Yugaandatti lakkoofsi namoota vaayirasii Iboolaan qabamanii dabale

Madda suuraa, Getty Images
Ministeerri Fayyaa Yugaandaa magaalaa guddoo Kaampaalaatti namootni dabalataa lama vaayirasii IboOlaan qabamuu isaanii mirkaneesseera.
Kanaanis, lakkoofsi namoota Yugaandaa keessatti vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e sagal (9) ga’eera.Ibsa Ministeerri Fayyaa Ugandaa baaseen, namoonni haaraan qabaman lammiilee Rippaabiliika Dimokiraatawaa Koongoo (DRC) yoo ta’an, yeroo ammaa kana hordoffiin yaalaa godhamaafii jira.Roobii darbe aangawoonni Yugandaa babal’ina vaayirasichaa to’achuuf tarkaanfii fudhataniin, daangaa biyyattii fi Rippaabiliika Dimokiraatawa Koongoo gidduu jiru cufaniiru.Yugaandaan dabalataan walga’iiwwan uummataa gurguddoo kan dhorkite yoo ta’u, babal’ina vaayirasii IbOola ittisuuf sakatta’iinsa daangaa irratti taasifamu cimsiteetti.







