KALLATTIIN, Doonaald Tiraamp waliigalteen waraana Iraan dhaabuu xumumuu jala gaheera jedhe, Iraan garuu dhara jette

Pirezidaant Doonaald Tiraamp waraana US-Iraanitti xumura gochuuf waliigalteen xumuramaa jiraachuu yoo ibsu, Iraan garuu "waanti xumurame hin jiru" jette.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Iraan icciitii qabxiilee waliigaltee keeyaa baaste jechun himate

    Tiraamp Iraan icciitii qabxiilee waliigaltee keenyaa baaste jechuun himate.

    Tiraamp waraana Iraan waliin xumuruuf qabxiilee irratti waligalle baasuun qabxiileeduraan irratti waliigalle irratti dhiibbaa homaa hin qabu jedhe.

    Ammoo ''dhugaa miti'' jechuun ibse.

    ''Uummata kana waliin mari'attee waliigaluuf amanamoo miti'' jedhee ''dafanii waliigalticha xumuruu qabu'' jedhe.

    Miidiyaaleen Iraan waan Iraan ifatti barbaadduufi Ameerikaan didde jedhan gabaasan.

    Qondaalonni Ameerikaas waan Iraan itti fufinsaan fudhachuu didde ejdhan ibsan.

    Ministeerri Dhimma Alaa Iraan Seyid Abbaas Arachii waliigaltichi ''inumaayyuu xumuramuutti hin dhiyaanne'' jedhe.

    Tiraamp Iraan waliigalticha fudhatteetti jechuun kaleessa haleellaa jabaan gaggeessa kan jedhee ture dhiisuu ibsee ture.

  2. Atileet Gudaaf Tsaggaay qoricha dhorkaa tahe fudhachuun dorgommii irraa dhorkamte

    Atileet Gudaaf Tsaggaay

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Gudaaf Tsaggaay

    Yeroo lamaaf Shaampiyoonaa addunyaa kan turte Gudaaf Tsaggaay sabab qoricha fudhachuun dhorkaa tahe fayyadamtee argamteef ji'a afuriif dorgommii irraa dhorkamteetti.

    Atileetiin ganna 29 Gudaaf bara 2022 keessa fageenya 5,000m medaaliyaa warqee mo'atte.

    Bara 2023 keessas fageenya 10,000m medaaliyaa warqee mo'achuun shaamiyoonaa addunyaa taateetti.

    Gudaaf qoricha fudhachuun dhorkaada jedhee Farri Dooppingii Addunyaa [WADA] rtarreesse fudhattee akka argamte ibsame.

    Qorichi kun ammoo Leetroozool jedhama. Kun hamma hoormoonii estiroojinii xiqqeessuuf kan gargaaru yoo tahu yaala dhibee kaanseeriifis ni oola.

    Gudaaf qoricha kana hakiimni ajajeefii yaalaaf akka fayyadamtee fi ragaalee barbaachisoo akka dhiyeessite ibsameera.

    Atileetiin kun ji'a afuriin adabamuun waan madaaludha kan jedhe dhaabbatichi maal na dhibdeen ykn balleessaaf akka hin taane eereera.

    Kanaaf Waxabajji 1 irraa eegaluun Fulbaana 30tti dorgommiiwwan jiran irratti hin hirmaattu.

  3. Ariyaanaa Giraandee Waayit haawus akka sirba ishee hin fayyadamne gaafatte

    Ariyaanaa Giraandee

    Madda suuraa, Noam Galai/Getty Images for MTV

    Ibsa waa'ee suuraa, Ariyaanaa Giraandee

    Weellistuu beekamtuu Ariyaanaa Giraandee Waayit Haawus sirba ishee akka hin fayyadamne gaafatte.

    Waayit Haawus imaammata godaantotaa beeksisuuf jecha sirba Ariyaanaa Giraandee fayyadamuun miidiyaa hawwaasaa irratti maxxansanii ture.

    Viidiyoo gabaabaan TikTook irratti qoodame sirba ishee 'Bye Bye' jedhu fayyadamuun eegdonni daangaa namoota harka duubatti hidhuun yeroo konkolaataatti galchan kan agarsisu ture.

    Tiraamp daangaa godaantotatti cufamuu ibsuuf bara 2024 jecha inni itti fayyadame ture.

    Ariyaanaa Giraandee yaada bakka kennamu jalatti ''gochaa namummaa keessaa bahee fi suukaneessaa akkasiif sirbakoo hin fayyadamiinaa'' jettee barreessite.

    Dubbii himtuun Waayit Haawus ammoo ''waanti suukaneessaa fi namummaa hin qabne godaantota seeraan alaa yakka ajjeechaa fi miidhaa qaamaa lammiilee Ameerikaa irratti raawwatanidha'' jette.

    TDhaabbilee farra godaantotaaf Tiraamp baajata doolaara biliyoona 70 raggaasiseera.

    Humnoonni eegumsa daangaa US namoota to'atan harka duubatti hidhuun konkolaataa keessa galchuun yeroo mana hidhaa galchan agarsiisa.

    Erga Ariyaanaa Giraandee yaada kennitee sagaleen muuziqaa viiidyocha keessaa balleeffamuun yaada isheen kennites balleessaniiru.

  4. Pirezidaantiin duraanii Kooriyaa Kibbaa diroonii gara Kooriyaa Kaabatti erguusaaniif hidhaan waggaa 30 itti murame

    Yoon Suuk Ye'ok

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin duraanii Kooriyaa Kibbaa Yoon Suuk Ye'ook diroonii Kooriyaa Kaabatti dhukaasuu isaaf hidhan dabalataa waggaa 30 itti mure.

    Yoon Suuk Kooriyaa Kibbaatti humna waraanan bulchuu labsanii waan turaniif aangorraa kaafamuun hidhaman.

    Manni Murtii Kooriyaa aanga'aan duraanii kun Kooriyaa Kaabaa dheekkamsiisuuf jecha diroonii itti erguu eeruun hidhaa cimaan adabe.

    Yoon Suuk bara 2024 aangoo pirezidaantummaarraa kaafamuun hidhamanii kan ture yoo ta'u, aangoo hin hayyamamneef fayyadamuun bulchiinsa waraanaa labsuun himanni irratti banamee ture.

    Dabalataan ammoo Kooriyaa Kaabaa dheekkamsiisuuf jecha dirooniin garasitti akka ergamu gochuunis himannaa biraan himatamuun hidhaan waggaa 30 itti muramee jira.

    Qondaalli duraanii kun Kooriyaa Kaabaa dheekkansiisuun yaaddoon waraanaa akka hammaatu godhaniiru kan jedhu himannaa irratti dhiyaate keessati.

  5. US maaliif Odola Kaarg qabeenya Iraan taaterra ijashee godhattee?

    Kaartaa Odola Kaariig

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dhiyeenya kana qarqara galaanaa Iraan wiirtuu boba'aa taate Odola Kaarg fudhachuuf akka jiru dhaadateera. Tiraamp "gara fuula duraa baayyee fagoo hin taanetti" Odola kana akka fudhatan dubbate.

    Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti Kamisa ganama ejjennoo isaa Iraan irratti qabu dubbii isaan akkuma yeroo kaaniin hammeesseera. US dhiyootti "Odola Kaarg fi bu'uuraaleen misoomaa biroo, akkasumas qabeenya boba'aafi Gabaa Gaazii biyyattii ni fudhatti" jedhe. Itti dabaluun halkan kana dubbate sana Ameerikaan akka Iraaniin cimsitee haleeltus ibse.

    Haata'u malee, Kamisa yeroo Fox News irratti kan dhiyaate Tiraamp ejjennoo isaa waa'ee Odola karaa qabeenyi boba'aa Iraan darbuufi itti kuufame kana fudhachuu kan laaffise fakkaata. Tiraamp Odola kana dhuunfachuun "qabeenya guddaa achirra jiru" USf akka ta'u barbaada ture.

  6. Tiraamp waliigalteen waraana Iraanitti xumura gochuu mallattaa'uu jala gaheera jedhe

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Dooaald Tiraamp waraana US-Iraanitti xumura gochuuf mariin gaggeeffamaa ture xumura jala gaheera jedhe.

    Iraan ammoo "waliigalteen xumure homtuu hin jiru" jechuun dubbiin Tiraamp dhara ta'uu ibsite.

    Tiraamp waliigaltichi xumuramaa jiraachuu kan dubbate haleellaa Iraanirratti halkan edaa gaggeessuuf ture haqamuu erga beekisee booda.

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baagehi ibsa kennaniin, Tiraamp waanuma itti fakkaate dubbataa akka jiru ibsuun "waanti xumurame tokkollee hin jiru" jedhan.

    Tiraamp USfi Iraan waliigalteerra gahuu jala gahaniiru jedhee dubbachuu erga eegalee bubbuleera. Haa ta'u garuu akka Tiraamp jedhe hanga yoonaa waliigalteen ifatti labsame hin jiru.

    Biyyoonni lachuu Ebla darbe dhukaasa dhaabuuf waliigalanis, darbanii darbanii wal-haleeluu hin dhiisne.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Doonaald Tiraamp Iraan wajjin waliigaluu jala geenyera jedhe. Iraan ammoo ammatti waanti irra gahame homtuu hin jiru jetti.

    Odeessaalee biyya keessafi idiladdunyaa karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok BBC Afaan Oromoo argachuu dandeessu.