Atakaroon Ulaa Hormuuz dooniiwwaan 800'tti dhiyaatan danqe maalirra gahe?

Ulaa Hormuuz

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ulaa Hormuuz
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhimmi ulaa Hormuuz ijoo dubbii addunyaa erga ta'ee bubbuleera. Ulaa kun xiyyeeffannoo addunyaa kan ta'e waraana Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti banuun booda Iraan ulaa kana cufuu hordofeeti.

Waraanicha ilaalchisee dhukaasa dhaabuu fi mariin eegalamullee ammayyuu dhimmi daandii doonii addunyaa irratti murtessaa ta'e atakaroo qaba.

Haalduree waligaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaaf taasifame keessatti dhimmi ijoon tokko, dooniwwaan addunyaa nagaadhaan ulaa kanaa keessa akka darban of keessatti hammachuutu gabaafame.

Haa ta'u malee, dooniiwwan naannoo sana jiran hayyama malee ulaa galaanaa sana qaxxaamuruuf yoo yaalaan ''akka irratti xiyyeeffatamu'' akeekkachiifni qaqqabeera.

Sababa kanaan guyyoota sadan, arfan darban keessa dooniiwwan muraasa qofatu ulaa Hormuuz keessa darbe.

Dhimmi kun hordofamaa kan ture yoo ta'u, Ebla 10, 2026 sa'aatii itti dhukaasa dhaabuun labasamee as dooniiwwan 18 qofatu ulaa kana keessa qaxxaamure.

Akka odeeffannoo sochii galaanarraa to'atu 'MarineTraffic' jedhutti dooniiwwan 18 Kibxataa as Ulaa Hormuuz keessa darban keessaa afur taankaroota boba'aa fe'an yoo tahu alaabaa Iraan ofirraa qabu.

Dooniiwwan sadii ammoo boba'aa kan fe'an ta'iifi kanaan dura Ameerikaadhaan qoqqobbiin irra kaa'ameedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tokko ammoo alaabaa Raashiyaa kan qabuufi US bara 2025 qoqqobbii kan irra keesse fa'i akka ta'an xiinxalli 'BBC Verify' ragaa hordoffii sochii dooniiwwaan addunyaa 'Marine Traffic' jedhamu waabeffachuun gabaase ni mul'isa. Doonii biroo tokko tokkos bakka jiran osoo hin beeksisin imala kana taasisuu malu.

Waraanni kun Gurraandhala 28, 2026 osoo hin jalqabin dura giddu galeessaan guyyaa guyyaan gara dooniiwwan 138 ta'antu ulaa galaanaa kana keessa darba ture.

Torban shanif erga waraanni kun jalqabee as jeequmsi geejjiba doonii galaanarraa mudate diinagdee addunyaa irratti dhiibbaa uumeera. Gatiin boba'aa akka malee dabaleera.

Addunyaa irrtti gatii anniisaa tasgabbii dhabsiisuu fi dhiyeessii idil-addunyaa dhiyeessii Galoo Galaanaa fi Galaana Hindii walqunnamsiisu irratti hangam hirkataa akka ta'e saaxilee jira.

Ogeeyyiin doonii akka jedhanitti abbootiin doonii ammallee hanga haalli kun ifa ta'utti daandii kana fayyadamuu irratti of eeggannoo ni taasisu.

Laarsi Jensen Vespucci Maritime irraa BBC'tti akka himanitti, ''dhaabbileen doonii irra caalaan isaanii osoo ulaa galaanaatti hin imalin dura ibsa ifa ta'ee fi wabii nageenyaa barbaadu. Yeroo ammaa kana garuu ibsi bal'aan sanarratti hin jiru.''

Dooniwwaan naannawa Ulaa galaanaa Hormuuzitti argaman
Ibsa waa'ee suuraa, Dooniwwaan naannawa Ulaa galaanaa Hormuuzitti argaman

Gulaalaa olaanaa Loydiis Listi kan ta'an Richard Metaade yeroon kun abbootii dooniidhaaf yeroo ''baay'ee balaafamaa'' ta'eedha jedhu.

Sabababnisaammoo halli jiru mirkanaa'uu dhabuu isaatin wanti hedduun shakkii keessa jiraachuu himu.

''Iraan ammallee ulaa kana to'ataa akka jirtu ibsiteerti. Kana jechuun, abbootiin doonii ammallee darbuuf hayyama humnoota Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa isaan barbaachisa ta'a. Adeemsi kun akkamitti akka hojjetu ammallee ifa miti.''

Xiinxalli BBC Verify daandii dooniiwwan kunneen irra deeman irratti godhe akka agarsiisutti, Dooniwwaan hayyamaan darban karaa kaabaa qarqara galaanaa Iranitti dhihoo jiru, kan bishaan naannoo Iraan to'attuu keessa akka darban agarsiisa.

Waraanan dura dooniiwwan yeroo baayʼee karaa gara kibbaatti dhihoo ykan karaa bishaanii walakkaa fayyadamu turan.

Karaa dura ture fi amma Ulaa Hormuuz keessatti Dooniwwaan qaxxaamuraa jiran.
Ibsa waa'ee suuraa, Karaa dura ture fi amma Ulaa Hormuuz keessatti Dooniwwaan qaxxaamuraa jiran.

'Dooniiwwaan 800'tti dhiyaatan danqamanii jiru'

Riichaard Miid akka jedhanitti, wayita dooniiwwan guutuun ulaa Hormuuz akka qaxxaamuran taasifamutti, dursi taankeroota fe'umsa guutuu qabatanii dhaabataa turaniif akka kennamu eega.

"Torban hedduudhaaf dooniiwwan gara 800 ta'an naannawa sana keessa dhaabatanii jiru. Irra caalaan isaaniis fe'umsa fe'anii waan jiraniif dursi kennamuufin ngaan akka qaxxamuran taasisuudha"

Ogeeyyii dhimmaa doonii Hordofan keessaa Niiyeelsi Rasmuseen 'BIMCO' irraa akka jedhutti dhukaasa dhaabuun torban lamaaf labsame ammallee mirkanaa'uu dhabuu danda'a.

Dooniiwwaan haaraan baay'een deebi'anii gara Galoo Galaanaatti akka seenan nan shakka...sababiin isaas erga labsiin torban lamaa xumuramee booda deeb'anii kiyyootti galuun balaadhaaf saaxilamuu hin barbaadan waan ta'eef."

Barreessaan olaanaa Mana Maree Doonii Idil-addunyaa Toomaas Kaazaakos , albuudni galaanaa yaaddoo biraa ta'uu dubbataniiru.

''Nageenyi dooniiwwanii fi namoota galaanarra deemaniif waliigaltee irra ga'aa jiraachuu isaa mirkaneessu ifa ta'e qabaachuu keenya mirkaneessuu qabna,'' jechuun BBC 'tti himaniiru.