Torbee suuraa Afrikaa: Caamsaa 24- 31, 2018 itti
Maxxanfame
Filannoo suuraawwan mimmiidhagoo lammiiwwan Afrikaa fi addunyaa mara irraa

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Mahammad Gaassaamaa nama lammii Maalii yoo tahuu gochaan inni gamoo yaabbachuun daa'ima baraaruuf taasise torbee kana keessa qalbii namoota baayyee hawwatee ture. Pireezidantiin Firaansis masaraa isaanitti kabajaan isa affeaaraniiru.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Roobii darbe Maalitti, hogganaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuteerees daawwannaa yenna taasisan nama otoo masjiida Mooptii keessa taa'uu suuraa ka'e
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Masrii magaalaa Kaayirootti namoonni jagna isaanii Mo Saalaa yeroonni Liivarpuuliif taphatu leellisaa turan.
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Mucayyoon waggaa 12 lammii Gaanaa taate Shiifaa Amankwaah-Gaabeey, Ameerikaatti dorgommii jecha qubeessuu irratti hirmaachuun karaa kabajaa isheef malu jalqabdeetti.
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Haguuggiin fuulaa fiigdootaa 'Maabuu' jedhamu bara 1930 saboota Kaameruun 'Wuum' jedhamaniin tolfame Ingilaanditti agarsiisaaf dhiyaatera.
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Suudaan magaalaa Kaartumitti manguddoo erga soomata Ramadaanaa isaanii hiikaniin booda suuraa Masjiida Sheek Daafalaahitti ka'an
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti tola ooltonni lafa balfaa naannoo Kibeeraa namooti baayyeen jiraatan qulqulleessuun gargaarsa godhan.Ibsa waa'ee suuraa, Zimbaabuweetti, namooti yaada fuula isaanii gara filannoo Waxabajjii 31 raawwatutti garagalfataniiru. Dubartiin kuni ulaagaalee filannichaa mirkaneessaa jirti.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Maadaagaaskaritti namooti deeggartoonni mormituu kuni, hoggansi sammuu namootaa keessa jira, jechuun sanbata darbe pireezidantiin aangoo akka gadhiisanii dhiibbaa godhan
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Afrikaa Kibbaa magaalaa Darbaan keessatti namooti torbee Afrikaa daandiirra bahanii kabajachaa turan Suuraan AFP, Getty Images and Reuters irraa argame