Suuraawwan babbareedoo Afriikaa, Fulbaana 14-20, 2018ti
Maxxanfame
Filannoo suuraalee babbareedoo lammiiwwan Afrikaa, Afrikaafi addunyaa mara irraa.
Ibsa waa'ee suuraa, Finfinneetti, Kefiyaaloo isa yeroo tokko hidhaarra ture, sirna simannaa hoggantoota ABO irratti halluu alaabaa bilisummaatiin faayame argameIbsa waa'ee suuraa, Dubartiin kuni immoo ittoo foonii Zigin jedhamu tolchiti, faayaan harkatti godhatte gaazexeessaa BBC Tigrinyaa Girmaay Gebruut kenneef.
Madda suuraa, BBC Tigranya
Ibsa waa'ee suuraa, Keessummooti nyaata garbuurraa tolfamteefi Xihiloo jedhamtu filoodhaan ittoo keessa dhuubanii nyaachaa jiru. Xihiloon sirna addaaf dhiyaata.Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii Adigiraat cidhaaf harkashee hiinnaadhaan miidhagfatte
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggooti Keeniyaa kophee siliiparii calleerraa tolfamtu gabaa diidaa magaala guddoo Naayiroobiitti hojjatanii agarsiisaa turan
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan erga barnoota bilisaa jalqabee, barattoonni sadarkaa tokkoffaa Seeraaliyoon, magaala guddoo Fireetaawonitti argaman guyyaa barnootaa tokkoffaatti jiru.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiin kun immoo kitaabotaafi baruulleewwan takkaa faayidaarra oolan Iyivoorikoost, magaalaa Abiijaanitti karaa dura baafatee gurgurti.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Achuma Abijaanitti, weellisaan reegee Alfaa Biloondii kooppii albama isaa Human Race jedhamu mallateessaa namoota harka fuudha.
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalattii iddoo biraatti immoo namoonni ollaafi naannoo isaanii qulqulleessuun aantummaa hawaasaa agarsiisaa turan
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa wiixataa lolaa Naayijeeriyaa naannoo Koogiitti mudateen namni kun mala lolicha keessa ce'u malateera. Torbee lameen darbe keess lolaan kun lubbuu namoota 100 galaafateera.Pictures from AFP, EPA, Getty Images and Reuters