Suuraa filatamoo Ardii Afriika: Guraandhala 16-22, 2018
Maxxanfame
Suuraalee filatamoo torban kanaa ardii afriikaa guutuufi lammiilee afriikaa eessayyu addunyaa kanarra jiraatan.

Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Harbi akkasiin gadi garagalee qilleensa keessa yoo balali'u yeroo hunda arguun hindanda'amu. Garuu guyyaa Roobii kaawuntii Nyerii biyya Keeniyaa keesstti kan ta'e kanuma.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Kunis namoota tibba fesitivaala sarkisii jalqabaa Abijaan, Ivorii koositi keessatti balalii'aniidha.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Zaambiiyaatti namoonni du'a ogganaa paartii mormituu Morgaan Sgaangiraayi kan umurii waggaa 65tti du'eetti gaddasaanii yoo ibsatan.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaadhuma walfakkaatu, haatii mucaashee haaraa hospitaala Gubaa, Suudaan Kibbaatti simmatte. Biyyattiin dahumsaaf lafa baayyee rakkisaa ta'an keessa tokko ta'ushee UNICEF beeksise.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaatti guyyaa humnoota Xaaliyaaniidhaan namoonni kuma 20 ta'an itt ajjeefama yaadataniiru, Guraandahala 19, 1973.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Warri Libiyaas torban kana yuggaa guddaa yaadataniiru. Guraandhala 17, guyyaa erga Koleenel Muaammar Gaddaafiin aangoorraa bu'anii waggaa torbaffaadha.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Afrii Kibbaatti filannoo qaba garuu, pirezidaantii haaraa argataniiru. Siriil Raamaafozaa osoo uummataafa haasaa hin taasifamiin dura wayita ul'atanitti. Dubartiin tun maal akka ilaa jirtu osuma beekne gaarii ture.
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Gara biraatiin ammoo Koriyaa Kibbaatti, lammiin Ghaanaa xabataa iskeletanii Akwaasi Frimpong mucaaa isaa hiriyaatti wal yoo barsiisuu.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Garuu Keenyaa keessatti, yaandi gara fiigicha olaanaatti geedarame Images courtesy of AFP and EPA