US fi Iraan guyyaa lammaffaaf wal haleeluu itti fufan

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni lameen Ebla 8, 2026 dhukaasa dhaabuurratti waliigalanis ergasii darbanii darbanii wal qoccolloo fi walitti dhukaasaa turaniiru.
Garuu guyyoota lamaan kana kallattiin haleellaa walirratti bananii jiru.
Amma Baha Giduugaleessaa keessatti waraanni US fi Iraan deebi'eera.
Ajaji Giddugalaa US (Centcom) kibba Iraanitti buufata waraanaa, basaasaa fi raadaarii irratti xiyyeeffachuun haleellaa haaloo ba'uu raawwachuu ibse.
Haleellaan kun erga Pirezidant Doonaald Tiraamp ''haleellaa hamaa'' Iraan irratti raawwachuuf dhaadatee mudate.
Tiraamp yoo Iraan waliigaltee hin mallatteessine haleellaa hamaan akka ishee eeggatu ibsee ture.
Iraan haaloo ba'uuf qabeenya US Baha Giddugaleessaa keessaa qabdurratti haleellaa raawwatteetti.
Akka ibsa Eegdota Warraaqsa Islaamaa biyyattiitti buufataaleen waraanaa US kanneen Bahreen, Kuweet, Jordaan keessa jiran haleelamaniiru.
Akkasumas Ulaa Hormuuz irratti taankariiwwan boba'aa lama rukutuu ibseera.
Kunis erga mootummaan Iraan Ulaa Hormuuz guutummaatti cufuu ibseeti.

