Haleellaa Kaappital: Deggertoonni Tiraamp galma Mana Maree US wayita weeraran
Maxxanfame
Pirezidaant Doonaald Tiraamp deggaruun kanneen hiriira ba'an gamoo guddicha mootummaa biyyattii kan ta'e Kaappitoo keessa seenuun galma walga'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa weeraran.
Qondaaltonni miseensota kongiresii akka dhokatanii fi walga'iin akka adda citu dirqamsiisaniiru. Kaayyoon walga'ii kongiresiichaa ammoo filannoo mo'achuu Joo Baayidan mirkaneessuuf ture.

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtota keessaa tokko gara galma Seeneetiitti gamoorraa wayita utaalu
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Naannoon Kaappitool battaluma deggertoonni Tiraamp fuuldurasaatti hiriia eegalanii hookkarri ka'e daaraa uffate
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Eegdota gamoo Kaappitol cabsanii erga seenanii booda, nama alaabaa qabatee keessa deemaa jiru
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtonni huccuu yeroo baayyee Tiraamp uffachuun mul'atan fakkaatu uffatanii gamocha fuulduratti suuraa ka'an
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtota keessaa tokko meeshaa galmicha keessa jiru, kan waa irra kaa'atanii haasa'uuf gargaaru qabatee deeme
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin Kaappitol galma Seeneetii keessa dhaabbatanii gara alaatti hiriirtota irratti meeshaa qiyyaafatanii jiru
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Seera baastonnii fi hojjettoonni gamochaa golgaa fuulaa uffatanii
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtota keessaa tokko alaabaa barreeffama ''Tiraamp pirezidaantii kiyya'' jedhu mirmirsaa ture
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Tokko ammoo teessoo Afa-yaa'ii mana maree Nansii Peloosii irra erga takka taa'ee booda, ''gonkumaa boodatti hin jennu'' barreeffama jedhu kaa'ee deeme
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtonni hedduun gamocha keessatti poolisiidhaan qabamaniiru
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtonni wayita poolisootaa fi hojjettoota Kaappitol dubbisan
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin gamoo Kaappitool, nama hiriirtota keessaa osoo karaa foddaa galma walga'ii seenaa jiruu argerratti keemikaala ija gubu biife
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtonni hedduun erga gamoo Kaappitol giddu-galasaa seenanii booda gammachuusaanii wayita ibsan
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Deggertoonni Tiraamp gulantaa fuul-duraa galma Seenetii irratti suuraa ka'uuf carraa argatan
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtonni kaan ammoo fuula halluu dibatanii, mataatti faaya uffatanii turan
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtota keessaa tokkommoo haala addaan uffattee, dhaabbii siidaa bilisummaa ishee fakkeessuun mul'atte
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Jalqaba wayita deggertoonni Tiraamp ala gamoo Kaappitoolitti walga'anAll pictures are subject to copyright.