MM Abiy sagantaa ijaarsa warshaa boba'aa jalqabsiisuu irratti hirmaachuuf Keeniyaa jiru
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad sagantaa ijaarsa giddugala boba'aa qulqulleessu irratti argamuuf Keeniyaa jiru.
Giddugalli kun Keeniyaa, Laamuutti abbaa qabeenyaa Aliikoo Daangooteetiin ijaarama. Doolaara biiliyoona 16n ijaarama.
Ijaarsa giddugala kanaa jalqabsiisuuf sagantaa qophaa'erratti MM Abiy, Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi aanga'oonni kaan ni argamu.
Giddugalli Baha Afrikaa keessatti isa guddaa ta'e kun guyyaatti boba'aa baarmeela kuma 700 qulqulleessa jedhame.
Ijaarsi giddugalaa kanaa eegalamuun labsamuu dura jiraattonni naannoo beenyaa ga'aa hin arganne jechuun mormii dhageessisaniiru.
Biiliyeenarri Afrikaa Aliikoo Daangootee dhimma kanarratti wayita BBCtti dubbatu, dantaa namoota faayidaa barbaadaniitu keessa jira jechuun mormii kana gatii dhabsiise.
Pirojektiin kun akkuma karoorfametti bara 2030 xumuramee tajaajila eegala jedhe.
Dureessi Afrikaa kun Itoophiyaa keessaas pirojektiiwwan gurguddoo qaba.
Isaan keessaa ijoon warshaalee simintoo fi xaa'ooti.
Warshaan xaa'oo dolaara biliyeena 2.5 baasu Naannoo Somaalee, Godee keessatti ijaaramaa jira.
Yeroo xumuramu warshaawwan xaa'oo gurguddoo Afrikaa keessaa tokko ta'a jedhamees eegama.
Mootummaan Itoophiyaafi dureessi Afrikaa lammii Naayijeeriyaa ta'e Aliikoo Daangotee waliin ta'uun warshaa xaa'oo guddaa ijaaruuf waliigaltee kan mallatteessan Hagayya 29, 2025 ture.
Warshicha gahee abbaa qabeenyummaa dhibbeentaa 60 kan Dangote Group yoo ta'u dhibbeentaa 40 ammoo kan Itoophiyaa ta'a.
MM Abiy dureessa Afrikaa Aliikoo Daangootee waliin Caamsaa darbe wayita iddoo warshaan kun itti ijaaramaa jiru daawwatan, Aliikoon nama kutannoo qabu ta'uu ibsuun jajan.
''Aliikoo Daangotee nama kutannoo qabudha. Waadaasaa eeguun maallaqa, yeroo, hojjettoota... hunda hojiitti galcheera. Nutis itti dhiheenyaan hordofuun rakkoo Itoophiyaa keessa jiru furuun hojii kana ni milkeessina,'' jedhan.