Gamtaan Afrikaa Itoophiyaa, Masriifi Ertiraa gidduu muddamni hammaachuun isa yaaddessuu hime

Madda suuraa, Getty Images
Komishiniin Gamtaa Afrikaa Itoophiyaa, Ertiraa fi Masrii gidduu muddamni hammaachuun akka isa yaaddessuu fi dubbicha hordofaa akka jiru hime.
Biyyooti miseensa gamtichaa tahan sadeen ''gochaaleefi ibsoota muddama hammeessanii nagaa fi tasgabbii naannichaa jeeqanirraa akka of qusatan'' yaadachiiseera.
Biyyooti sadeen kunneen garaagarummaa isaanii qajeelfama Gamtaa Afrikaan ''karaa dippiloomaasii fi mariidhaan akka furan,'' koomishinichi himeera.
Koomishiniin Gamtaa Afrikaa Fulbaana Kamisa kaleessaa 21/2019 A.L.I gara galgalaa ibsa baaseen biyyoota gidduutti karaa marii ''banaa gochuun'' barbaachisummaa qabu jala mureera.
Kaaba Itoophiyaatti waraanni akka haaraa erga jalqabee torbee lamatti siqaa kan jiru yoo tahu naannolee Tigraay, Amaaraafi Affaar fa'itti lolli akka itti fufetti jira.
Koomishiniin Gamtaan Afrikaa ibsa kaleessa baaseen Itoophiyaa, Ertiraa fi Masriin mariidhaan ''muddama jiru qabbaneessuufi mariifi furmaata nagaa buusuuf,'' deeggarsa akka godhu himeera.
Itoophiyaan embaasiishee Asmaraa jiru akka cuftu kan beeksiste yoo tahu dippiloomaatonni 10 sa'atii 48 keessatti Itoophiyaa gadhiisanii akka bahanis ajaja kenniteetti.
Itoophiyaan hariiroo dippiloomaasii Ertiraa waliin qabdu hunda addaan kuttus beeksiisteetti.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kana malees Itoophiyaan dippiloomaatii Masrii Ahimad Mohiraan Ahimad Soolimaan sa'atii 48 keessatti biyyaa akka bahan yeroo hubachiistu, Masriinis gamasheen deebii kennuun dippiloomaatiin Itoophiyaa Masrii jiran sa'atii 48 keessatti biyyaa akka bahan murteessiteetti.
Qondaaloti Itoophiyaa gareelee hidhattootaa mootummaa federaalaa lolan Ertiraafi Masriin akka deeggaran himuun koomataa turan.
Mootummaan Ertiraas haala kanaan dura hin baratamneen deebii BBCf kenneen walooma gareeleen hidhattoota torba hundeessan deeggaruun himannaa irratti dhiyaate akka hin fudhanne ibseera.
Miidiyaaleen Masrii Itoophiyaan ''kufaatii keessoofi rakkoo yeroo dheeraa biyya keessaaf,'' humnoota alaa gaafatamoo taasisti,'' jechuun himatu.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa torbee lama dura yeroo ka'etti durataa'aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yuusuuf lolli ''hatattamaan akka dhaabbatu,'' ibsanii ture.
Durataa'aan kuni waloomni humnoota hidhataniin uumame ''tasgabbii dhabuu kana hammeessa,'' jechuun ibsaniiru.
Jaarsummaa Gamtaa Afrikaan kan mallattaa'e Waliigalteen Piriitooriyaa mootummaa federaalaa fi TPLF gidduu ''lola dhaabuun nagaa waarawaa fiduuf'' shoora qabu Mahaammad Alii Yuusuf eeraniiru.
Waraanni Tigraayi waggaa shan dura dhiiga dhangalaase Waliigaltee Piriitooriyaan erga goolabamaeen as hojiirra oolmaa waliigaltichaa irratti qondaaloti Tigraayi gaaffii kaasaa turaniiru. Qaawwa uumameef tokko isa kaaniin komata.
Durataa'aan gamtichaa gamasaaniin waliigaltichi ''nagaa waarawaafi tasgabbii Itoophiyaaf dhakaa bu'uuraati,'' jedhan.


























