KALLATTIIN, Doonaald Tiraamp waraanni Iraan xumuramuutti dhiyaatera jedhe

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp, waraanni Iraan yeroo dhiyoo keessatti akka xumuramu miidiyaatti hime.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp marii Iraanirraa waan guddaa barbaada - JD Vaansa

    JD Vaans

    Madda suuraa, Reuters

    US bakka bu'uun Paakistaanitti Iraan waliin kan mariyatan ittaanaa pireziaantii US kan ta'an JD Vaans Tiraamp Iraan waliin mariin cimaan gaggeeffamee waan guddaa akka irraa barbaadu ibsan.

    JD Vaans kana kan dubbatan turtii miidiyaa michuu BBC ta'e CBS News waliin taasisaniin yoo ta'u, Tiraamp Iraan akka salphaatti akka hin dhiifnefi waliigalteen godhamu kamuurraa waan guddaa US akka argattu barbaada jechuun ibsan.

    Bakka bu'oonni Iraan Paakistaanitti US waliin mariyatan jijjiirama hamma tokko agarsiisuu kan dubbatan JD Vaans, Tiraamp garuu walii galtee xixiqqoo osoo hin taane "waliigaltee guddaan" akka taasifamu barbaada" jedhan.

    Inumaayyuu "Waliigaltee Guddaa Tiraamp" akka barbaadus ibsuun, garuummoo Iraanifi US gidduu wal-amantaa dhabuun yeroo dheeraa waan tureef halkanuma tokkotti waliigalteerra gahama jedhamee akka hin eegnes dubbatan.

    USfi Iraan torban darbe Paakistaanitti guyyaa lamaaf erga mariyatanii booda waliigaltee malee gargar bahuun, waliigalteerra gahuu dhabuuf ammo sababni "si'i" jechuun quba walitti qabaa turan.

    Haa ta'u garuu, marichi irra deebiin yeroo dhiyootti akka gaggeeffamu Tiraamp ibseera.

  2. Tiraamp waraanni Iraan yeroo gabaabaa keessatti xumurama jedhe

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Doonaald Tiraamp waraanni Iraan yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu ibse.

    Turtii miidiyaa Fox News waliin taasiseen, waraanni Iraan waliin gaggeeffamu "yeroon itti xumuramu dhiyaatera" jechuun dubbate.

    Mariin marsa lammataa Iraan waliin gaggeeffamu guyyoota muraasa keessatti akka itti fufuu danda'u kan ibse Tiraamp, "Akka nayyo fakkaatutti [waraanichi] gara xumuramuutti dhiyaatera. Baay'ee gara xumuramuutti dhiyaatera" jedhe.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaaf waliigalaniin yeroo ammaa walitti dhukaasuun jiraachuu baatus, US Ulaa Hormuuz Iraanitti cufuu beeksisfte.

    Gama biraan ammoo mariin torbee darbe Paakistaanitti gaggeeffamee waliigaltee malee xumurame, irra deebiin itti fufuuf akka jiru Tiraamp ibseera.

  3. Ashamaa!

    Tamsaasa keenya kallattii kan har'aa eegaleerra.

    Donaald Tiraamp mariin Iraan waliin godhamu guyyooa muraasa keessatti akka itti fufu beeksise. Yeroo gabaabatti waraanichi akka dhumus ibse.

    Odeeffannoo waktaawaa isin biraan geenyu karaa Marsaritii, YouTube,Whatsapp, fi Facebook BBC Afaan Oromoo argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!