Dhaloonni Haaraan maaliif alkoolii dhuguu irraa gara qorichoota hamoo fayyadamuutti naanna'e?

Madda suuraa, Getty Images
Umriinshee ganna 20 kan taate Meeyi, Hiriyootashee waliin bahuuf qophaa'aa jirti. Naannoo qoonqoo isheerratti mirrii dhukkubbii itti dhagahamee harkishee dafquu eegale.
Kanuma keessa miidiyaa hawaasummaa irratti waan qoricha ta'u argatte. Lammii Chaayinaa kan taate dubartiin kuni barattuu yunvarsiitiiti.
Qorichi kuni Piriigabaliin jedhama. Namoota dhukkuba Narvii fi gaggabdoo qaban wal'aanuuf oola. Qorichi kuni dhukkuba onnee fi miira dhukkubaa sababa mukaa'uutiin qaama irratti dhufu hir'isuufius ni oola.
Meeyi Qoricha kana karaa miidiyaa hawaasumaa seeran alaan bitte.
"Baayyee miira gammachuutiinaan guutama. Nama taphattuun taha. Akka alkoolii burcuqqoo 10 dhuguuti. Akka alkoolii garuu nama hin dhukkubsu" jetti.
Qorichi kuni hammeentaa olaanaan yeroo fudhatamu miira akka machaa'uu namatti uuma.
Ogeessonni fayyaa akka jedhanitti, qoricha kana ajaja ogeessa fayyaa malee fudhachuun hamaadha. Haala tokko tokko keessatti hanga lubbuu baasuutti geessisuu mala.
Kana malees qoricha kana walitti fufiinsaan fudhaachuun araada namatti taha. Fayyadamtoonni qoricha kanaa hojii kamuu hojjechuuf qorichicha irratti hirkatoo akka ta'anis godha.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Dhiphina, Hirriiba dhabuu fi qoricha kana dhaabuuf yeroo yaalamutti ammoo miira lubbuu ofii balleessuu akka namatti dhagahamu godha jedhu ogeessonni.
Meeyi galgala galgala manaa bahu amala godhatteetti. Qoricha kanas guyyuma guyyaan fudhatti.
"Qoricha kana malee manaa bahu hin danda'u" jetti.
Dargaggoonni Umrii Meeyi irra jiran hedduun fuula isaanii alkoolii irraa gara qorichoota kanaa fi baala sammuu hadoochaniitti naannessaa jiru.
A.L.A bara 1997 hanga bara 1912 gidduu dhaloonni dhalatan kan heddummeessan alkoolii osoo hin taane qorichootaa fi baala sammuu namaa hadoochu ta'eera.
Qorannoon tokko akka akeeketti, dhalootni baroota kana gidduu dhalatan irratti haala kana dura hin tureen dhiphinni haalan dabaleera.
Dhiphinni kuni kan mul'ate namoota umriin isaanii ganna 10 hanga 24 ta'an gidduutti yoo ta'u, lakkoofsi isaas miliyoona 10 irraa gara miliyoona 16tti guddateera.
Qoraannooleen akka mul'isanitti, sadarkaan dhiphinaa kuni yeroo Koronaavaayirasiitii asitti dabaleera.
Alkoolii dhiisuudhaan filannoowwan 'Fayya qabeessa' kan jedhuun dadammaqiinsii miiidyaa hawaasummaarraa dargaggoonni gara baala sammuu namaa hadoochaniiti akka fuulleffatan godheera.
Baalonni kunneen alkoolii dhuguudhaan booda dhukkubbii mataa namatti dhagahamu kan hin qabne ta'uutu itti himama.
Yunvarsiitii Teesidiitti ogeessi qorannoo araadaa, Liyaam Nowils, "Dargaggoonni baalota kanneen fayyadamuun filannoo fooyya'aadha jedhanii yaadu. Kuni garuu hubannoo dogogoraati" jedhu.
Hubannoo midiya hawaasummaa irratti kennamuun dargaggoota hangamiitu qorichootaa fi baalota sammuu namaa hadochan kunneen fayyadama kan jedhu beekuun rakkisaadha. Dargaggoonni hedduun karaa seeran alaatiin bitu.
Qorannoon barruu Neechars Kominikeeshin jedhamurratti maxxane akka mul'isutti, rabsi qoricha Piriigaabaliin bara 2008 hanga 2018 gidduu dachaadhan dabaleera.
Lakkoofsi namoota qoricha kana karaa seeran alaa fayyadamanii fi duuti sababa qoricha kanaatiin gahus haalan dabaleera.
Mootummaan Chaaayinaa bara kana qoricha kanarratti hordoffii cimaa akka taasisu hime. Indiyaanis haaluma walfakkaatuun too'annoo cimaa akka taasistu ifoomsite. Yordaanosii fi Yukireenittis lakkoofsi namoota qoricha kana fayyadamanii dabaleera.
Qoricha Kanaan walqabatee viidiyoowwaan hojjetamanii miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifaman hedduun qoricha kana qorichoota biroo waliin walitti makanii akka fayyadaman gorsu.
BBC'n namoota dhiibbaa uumanii fi qoricha kana gurguran qunnameera.

Madda suuraa, Getty Images
Meey akka jettutti, miidiyaa hawaasummaa irratti namootni qoricha kana gurguran kumaatamaan lakkaa'aman kan jiran yoo ta'u, ajajajatanii bitachuufis salphaadha.
Yukireen irraa dubartiin ganan 26 BBC'n dubbise akka jettutti, qorichoota kana karaa weebsaayitii argachuun salphaa ture jetti.
Dhaloonni haaraan alkoolii dhuguu hin heddummeessu. Qorichootaa fi baalota sammuu namaa hadoochan fayyadamuun babal'achaa kan dhufes alkoolii dhuguu dhiisuudhaan walqabateeti.
Gabaasni Biluumberg baase akka ibsutti, addunyaarratti gurgurtaan alkoolii doolaara miliyoona 830'n hir'ateera.
Ogeessi Qoranoo araadaa akka jedhanitti, dargaggoonni qoricha Pirigabaliin fudhatan fayyummaa isaanii eeguu akka barbadaan nihimu.
"Kaaloorii gara qaama isaaniitti fudhachuu hin barbaadan. Kuni ulfaatinni isaanii dabalee dafanii akka dullooman waan isaan godhuufi" jedhu.
UK keessa kan jiraatu dargaggeessi ganna 22 Maat, sochii qaamaa hojjechuu heddummeessa. Alkoolii dhuguu irra qoricha fayyadamuun kalee fi onnee irratti miidhaa gadi aanaa qaba jedhee amana.
"Qorichoonni kunneen alkoolii irra fayya qabeessa jennee amanna" jedha.
Balaa Fayyaatti fidu
Dhaabbanni fayyaa addunyaa akka jedhutti, alkooliin gosoota kaanserii torba waliin hidhata qaba. Ragaan bara 2023 bahe akka mul'isutti, alkooliin hammeentaa kamiinuu fudhatamu miidhaaf inuma nama saaxila.
Kolleejjii Impeeriyaalii London irraa Piroofeesar Deeviid Nat akka jedhanitti, qorichi Meeyi fudhattu miidhaa alkoolii dhuguu irraa gadi aanaa ta'e hordofsiisa. Ta'us garuu balaa inuma qaba.
Piroofeesarri kuni too'annoon qorichoota irratti taasifamu laafaa akka ta'u gorsu. Ta'ummoo qoricha Porigabaliin kana baayyisanii fudhachuun rakkoof akka nama saaxilu himu.
"Miira alkooliin namaaf kennu uumuuf jecha qoricha kana kan fudhatan yoo ta'e hirkattuu qorichichaa nama godha" jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Namootni qoricha Pirigabaliin kana bashannanaaf fudhatan qaamni isaanii qorichicha waliin walbaraa waan dhufuuf hammeentaa fudhatanii yeroo yeroodhaan dabalaa deemuutu isaanirraa eegama.
Yeroo baayinaan fudhatamu ammoo sirna hargansuu irratti dhiibbaa uuma. Yeroo tokko tokko lubbuuyyuu balaaf saaxila. Hammuma hammi fudhatan dabalaa deemu ofwallaalanii kufuu fi hir'achuu rukuttaa onneetiif nama saaxila.
Gurgurtaa gabaa gurraachaa
Koolleejjii Kiingis London jirutti ogeessa xiinsamuu kan ta'an Piroofeesar Emlii Joons, miidhaa alkooliin geessisuu fi qorichootni geessisan qofa waldorgomsiisuun fakkii guutuu rakkoo dhufuu hin mul'isuu jedhu.
"Alkooliin yeroo baayyatu hamaadha. Ajaja ogeessa fayyaa malee qorichoota fudhachuunis miidhaa qaba" jedhu.
Hariiroo hawaasummaatiif jecha qorichoota fudhachuun ergaan isaa hariiroon hawaasummaa waan sodaachisaa akka ta'e akeekuudha.
"Yeroon qoricha fudhadhu qofan bashannane jedha jedhanii amanuun jireenya ofii guutumatti qoricha waliin walitti hidhuudha" jechuun ibsu.
Adeemsa keessa ofitti amanamummaan gadi bu'aa deema. Namootni waan akkasumatti gochuu danda'an qoricha fayyadaman malee gochuu akka hin dandeenye akka amanan godha jedhu.
Looriin qoricha dhiphinaa kan fudhattu dhimma wayii yeroo qabaattu dursisteeti. Suutuma suuta garuu bakka hojii yeroo taatus qoricha kana fudhachuu eegalte.
"Nagargaara ture, kanin hojjedhu namoota waliini. Qorichichi salphumatti namoota waliin akkan wlaiigaluu fi rakkoolee akkan furuuf nagargaareera" jetti.
Torbee lamaaf qoricha kana fudhachuu yeroo dhiiste garuu dhiphinnii fi miirri lubbuu ofii balleessuu isheetti dhagahamuu eegale.
"Maala akkan ta'aa jiru naaf hin galle. Nan dhiphadhe, nyaachuun dadhabe, hiriyootakoos argachuu hin dandeenye" jetti.
Biyyootni hedduun qoricha kanarratti hordoffii fi too'annoo akka taasisan himanis, too'annoo cimsuun inumaa balaa isaa hammeessuu mala kanneen jedhanis jiru.
Yukireenitti hogganaa dhaabbata araada ittisuuf hundaa'ee kan ta'an Mayikayita Lappiin akka jedhanitti, qorichoota yookan baalota sammuu namaa hadoochan too'achuun guutumatti namootni akka hin fayyadamne hin godhu jedhu.
"Ittisa kaa'uun namootni gara gabaa gurraachaa akka deeman godha. Gaafas ammoo qorichi bitanuu sadarkaansaa kan gadi bu'e ta'a" jedhu.
Akka ogeessonni jedhanitti, qorichoota kunneen too'achuun fayyadamtoonni qoricha akkamii bituu akka qaban osoo hin beekin qorichoota biroo akka bitatan taasisuu mala.
Fakkeenyaaf alkooliin yeroo bitamu hammeentaan alkoolii dhugaatichaa qaruuraa irratti barreeffamee jira. kuni garuu qorichoota karaa weebsaayitiin bitamaniif hin hojjetu.
Meeyi qoricha kana bashannanaaf jecha fayyadamuu eegaltus waa'ee qoricha kana dhaabuu yeroo yaaddu garuu dhiphina keessa seenti.
"Sodaachisaadha. Akkamitti qoricha kana malee akkan jiraachuu danda'u hin beeku" jetti.
















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)


