Poolisoonni immigireeshinii mana Ilhaan Omaar sakatta'an

Madda suuraa, Reuters
Ejentoonni/poolisoonni immigireeshinii Ameerikaa qorannoo yakkaa gaggeessaa jiraniif mana bakka buutuu ummataa Mineesotaa kan taate Ilhaan Omaar sakatta'an.
Ejentoonni Qorattoonni Dhimma Nageenya Biyyaa Keessaa (HSI) qabeenya naannoo Waashingitan DC jira jedhamerratti ''ajaja sakatta'insaa abbaa seerummaatiin hayyamame raawwachuu isaanii dubbi-himaan kutaa haqaa Ameerikaa himaniiru.
Sakatta'insi gaggeeffame kunis "qaama qorannoo yakkaa federaalaa gaggeeffamaa jiruuti" kan jedhe dubbi-himaan kun, dhimma kana irratti garuu ibsa bal'aa hin kennine.
Wayita ammaa kanatti Kongiresiin US hojiirra waan hin jirreef Ilhaan wayita sakatta'insi kun gaggeeffametti mana jiraachuufi dhiisuun ishee ifa miti.
Miseensa warra Dimokiraatii beektamtuu kan taatee fi Pirezidant Doonaald Tiraampiin cimsitee qeequun kan beekamtu Ilhaan Omaar, sakatta'ina manasheetti gaggeeffame kana miidiyaa hawaasaarratti akka "yaalii diina siyaasaa irratti xiyyeeffachuu fi seera kabachiistota federaalaa meeshaa waraanaa godhachuu" ta'etti ibsite.
"Waggoota kudhaniif Tiraamp soba bu'uura hin qabnee fi duula maqa-balleessiin anarratti xiyyeeffateera,"jedha ergaan isheen miidiyaa hawaasaarratti maxxansite kun.
"Kun duula doorsisa siyaasaa gaggeessaa jiru keessatti erga dhiyoo as daran hammeessuu isaa agarsiisudha. Ani hin callisu."
Wixata rippoortarootatti kan dubbate Tiraamp, "gungumtuu" fi nama badduudha" jechuun ishee ibsuun qorannoon qajeelcha haqaa Ilhaan Omaar irratti gaggeeffamu anaan "hin ilaallatu" jedhe.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Pirezidantii warra Rippablikanii kan ta'e Tiraamp dhalattuu Somaaliyaa miseensa kongiresii kanaan: "Biyya biyya hin taane tokkorraa dhufte,'' jedhe.
"[Achii] as dhufteeti egaa waa'ee Heera mootummaa keenyaa kan komii dhiyeessitu (gungumtu)."
Daarektarri komunikeeshinii Ilhaan Omaar, Jaakiliin Roojars sakatta'insa Wixata ganama gaggeeffamee "aangootti akka hin malletti fayydamuu hamaa" bulchiinsa Tiraampiin godhamaa jirudha jechuun miseensi Kongirasii kun "badii hojjette tokko hin qabdu" jedheera.
Kaayyoon qorannoo yakkaa jedhamee kun ammallee ifa hin ta'iin jira.
Gareen BBC ejentoonni(poolisoonni) baayyeen yeroo mana Ilhaan Omaar birattti mul'ataniifi gariin isaanii saanduuqawwan konkolaataatti fe'an arganiiru.
Oduun manni bakka buutuu ummataa kun sakatta'amuu jalqaba Fox News irratti kan gabaafame yoo ta'u, qorannoon gaggeeffamaa jiru ammoo dhimmi immigireeshinii ilaalchisee waraqaa yeroo Ilhaan Omaar daa'ima turte abbaan ishee wayita lubbuun jiran guutaniiti.
Yeroon sakatta'ini kun itti gaggeeffame ammoo filannoon giddu-galeessaa Sadaasaa gaggeeffamuuf guyyaa 22 dursee ta'uun isaa Ilhaan Omaar fi jaalleewan ishee Dimokiraatota ta'aniif yaaddoodha. Sababiin isaa ammoo filannoon kun Kongiresii keessatti madaallii aangoo waggoota lamaan itti aananii kan murteessu ta'a jedhamee eegamaa jira.
Qajeelchi haqaa hojmaata isaa keessatti tarkaanfii seera raawwachiisuu fudhatuun "dhimma ykn ilaalcha rakkoo uumu" filannoo kamiyyuu irratti dhiibbaa fidu ykn kaadhimamaa tokkorra miidhaa geessisuudhaaf fudhatamu irraa of qusachuu qaba.
Dimookiraatonni mana maree bakka bu'oota uummataa keessatti adda duree ta'an ibsa kennaniin akka jedhanitti, Ilhaan Omaar yeroo dheeraaf "haleellaa dhuunfaa fokkisaa fi himannaa bu'uura hin qabneen" Tiraampiin irratti xiyyeeffatameera.
"Amma, filannoo walakkeessa waggaa gahuuf guyyoota 30 hin guunne yeroo hafutti, goolessitoonni isaa jumlaan biyyaa nama ari'an mana Miseensa Kongireesii sirnaan filatamtee fi maatii ishee irratti duulaniiru," jedhan.
Galmeen dhimma immigireeshinii Ilhaan Omaar yeroo darban keessatti Rippablikaanotaan qoratamaa tureera. Jalqaba bara akanaa, hiriyyaan ishee miseensa Kongireesii ishee waliin hojjettu Karolaayinaa Kibbaa irraa dhufte, Naansii Mees galmeen ishee kun akka ilaalamu kaastee garuu hin milkoofne.
Ji'a darbe, Barreessaan Dhimma Nageenya Biyya Keessaa Markwaayin Muliin podkastii warra konservaativii ta'e tokkorratti, "waani ta'e uumamuuf jira" jechuun waliin dha'umsa gaa'elaa Ilhaan Omaar raawwatte jedhe eeruun himate.
Addatti ammoo, hogganaan poolisoota Waayit Hawus daangaa eeganii, Toom Homaan, Ilhaan Omaar seera immigireshinii ammatti adda hin baafamiin jiru ilaalchisee qoratamaa jiraachuu Fox Nws'tti hime.
Ilhaan Omaar garuu himannaa isheerrati dhiyaatu kana ji'a darbe wakkattee turte.
"Hanga danda'ame ifa gochuudhaaf irra deebiyeen dubbadha: Waa'ee qorannoo kanaa gonkumaa yaadda'aa hin jiru, sababiin isaas hundi isaayyu guutummaatti sobadha," jette iimeelii duula maallaqa walitti qabuuf gaggeeffamurratti.

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp kanaan dura Ilhaan Omaar gara Somaaliyaatti " deebiyuu waan qabduuf" ari'amuu qabdi jechuun dubbatee ture. Miseensa mana-maree ta'uudhaaf lammummaan Ameerikaa barbaachisaadha.
Ilhaan Omaar arrabsoo fi halleellaa Tiraamp kanaaf, "fayyaa kan hin qabnee fi maraatummaa" jechuun deebii kennite.
Pirezidat Tiraamp hawaasa Somaaliyaa-Ameerika irrattis xiyyeeffateera. Torban darbe, Mineesotaan "godaantota Somaaliyaatiin dhaalamaa" waan jirtuuf "ummanni Minesootaa dura dhaabbachuu qaba," jechuun miidiyaa hawaasaa irratti barreesse.
Sakatta'insa Wixata darbe mana Ilhaan Omaar irratti taasifame kana Rippabilikaanonni tokko tokko baayyee gammadaniiru.
"Eenyullee seeraan ol miti," jedhe bakka bu'aan mana-maree biraa Minesootaa Toom Emmer. "Waa'ee sakatta'ina fi qorannoo kanaa ballinaan baruu barbaadna. Itti-gaafatamummaan dhufaa jira!"
Ilhaan Omaar dhalattuu Somaalii-Ameerikaa miseensa mana-maree taate jalqabaa yoo taatu, naannoo Miniyaapoolis keessatti konyaa tokko bakka buute. Isheef Michigaan irraa miseensa Kongiresii kan taate Rashiidaa Tila'ib Kongiresii keessatti filatamuudhaaf dubartoota Musliima ta'an jalqabaadha.
Ilhaan Omaar waggaa lama dura sagalee %74 argachuun irra deebiin filatamte.
Hoggantoonni siyaasaa buleeyyii Mineesootaa sakatta'insa taasifame kana qeeqaniiru.
Jaala ishee Dimokiraatii kan ta'e Gavarnar Tiim Waalz akkas jedhe: "Ameerikaanonni gocha kana Pirezidant Tiraamp aangootti akka malee fayyadamuun morkattoota siyaasaa isaa filannoo dursee [dubbii barbaachaa jira]."
Senaatariin Minesootaa Tiinaa Ismiiz gocha kana, "yaalii filannoo keenya keessa ifatti seenuudha" jette.































