Dirooniiwwan xixiqqoo Hezbollaa waraana Israa'el qoraa jiran

Madda suuraa, Reuters
Yeroo dhiyoo as dirooniiwwan xixiqqoon faayibar optikisii Hezbollaan fayyadamu loltoota Israa'elitti mataa bowwoo ta'aa jiru.
Hezboollaan loltota Israa'el Libaanos keessa buufataniifi naannoo daangaa jiran dirooniwwan xixiqqoo kanaan adamsee hirriba dhorkaa jira.
Linaanositti erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu gaggeeffamee as haleellaa Israa'el gaggeessituuf Hezbollaan dirooniwwan xixiqqoo kanaan deebii kennaa jira. .
Jaarsummaa UStiin Israa'elifi Libaabos gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu erga gaggeefamee as loltoonni Israa'el 11 namni siviliinifi kontiraaktarri tokko haleellaa Hezbollaan ajjeefamaniiru.
Kanneen keessaa 8 haleellaa diroonii xixiqqoo Hezbollaan fayyadamu kanaan ajjeefaman.
Hezbollaan dirooniwwan xixiqqoo kanneen buufata loltoota Israa'el kibba Libaanos keessa buufatan irratti xiyyeeffachuun yoo ta'u, namoota nagaa daangaa Israa'el keessa jiran irrattis haleellaa gaggeessaa jiraachuu dhaabbanni Israa'el Alma Research Center jedhamu gabaase.
Erga ji'a Eblaatii as Hezbollaan haleellaa dirooniwwan xixiqqoo faayibar optikisii fayyadaman 100 ol mandaroota daangaa Israa'el keessa jiran irratti dhukaasuu ibsa dhaabbanni kun.
"Rakkoon jiru dirooniwwan kunneen dhufuusaanii waanti beektu hin jiru. Otuma teessee jirtuu kan sirra bahe argita. Yoo jalaa fiigde si hordofa," jetti mandara Israa'el Shomeera jedhamutti gaggeessituu mana maree kan ta'e Saamii Zanetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dirooniwwan faayibar ooptiksii Hezbollaan fayyadamu kunneen rokkeettiifi moortarii Hezbollaan fayyadamu caalaa yaaddoo guddaa Israa'elitti uumaniiru.
Dirooniwwan kanneen adda kan taasisu dursanii arguun jalaa miliquuf carraan jiru dhiphaa ta'uusaati. Kan biraa ammoo lafatti gadi dhiyaatanii kan balali'an ta'uunsaanii ammoo waraanni Israa'el dambalii raadiyootiin hordofee akka hin fashalsine taasisa.
Hezbollaan mala waraanaa dirooniwwan optikaal faayibarii fayyadamuu Yukireen irraa barate.
Dirooniwwan kunneen guyyaatti si'a heddu daangaa Libaanos irraa mandaroota Israa'elitti waan cehaniif sagaleen akeekkachiisaa guyyaatti si'a heddu dhahahama. Yeroo tokko tokko ammoo dirooniwwan kun osuma sagaleen akeekkachiisaa hin dhagahamin dhufu.
"Rookkeettiin yooo dhukaafame sekandii 15 keessatti bakka dahannoo boombii seenuu danda'a. Dirooniwwan kanneen garuu yoom akka sirratti lafa dhahu waanti beektu hin jiru," jedha Saamiin.
Waraanni Israa'el dirooniwwan kanneen yeroo tokko tokko rukutee kuffise, yeroo kaan ammoo gadi siqanii waan balali'aniif argachuun rakkisaadha.
Amichaayi mandara Israa'el daangaa Libaanos jirtu keessa jiraata. Hezbollaan amma dirooniwwan kanneen fayyadamuun loltootafi namoota adamsaa akka jiru hima.
"Sababa waliigalteen dhukaasa dhaabuu jiruuf misaa'eloota dhukaasaa hin jiru. Garuu dirooniwwan kunneen dhufuu eegalan. Kaameeraan itti godhamee waan jiruuf nama wayyaa loltummaa uffate ykn nama akkasumatti itti hin tolle karaa irratti arginaan ni ajjeesu," jedha.
Dhaabbanni Israa'el Alma Research Center akka jedhutti, Hezbollaan loltoota dirooniwwan xixiqqoo kanneen balaliisaniifi dirooniwwan kanneen heddu qabaachuusanii waraanni Israa'el xinxaalee bira gaheera.
Dirooniwwan Hezbollaa Israa'elitti mataa dhukkubbii ta'aa jiran kunneen gatiinsaanii dolaara 300-400 kan hin caalledha.
Hezbollaan haleellaa dirooniwwan kanneenii cimsaa dhufuu irraa kan ka'e ajajaan waliigalaa waraana Israa'el magaalaa Beerut dabalatee bakkeewwan buufata Hezbollaa ta'an irratti haleellaan akka gaggeeffamu ajajaniiru.
Ministiirri Faayinaansii Israa'el Simootirich Bizaali'eel ammoo dirooniin Hezbollaa loltuu Israa'el tokko yoo miidhe, "loltoonni Israa'el [kibba Beerut bakka Hezbollaan deeggarsa cimaa itti qabutti] gamoowwan 100 haleeluu qabu" jechuun dubbate.
Jalqaba torban kanaa ministiirri muummee Israa'e Beeniyaamin Netaaniyaahuu Hezbolaarratti "tarkaanfii laalessaa ni fudhanna" jedhee ture.
"Dirooniwwan nutti dhukaasaa jiraachuunsaanii dhugaadha. Garee kanarrati hojjatu qabna, ni furra," jechuun Hezbollaarratti haleellaa cimaan akka gaggeeffamu dubbate.
Loltoonni Israa'el diroonii optik faayibarii qolachuu loltoota Yukireenirraa dafanii barachuu dadhaban jedhamuun komatamu.
Dhaabbanni Alma Research Center Hezbollaan diroonii fayyadamuu Yukireenirraa akka baratuufi Israa'el irratti akka fayyadamu bara 2024 keessa akeekachiisee turuu hima Saarit Zehaavii.
Dirooniwwan kunneen yaaddoo jiraachufi jiraachuu dhabuu Israa'elitti uumuu baatanis, qormaata guddaa uumunsaanii garuu qabatamaan mul'ataa akka jiru himu lammiileen Israa'el.
Loltoonni Israa'el Yukireenirraa muuxannaa fudhataa jiru. Bakka buufatasaanii ykn konkolaattota waraanaasaanii neettidhaan uwwisaa jiru. Kunis, dirooniwwan xixiqqoon kunneen gaafa dhufan neettii sanatti rarra'anii hafu.
Kaampaaniwwan ittisaa Israa'el heddus mala haaraa ittiin yaaddoo dirooniwwan Hezbollaa kana qolatan hojjachuurratti argamu.
Maloota kanneen keessaa diroonii farra diroonii ta'e, rasaasa farra diroonii, meeshaa elektirooniksii ofiin diroonii argee itti dhukaase kuffisuufi kaan irratti hojjataa akka jiran ibsa Alma Research Center.













