Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ummata Filisxeemiif kan falmitu badhaafamtuun noobelii nageenyaa Navi Pillay eenyu?
Badhaasa Noobelii Nageenyaa bara 2026 kan injifatte Navi Pillay Jaarmiyaalee mirga namoomaa idiladdunyaa hedduu hogganteetti.
''Nagaa fi seera idiladdunyaa mirkaneessuu'' keessatti tattaaffii murteessaa taasisteen badhaasa kana argatte.
Tattaaffiin ishee kun ''addunyaarratti qajeeltoon seeraa hunda galeessa ta'e akka jiraatu,'' dhiibbaa uumeera.
Dubartiin umrii waggaa 85 kun waggoota kurna hedduuf xiyyeeffannaan ishee hojiiwwan seeraa dhiittaa mirga namoomaa hir'isan irratti.
Akka fakkeenyaatti dhimma Gaazaa fi West Bank, Ruwaandaa fi Miyaanmaar kaasuun ni danda'ama.
Hojiin ishee jalqabaa sirna appaartaayidii irratti ture.
Dubartiin kun Afrikaa Kibbaatti Nelsan Mandeellaa fi Desmond Tutu hordofuun nama shanaffaa badhaasa kana injifatte taateetti.
Hojiin ishee irra jireessaan kan irratti xiyyeeffatu ''yakkoota waraanaa, yakkoota hamoo dhala namaarratti raawwatamanii fi yakka duguuggaa sanyiif gaafatamni akka jiraatu,'' gochuudha jedhe dursaan koree Badhaasa Noobelii Norway Jørgen Watne Frydnes.
Navi Pillay hojiishee malee badhaasa eegdee hin beektu. Wayita Norway irraa bilbilamee itti himamu raajii itti ta'uu himti.
''Yoo daddabaltanii harka naaf rukuttan badhaasa kana Tiraampiif nan kenna,'' jechuun Pirezidantii US badhaasa kana dheebotaa turetti qooste.
Bara darbe badhaasa kana kan injifatte dursituun paartii morkataa Venezuweelaa María Corina Machado ''Tiraamp walabummaa keenya mirkaneesse,'' jechuun badhaasa sana dabarsitee kenniteef.
Navi Pillay garuu badhaasi kun ''kanneen yakkoota idiladdunyaa jalaa baraaramanii fi namoota haqa mirkaneessuuf aarsaa kaffalaniif haata'u,'' jette.
''Yakka hojjetanii gaafatamuu dhabuun, haqi haqaaqamuun akka hin dagaagne kanneen gumaachaniif mala,'' jette.
Isheenis garuu namoota leegaasii akkasii qaban keessaa tokko. Koreen Badhaasa Noobelii Norwayis kanaaf badhaasa kana kenneef.
Navanethem "Navi" Pillay guddattee kan of barte bara Afrikaan Kibbaa waanjoo bulchiinsa appaartaayidii jala turte keessa.
Yeroo sana abbaashee hiyyeessa magaalaa Darbaan ollaa hawaasni Indiyaa keessa jiraatan keessatti otoobisii oofuun jiraatu jalatti guddatte.
Navi Pillay Afrikaa Kibbaa keessatti dubartii yeroo jalqabaaf hojii tajaajila seeraa eegalteedha.
Bara 1967 bulchiinsa Natal keessatti eegalte. Ergasii ammoo dubartii adii hin taane jalqabaa mana murtii olaanaa biyyattiitti muudatamte taate.
Dubartiin kun jaarmiyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma duguuggaa sanyii Ruwaandaa hordofu International Criminal Tribunal for Rwanda jedhamu keessatti abbaa seerummaan tajaajilteetti.
Akkasumas waggaa afuriif pirezidantii jaarmiyaa kanaa ta'uun dursiteetti.
Duguuggaa sanyii bara 1994 Ruwaandaa keessatti mudateen namoonni kuma 800 ta'an dhumaniiru.
Bara 2003 ammoo Mana Murtii Yakkaa Idiladdunyaatti (ICC) filatamte.
Bara 2021-25 dhimma dhiittaa mirga namoomaa qubsuma seeraan alaa dachee Filisxeemotaa irratti raawwatamu irratti hojjechaa turte.
Hojiin karaa jaarmiyaa isheen dursituu- UN Independent International Commission of Inquiry on the Occupied Palestinian Territory jedhamuu hojjetama.
Jaarmyaa kana kan hundeesse kaawunsilii mirgoota namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UN Human Rights Council jedhamuudha.
Jaarmiyaan kun himannaa dhiitaa mirga namoomaan jiru irratti ragaa kan qulqulleessu akkasumas himannaa sarbama mirgaa idiladdunyaa kan qoratuudha.
Komishiniin isheen dursitu kun qorannoo isaan Gaazaa keessatti yakki duguuggaa sanyii raawwachuu fi kan gocha kana ajajan ammoo Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu fi ministira ittisaa isaa duraanii Yoav Gallant ta'uu ibse.
Bu'aa qorannoo kana kan kuffiste Israa'el, namni hojii komishinii kanaaf utubaa taate Navi Pillay badhaafamuun jibba Israa'el irratti labsuudha jechuun balaaleffatte.
Michuu Neetaaniyaahuu kan ta'e Tiraampis badhaafamuu dubartii kanaa mormeera.
Ofii badhaasa kana waggootaaf dheebotaa kan ture Tiraamp badhaasi kun nama ''jibba Ameerikaa fi Israa'el qabduuf kenname,'' jedhe.
Erga Navi Pillay badhaafamtee booda Ameerikaan ICC qoqqobe.
Mootummaan US sochii, oppireeshinii fi faayinaansii jaarmiyaa kanaa daangessuuf tarkaanfii kana fudhachuu ibse.
ICCn gamasaan tarkaanfiin US kun daba olaantummaa seeraa irratti aggaamame jechuun balaaleffate.
Dursaan koree badhaasa noobelii Frydnes dhimma kanarratti gaafatamee ''hojiin Navi Pillay waliigalatti yoo ilaalamu badhaasi kun ni malaaf,'' deebii jedhu kenne.
Navi Pillay yeroo ammaa Mana Murtii Haqaa Idiladdunyaa International Court of Justice (ICJ) jedhamutti daanyaa dhaddacha dhimma uummata Rohingya jedhamaniiti.
Dhaddacha kanarratti Gaambiyaan mootummaan Miyaanmaar uummata Rohingya irratti duguggaa sanyii raawwateera jechuun himatteetti.
Miyaanmaar ta'e jettee Muslimoota Rohingya lafarraa balleessuuf tarkaanfii fudhatteetti jedhamte haalteetti.
Qondaalli mirgoota namoomaa UN Volker Turk beekamtiin Pillay ''mirgonni namoomaa, olaantummaan seeraa, haqi fi itti gaafatamummaan hagam takka nageenya, tasgabbii fi badhaadhinaaf murteessaa akka ta'e mul'isa,'' jedhe.
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez ''dubartiin kun yeroo adeemsi seeraa addunyaa keenyaa akkaan walxaxaa ta'ee jirutti kutannoo fi ofitti amanamummaadhaan sagalee haqaa taatee nama dhaabbatteedha,'' jechuun jajan.
Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa ''isheen dubartii jalqabaa gama seeraan sirna appaartaayidii dura dhaabbatte, goota jabduudha,'' jechuun leellisan.
''Kabaji dhala namaa akka mirkanaa'uu fi Afrikaa kibbaa akkasumas addunyaarratti qacceen abdii akka hin cinne nama gumaachiteedha,'' jedhan.
Qondaalli olaantuun jaarmiyaa mirgoota namoomaaf quuqamu- Amnesty International jedhamuu Agnès Callamard ''yeroo seerri idiladdunyaa fi haqni akka waliigalaatti balaarra jiru, yeroo mootummoonni hedduun seeraa fi haqa balleessuuf hojjetanitti badhaafamte,'' jechuun Navi Pillay jajje.
Badhaasi Navi Pillay kun yeroo salphaa fi mijataatti miti kan argame.