waraana kanaan Chaayinaanis guddoo miidhamteetti.

    Ulaan Hormuuz cufamuun dhiheessiin boba'aa akka hir'atu taasise, gatiin akka dabaluuf sababa ta'e.

    Kun ammoo oomishaalee Chaayinaa akkaan miidhe.

    Garuu ammoo gama dippiloomaasii fi siyaasaan Chaayinaan waan miidhamte hin qabdu.

    Gama kanaan miidhaan US irra ga'e salphaa miti.

    Yeroo ammaa Chaayinaan waraana kana dhaabsisuu keessatti biyya filatamtuu taateetti.

    Haalli kun Chaayinaan utubaa diinagdee addunyaa qofa osoo hin taane gama dippiloomaasiitiinis fudhatama guddaa argachaa jiraachuu mul'isa.

  2. Tiraamp erga Shii waliin mari'atee booda dhimma Iraan irratti 'obsa fixachuu' dubbate

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gita isaa kan Chaayinaa Pirezidant Shii Jinping waliin erga mari'atee booda dhimma Iraan irratti 'obsa fixachuu' dubbate.

    Tiraamp Kamisa waa'ee waraana Iraan Pirezidant Shii waliin erga mari'atee booda gaaffii fi deebii Fox News waliin taasiseen kana dubbate.

    Waayit Haawus akka ibsetti Tiraamp fi Shiin dhimma Ulaa Hormuuz bansiisuu irrattis bal'inaan dubbataniiru.

    Chaayinaan michuu Iraan yoo ta'u, biyya boba'aa Iraan baayyinaan bittuudha.

    Ameerikaan haleellaa Iraan irratti raawwattu jaarsummaa Islaamaabaadiin dhaabdus, dooniiwwan buufata Iraan seenanii ba'an ugguruu garuu itti fufteetti.

    Chaayinaan mariin nagaa US fi Iraan akka milkaa'uuf Paakistaan tumsaa turte.

    Garuu Iraan yuraaniyemii ishee guutummaatti dabarsitee kennuu irratti murteerra ga'uu dhabuunshee mariin kun akka gufatu taasiseera.

    Pirezidant Tiraamp daawwannaa Chaayinaatti taasise kanarrattis ''Iraan gonkumaa nukilara qabaachuu hin qabdu,'' jedheera.

    ''Obsa fixadheera. Kanaan booda waanan obsu natti hin fakkaatu. Waliigalteerra ga'uu qabu,'' jechuun akeekkachiise.