Hokkora Afrikaa Kibbaan lammiileen Itoophiyaa miidhaman jiru

Madda suuraa, Getty Images
Afrikaa Kibbaatti hiriira mormiifi hokkoraa uumameen lammiileen Itoophiyaa lubbuun isaanii darbe akka hin jirre Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Shifarraaw Taklamaariyaam BBC'tti himan.
Lammiileen Itoophiyaa lubbuun isaanii darbe jiraachuu baatulleen kan miidhaman jiraachuu dubbatan.
Lammiileen Itoophiyaa muurasni miidhaan irra gahe jiraachu ibsuun, kaan isaanii walâaansan argachuufi kun ammoo ammalleen walâaansa argachaa akka jiran dubbatan.
âQabeenyaan saanuu guutummaatti barbadaaâeeraâ
Jiraataa Magaalaa Darbaan kan ta'e Kosmoos Gabramikaaâeel waggota 15 oliif jireenya baqattuummaa akka jiraate hima.
Hokkorrifi jeequmsi Afrikaa Kibbaatti kaâe inni guddaan Darbaani fi naannawa isaatti taâuu hima.
Hokkora kanaanis balaa guddaan qaqqabuufi haata'u malee miidhaa kanaan dura lammiilee Itoophiyaa irra gahuun wal bira yoo ilaalamu kan ammaa gadaanaa ta'u hima.
Hokkora hanga ammaa kanaanis, âdhuunfaakootti odeeffannoo lammileen Itoophiyaa lubbuun dhabuu ilaalchise na gaâe hin jiru.
''Waanan akka rogeessaatti tajaajiluuf odeeffannoo hedduutu na gaâa. Taâus garuu dhimma kanaratti odeeffannoon na gaâe hin jiru,â jechuun ibsa.
Lammiileen Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan hedduun isaanii hojii daldalaa irratti kan bobba'an ta'u kan ibsu Kosmoos, isaanis bakka sadiitti ramadamuu akka dandaâan ibsa.
Ramaddiin jalqabaa kanneen naannawa âlokeeshiinâ jedhamanitti kanneen hojjatanidha. âLokeeshiinâ naannoo hawaasni galii gadaanaa qaban keessa jiraatanidha.
Naannolee kanattis lammileen Itoophiyaa suuqii xixiqqaa hojjatan kan jiraatan yoo ta'u, kunis irra jireessa lammiilee Itoophiyaa Afriikaa Kibbaa keessatti argaman kan hammatudha.
Haata'u malee lammiileen Itoophiyaa naannawa kana jiraatan qabeenyaasaanii gutummaatti jalaa barbadaa'eera jedha Kosmoos.
Kaan ammoo daldaltoota warreen Lokeeshinii keessa jiraniif miâa dhiyeessuu fi raabsuun hojjatan lammiilee Itoophiyaa ramaddii lammaffaa ta'u hima.
Kunis kanneen warri hojiiwwan hoteelota, suuqii uffata aadaa fi maneen dhugaatii of keessatti kan qabatudha jedha.
Warri kunis kanaan dura jibba baqattootaa (Xenophobia)n haleellaa irra erga gaâe booda hedduun isaanii of eeguuf jecha gurmaaâanii waan sochoâaniif miidhaan irra gaâe gadi aanaadha jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Itoophiyaa kanneen humna qabanii fi kan ramaddii sadaffaa keessatti jiran ammoo daldalli isaanii wiirtuulee daldala gurguddaa (mooliiwwan) keessatti kan argamu yoo taâu, âjarri kunis qabeenya isaanii guutummaa guututti haalli isaan itti dhaban jiruâ jedha Kosmoos.
Dabaluunis âxiyyeeffannoon kan godhamee wiirtuu daldalaa akkanaarratti waan taâeef wiirtuun jalaa oole hin jiru. Aarri ture mataansaa kan volkaanoon dhohe fakkaatee ture. Ammayyuu aarri kun hin badne. Guyyaa lama boodas gamooleen hedduu gubataniiru,â jedha.
Imbaasiin Itoophiyaa Afriikaa Kibbaatti argamu âxalayaa barreessuu fi ergaa dabarsuu irraa kan hafeâ gargaarsi godhe hin jiru kan jedhu Kosmoos âkan bade badeera. Hawaasni kaan mana jireenya isaatii hanga daldaalaatti kan oolchuu dandaâu oolchateera,â jechuun ibseera.
âLubbuun lammilee darbe hin jiruâ
Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Shifarraaw Taklamaariyaam akka jedhanitti, hokkarii yeroo kana uumame lammiilee biyya biraa irratti akka durii kan xiyyeeffate miti.
âDhaabbilee daldalaa fi diinagdee gurguddoo irratti kan xiyyeefatedha. Dhabbilee kunneen barbadeessuu, saamuu fi gubuudhaâ jedha.
Namootni 72 ta'an lubbuun isaanii akka darbe himuun âhanga ammaatti odeeffannoo qabnuun lammiileen keenya lubbuun isaanii darbe hin jiru.
''Lammileen muraasni miidhaan gadaanaan irra gaâeera. Kunneenis walâaansa argataniiru. Kaan ammoo walâaansa argachaa jiru,â jechuun ibsaniiru.
Wiirtulee daldalaa gurguddoo fi âlokeeshiniâ keessa suuqiiwwan lammilee Itoophiyaa jiran saamamuu fi gubachuu isaanii himuun âhammam akka barbaadaâee boodarra yeroo haalli tasgabbaâee kan ilaallu taâa,â jedhan.
Lammiileen Itoophiyaa nannoolee adda addaatti gurmaaâuun ofii isaanii fi qabeenya isaanii eeguu irra darbe imbaasichaa fi miidiyaalee hawaasaatti fayyadamuun ergaawwan darbaniin hojiiwwan buâaa qabeessa taâe hojjatamuu ibsaniiru.
Akka Ambaasaaddar Shifarraaw jedhanitti, guyyoota lamaan darban keessatti tasgabbiin mulâachaa jira.
Mootummaan biyyattis humna waraanaa akka bobbaaase ibsuun âkanatti fufuun dafanii suqii banuun haleellaa hin eegamneef akka hin saaxilleef akka of eeggattanii fi gurmaaâun turuu akka itti fufan marsariiti imbaasichaa fi miidiyaalee hawaasummaa irratti hojjatamaa jira,â jedhaniiru.
Ergaawwan hawaasa irraa ka'an qamolee mootummaa Afrikaa Kibbaa dhimmisaa isaan ilaallattu bira geessisuun xiyyeeffannoon hojjachaa akka jiranis ibsaniiru.
Wiirtuleen daldalaa gurguddoon miidhaan irra gaâe inshuraansiidhaan beenyaa akka argatan beeksisuun, daldalli xixxiqqaan ammoo akkuma kanaan duraa ture hunda, yoo hawaasni gara hojii idilee isaaniitti deebiâaniitti adeemsa hawaasni ittiin wal tumsu akka jiraatu himaniiru.















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)


