Biyyoonni 15 eegumsa galaanarraaf waliigaltee waraanaa mallatteessan

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Biyyoonni 15 eegumsa galaana idiladdunyaaf qindoomina waraanaa uumuu irratti sanada waliigaltee qophaa'e mallatteessuu Ministeerri Ittisaa Sa'uudii Arabiyaa beeksise.
''Sanada waliigaltee kana biyyoonni mallatteessan 15 ga'aniiru. Biyyoonni 13 ammoo adeemsa biyyaalessaa isaanii erga xumuranii fi chaartara qindoomina kanaa erga mallatteessanii booda ifatti itti makamuu ibsaniiru,'' jedhi ibsi ministeerichi X irratti baase.
Ibsi kun erga qaamolee qindoomina kanaa karoora baasan walga'ii sadaffaasaanii Kamisa darbe magaalaa Sa'uudii Arabiyaa, Jiddaatti gaggeessanii booda ba'e.
''Qindoominni amma uumame kun gara jaarmiyaatti ce'uu fi akka jaarmiyaatti hojii qindaawaa jalqabuutti darbuu kan agarsiisu yoo ta'u, biyyoonni hafan ammoo qindoomina kanatti makamuuf dhimmoota akka biyyasaaniitti qaban xumuraa jiru,'' jedha ibsi Sa'uudii.
Qindoominni kun Sa'uudiidhaan kan durfamudha. Paakistaan ammoo itti aantuudha.
Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoonni 13 biroon nageenya dooniiwwan karaa Ulaa Baab el-Mandab, Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Aden darbanii eegsisuuf kan qindoomina kana uuman.
Qindoominni humna waraanaa biyyoota hedduu irraa ijaaramee fi dhuma Adoolessaarratti ibsame kun nageenyi dooniiwwanii akka mirkanaa'u, daldalli galaanarraa akka hin gufanne fi ulaawwan boba'aa dhiheessan akka eegaman kan kaayyeffate ta'uun ibsameera.



