Pireezidantiin Jibuutii sagalee uummataa %97'n marsaa jahaaf filannoo mo'atan

Ismaa'el Omaar Gilee

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pireezidantiin Jibuutii Ismaa'el Omaar Gilee sagalee filattootaa %97 argachuun marsaa jahaaf pireezidantii biyyattii tahuun filatamaniiru.

Bu'aan filannoo marsaa duraa akka agarsiisutti Pireezidant Ismaa'el Omaar Gilee biyya Gaanfa Afrikaa iddoo murteessaa irratti argamtu hogganuuf sagalee isaan dandeessisu argataniiru.

Filannoo biyyaalessaa mormitoonni baayyeen keessaa of baasan irratti mormituun dorgomaa turan namni ganna 78 Mohaammad Faaraah sagalee filattootaa 2.19 argataniiru.

Waggoota 27 darbaniif biyyattii kan hogganan Omaara Giileen kanaan dura aangoo akka gadhisanii waadaa seenanii ture tahus Sadaasa darbe heera biyyattii irratti fooyya'insi godhamuun boodaafi daangeffamni uumrii kaafamuun as kaadhimamaa tahuun of dhiyeessaniiru.

Duulli filannoo pireezidantichaa biyyooti naannichaafi lolli Baha Gidduugaleessaa yeroo hammaatee jirutti Jabuuti keessatti nagaafi tasgabbii eegsisuu isaanii irratti kan xiyyeefate ture.

Ulaa Baab El Mendeb irratti kan argamtu Jibuutiin sarara geejibaa galaanaa sochiin itti baay'atu Siwiiz Kaanaaliif balbala tahuun tajaajilti.

Ameerikaa, Faransaay, Chaayinaa, Xaaliyaaniifi Jaappaan biyyattii keessatti buufata waraanaa qabu.

Jibuutiin bara 1977 kolonii Faransaay jalaa erga of baaftee Giileen pireezidantii isa lammataati.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mormitoonni ijoo Jibuutii bara 2016 irraa qabee biyyattii keessatti sochiin siyaasaa bilisa tahe hin jiru jechuun filannoo keessaa of baasaniiru.

Giileen marsaa jahaaf biyyattii akka bulchan filamuun gammachuu itti dhagahame yeroo ibsan ''injifannoon kuni kan guutummaa biyyaati,'' jedhan.

Sagalee kennitoonni harka 80 ol filannoo Jimaata darbe deemsifameen filannoo irratti hirmaataniiru.

Paartii mormituu keessatti sagalee muraasa argachuun kan filaman Saamaataar hamma yoonaa yaada hin kennine.

Bu'aan filannoo kan beeksifame ministeera biyya keessaan tahus Giileen waggaa shanan dhufaniif biyya geggeessuuf waadaa seenuu dura manni maree heeraa injifannoo isaanii mirkaneessuu qaba.

Pireezidantichi filannoo bara 2021 geggeefameenis garaagarummaa wal-fakkaataan mo'atan.

Parlaamaan Jibuutii bara 2010 ture yeroo daangaa aangoo kaasuun turtii aangoo ammoo waggaa jaharraa gara shanitti kan hir'ise.

Umrii kaadhimamtoota 75 darbuu hin qabu jedhee murtoo dabarsuus kana garuu Sadaasa darbe Pireezidant Giileen akka dorgomaniif jecha heera fooyyeesseera.