KALLATTIIN, Ameerikaafi Iraan dhimmoota ijoorratti waliigaluu baatanis lachuu mariin jijjiirama agarsiisaa jiraachuu himu

Ameerikaafi Iraan kuufama Yuraaniyeemiifi Ulaa Hormuuz irratti to’annoo taasifamurratti akka waliif hin galle gabaasaaleen agarsiisan Kamisa ba’anillee, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo maricharratti “mallattoowwan gaariin” jiraachuu dubbate.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mariin Iraan waliin godhamu haala gaariin deemaa jira - USA

    Maarkoo Ruubiyoo gaazexeessitootatti yeroo dubbatan

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Marii US fi Iraan karaa qaama sadaffaa gaggeessaa jiraniin jijjiiramni jiraachuu ministiirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo har'a ibsan.

    Waraanni USfi Iraan gidduu jiru karaa dippilomaasii akka furamuuf biyyoonni garaa garaa tattaaffii gochaa akka jiran kan ibse gabaasni Rooyitars, marii Iraan waliin godhamaa jiruun jijjiiramni jiraachuu Maarkoo Ruubiyoo dubbachuusaanii gabaase.

    Paakistaan ministiira dhimma alaa Tehraanitti erguun waraanni mariin akka xumuruuf tattaaffii gochaa jirti.

    Kaatariis gamasheen qabxiilee ijoo USfi Iraan gidduutti garaa garummaa uume mariim akka furamuuf jila marii Iraanitti ergiteetti.

    Maarkoo Ruubiyoo gamasaaniin mariin gaggeeffamu haala gaariin deemaa jiraachuu ibsanis ammayyuu hojii guddaa akka gaafatu ibsaniiru.

    Iraanifi US gidduutti ammayyuu qabxii ijoo irratti waluu galuu dhaban kan ta'e, waa'ee yuraaniyeemii gabbatee harka Iraan jiruufi waa'ee Ulaa Hormuuz Iraan to'attee jirtuuti.

    "Jijjiirsmni hsmmi tokko jira. Jijjiirama guddaadha jedhees hin dhaadhessu, gadi xiqqeessus hin barbaadu," jedhan Maarkoo Ruubiyoo Siwiidinitti walgahii NATO booda ibsa gaazexeessitootaf kennaniin.

    "Namoota [gaggeessitoota Iraan] baay'ee rakkisoo ta'an waliini kan dubbataa jirru, haalli jiru hin jijjiiramu taanan, Pirezidaant [Tiraamp] filannoo biraa akka qabu jala muree ibseera," jedhan Ruubiyoon.

  2. 'Sadarkaa balaa Iboolaa DRC keessaa "baay'ee olaanaa'' irra gahe' - WHO

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Sadarkaa balaa Iboolaa DRC keessaa "Baay'ee olaanaa'' irra gahe

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sadarkaa balaa fayyaa hawaasaa dhibee Iboolaa Rippablika Demokraatawa Koongoo "ol'aanaa" irraa gara "baay'ee ol'aanaatti" cehuu beeksise.

    Jimaata Dr. Teedros Adhaanom Gabrayyesus akka jedhanitti, yaaddoon balaa naannawa Afrikaa keessatti jiru "olaanaa" yoo ta'u, sadarkaa addunyaatti garuu "gadaanaa" ta'ee argama.

    ]Gosti Iboolaa baay'ee hin baramne kan Bundibugyo jedhamuun beekamu kun talaallii mirkanaa'e hin qabu, akkasumas namoota dhibee kanaan qabaman keessaa gara harka sadii keessaa tokko (1/3ffaa) ajjeesa.

    Hanga ammaatti, tamsa'inni dhibee kanaa DRC keessatti namoota 177 ajjeesuu kan shakkamu yoo ta'u, namootni 750 qabamuu shakkama.

    Kun kan mudate yeroo saayintistoonni Yuunivarsiitii Oksifoord Yunaayitid Kingidam talaallii haaraa ji'oota lama ykn sadii keessatti qorannoo kiliinikaaf qophaa'uu danda'u hojjachaa jiranitti dha.

    Talaallichi bu'a qabeessa ta'uun isaa waan mirkanaa'e hin qabu.

    Bu'a qabeessa ta'uun isaa kan danda'amu qorannoo bineensota irratti taasifamuu fi yaalii namoota irratti godhamuun booda dha.

    Talaalliin Bundibugyo kan biraan yaaliirra jirus hojjatamaa kan jiru yoo ta'u, dooziin isaa kamiyyuu yaaliidhaaf qophaa'uuf ji'oota ja'aa hanga sagalii ni fudhata jedhamee eegama.

    Jenevaarraa miidiyaaf ibsa kan kennan Dr Teedros akka jedhanitti: "Yeroo ammaa madaallii keenyaan yaaddoon balaa sadarkaa biyyoolessaatti baay'ee ol'aanaa, sadarkaa naannawaa [Afrikaatti] ol'aanaa, akkasumas sadarkaa addunyaatti gad aanaa ta'uu isaa keessa deebiin madaalle.

    "Itti dabaluudhaanis, "hanga ammaatti, DRC keessatti namootni 82 dhibee kanaan qabamuun isaanii mirkanaa'eera, namootni 7 ammoo du'uun isaanii mirkanaa'eera," jedhan.

  3. Saayintiistonni UK talaallii Iboolaa ji'oota keessatti dhiyaatu qopheessan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Saayintiistonni UK talaallii Iboolaa qopheessanii ji'oota keessatti dhiyeessufi

    Saayintiistonni Yunivarsiitii Okisifoordi talaallii haaraa ji'oota muraasa keessatti dhiyaatu fi saffisaan dhibee Ibolaa ittisuuf gargaaru qopheessan.

    Weerara Iboolaa, Rippabliika Demokraatiwa Kongoo keessatti mudateen, namootni 750 dhibee kanaan qabamuu fi kanneen 177 du'uun isaanii gabaafameera.

    Gosti sanyii vaayirasii Iboolaa adda ta'e, Bundibugyo jedhamuun beekamu, kanneen qabaman keessaa harka 1/3ffaa kan ajjeesu yoo ta'u, ammatti talaalliin ittisu mirkanaa'ef hin jiru.

    Saayintiistonni kunneen akka jedhanitti, talaallii haaraa kana argachuuf carraaqqii walirraa hin cinne gochaa jiru.

    Dilbata kaleessaa, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibee kana yaaddoo fayyaa hawaasaa addunyaa jedhee kan labse yoo ta'u, dhibeen kun garuu sadarkaa weerara addunyaa (pandemic) akka hin geenye ibseera.

    WHO'n ergasii sadarkaa yaaddoo dhibee Iboolaa yeroo ammaa Rippabliika Demokraatawa Koongoo keessa jiru 'ol'aanaa' irraa gara 'baay'ee ol'aanaatti' ol guddachuu eere.

    WHO'n yeroo ammaa naannichatti yaaddoon dhibee kanaa jiru ol'aanaa dha, garuu sadarkaa addunyaatti ammallee gadi aanaa dha har'a beeksiseera.

  4. Mootummaan gatii boba'aa hir'isuusaatiin Keeniyaanonni mormii dhiisan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mormii damee geejjibaa Keeniyaa

    Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo Wixata mootummaansaanii gatii boba'aa naafxaa dhibbeentaa 4'n hir'isuu beeksisuu hordofee hojjettoonni geejjiba uummataa Keeniyaa mormii hojii dhaabuu torban dhufu karoorsan dhiisuu beeksisan.

    Konkolaachistonni geejjiba uummataa biyyattii sababa lola Iraan hordofee gatiin boba’aa dabaluu isaatiin torban kana keessa guyyoota lamaaf mormii hojii dhaabuu godhanii ture.

    Mormiin kunis sochii diinagdee magaalaa guddoo Naayiroobii guutummaatti kan dhaabe yoo ta’u, mormitootaa fi poolisii gidduutti walitti bu’iinsa uumameen namoonni afur du’anii, namoonni 30 ta’an ammoo miidhamaniiru.

    Pirezidant Ruutoon haasaa Televijiiniidhaan Jimaata har'aa taasisaniin, tajaajilamtootaa aargalfachiisuuf jecha, gatiin naafxaaa liitira tokkoo shilingii Keeniyaa 10 ($0.0772) akka gadi bu'u qajeelfama kennuu isaanii dubbataniiru.

    Mootummaan baatii baatiidhaan gatii boba'aa isa guddaa gurgurtoonni maamiloota gaafachuu danda'an kan murteessu yoo ta'u, torban darbe gatii Caamsaa-Waxabajjiitti 23.5%'n dabaluun liitiriin tokko shilingii Keeniyaa 242.92 gahee ture .

    Garuu mormii hojii dhaabuu damee geejjibaa hordofee Wiixata kaleessaa shilingii 10'niin gadi xiqqaateera.

    Wayita Ruutoon haasaa taasisu bakka bu'oonni kaampaanota geejjibaan isaan cinaa dhaabbatanii turan.

    Jimata har'aa erga Ruutoon kana beeksisee booda mormii hojii dhaabuu torban dhufu karoorsanii turan haqaniiru.

  5. DR Koongotti maatiin reeffa nama Iboolan du'ee hospitaalaa fudhachuu dhorkaman giddu gala waldhaansa Iboolatti abidda qabsiisan

    Giddu gala waldhaansa Iboolaa

    Madda suuraa, Reuters

    Baha DR Koongotti reeffa nama vaayirasii Iboolaan du'ee maatin fudhachuu dhorkamuu hordofee namoonni aariidhaan wiirtuu waldhaansa dhibee Iboolatti abidda qabsiisan.

    Hokkorri kun kan uumame maatiin reeffa nama jalaa du'ee bakka itti waldhaanamaa turee fuudhun awwaaluuf gaafatanii erga dhorkamanii boodadha.

    Namoonni dhibee Iboolaan qabamana Hospitaala Walaiigalaa Rwampara jedhamu keessatti adda baafamanii yaalamaa turan. Namoonni nagaan reeffa yeroo awwaaluf jedhan dhibichaan akka hin qabamneef jecha qondaalonni reeffa maatiif kennuu hin barbaanne.

    "Namoonni hospitaalatti waan garaa garaa darbataa turan. Dunkaana bakka dhukkubsattoota dhibichaaf adda baafamee fa'aatti abidda qabsiisanii ture," jedha namni taatee mudate ijaan arge.

    Wiirtuun waldhaansa Iboolaa gubachuun alatti hojjattoota fayyaa hospitaalicharras miidhaan qaamaa gaheera.

    Namni reeffisaa akka hin kennamne dhorkame hawaasa keessatti nama beekamaafi kubbaa taphachuun beekamuudha.

    Haati dargaggeessichaa madda oduu Rooyitarsitti akka himtetti, ilmishee Iboolaan osoo hin taane, dhibee taayifoodiin akka du'e amanti.

    Weerara dhibee Iboolaa bifa haaraan ka'een hanga ammaa namoonni 130 ol du'aniiru.

  6. Jilli Paakistaan aanga’oota Iraan waliin mariyachuuf Tehraan gale

    Aanga'oota Paakistaan Ministira Dhimma Alaa Iraaniin yeroo simatamu

    Madda suuraa, @s_a_araghchi

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan jila Paakistaan waliin Jimaata har’aa Tehraan keessatti wal arganii karoora nagaa Ameerikaa waliin waraana dhaabuu dhiyeessanirratti mariyachuu isaanii sabaa-himaaleen gabaasan.

    Tehraan fi Waashingiten Ulaa Hormuuz fi Yuraaniyeemii sadarkaa olaanaatti gabbifamee kuufameerurratti waliigalteera gahuu hin dandeenye.

    Maddi oduu TASNIM Paakistaan ergaa Ameerikaa Iraaniif erga dhiyeessitee guyyoota lamaan booda Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Sayid Mooshin Naaqishii marii dabalataaf Tehraanitti argamuu gabaaseera.

    Ruubiyoon gaazexeessitootaaf Tehraan dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darbanirra qaraxa kann keessu taanaan dippilomaasii keessatti bakka hin qabaattu jechuun itti dabaluun dubbateera.

    Haasaa isaa keessatti jijjiiramni hanga tokko ni jira jechuunis dubbateera.

    “Mallattoo gaariitu jiru,“ kann jedhe Ruubiyoon, “Nama akka malee abdii qabus ta’uu hin barbaadu… guyyoota muraasa itti aanan waan ta’uuf jiru ni ilaalla,“ jedheera.

  7. Ameerikaafi Iraan dhimmoota ijoorratti waliigaluu baatanis lachuu mariin jijjiirama agarsiisaa jiraachuu himu

    Doonaald Tiraamp fi Mojtaabaa Kameenii

    Ameerikaafi Iraan kuufama Yuraaniyeemiifi Ulaa Hormuuz irratti to’annoo taasifamurratti akka waliif hin galle gabaasaaleen agarsiisan Kamisa ba’anillee, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo maricharratti “mallattoowwan gaariin” jiraachuu dubbate.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gamasaatiin Yuraaniyeemiin Iraan sadarkaa olaanaan gabbifamee kuufame biyyattii keessaa akka baasan dubbateera.

    Ameerikaan Yureeniyeemiin Iraan gabbifamee kuufame meeshaa waraanaa yuraaniyeemii hojjechuudhaaf dhiyaateera jettee amanti.

    Teehiraan gamasheetiin tajaajila nagaaf qofa kan oolu ta’uu ibsuun mormiti.

    “Ni arganna, ni barbaadna. Hin barbaachisu. Erga argannee booda ni barbadeessina ta’a, garuu akka qabaatan hin hayyamnu,“ jechuun gaazexeessitoota Waayit Hawusitti argamanitti himeera.

    Ruubiyoon gaazexeessitootaaf Tehraan dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darbanirra qaraxa kann keessu taanaan dippilomaasii keessatti bakka hin qabaattu jechuun itti dabaluun dubbateera.

    Haasaa isaa keessatti jijjiiramni hanga tokko ni jira jechuunis dubbateera.

    “Mallattoo gaariitu jiru,“ kann jedhe Ruubiyoon, “Nama akka malee abdii qabus ta’uu hin barbaadu… guyyoota muraasa itti aanan waan ta’uuf jiru ni ilaalla,“ jedheera.

    Aanga’aan olaanaa Iraan tokko Rooyitarsitti Kamisa akka himetti, hanga ammaatti waliigaltee kamirrayyu gahuu baannus garaagarumman jiru dhiphachaa deemuu dubbateera.

    Yuraaniyeemiin Iraan gabbifameefi to’annoon Ulaa Hormuuz dhimmoota irratti waliif hin galiin jiranidha.

    Aanga’oonni olaanoo Iraan yaada Tiraamp dura hoganaan waliigalaa Iraan Ayaatolaa Mojtaabaa Kameenii Yuraaniyeemiin sadarkaa olaanaattu gabbifame biyya keessaa akka hin baane ajajuu isaa Rooyitarsitti himanii ture.

  8. Taphataan Arsenaal umrii xiqqaa Maaks Dowmaan qormaata biyyaalessaa qaba

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Max Dowman

    Waggoota 22 booda waancaa Pirimiyerliigii Inglaand nyaatee guyyoota lama booda har'a [Kamisa] shaakalatti deebi'eera.

    Taphataan Arsenaal ganna 16 Maaks Doowmaan, qormaata biyyaalessaa (GCSE) qabaatus, qormaatarra taa'uu isaa waan mul'isu hin jiru.

    Doowmaan seenaa keessatti taphataa umrii xiqqaa jalqabaatii Waancaa Piriimerliigii kaase ta'eera.

    The Gunners (Arsenaal) Kibxata darbe ture kilabni sadarkaa lammaffaarra jiru, Manchistar Siitiin, Boornmaz waliin qixa bahuu hordofeeti kan Waancaa Piriimerliigii mo'achuu mirkaneeffate.

    Arsenaal tapha xumuraa Piriimerliigii Inglaand Dilbata Kiristaal Paalaas waliin qabuuf shaakalarra jira.

    Arsenaal ammas Caamsaa 30 tapha xumuraa Waancaa Chaampiyoonsliigii kilaba Faransaay PSG waliin taphata.

    Taphataan ganna xiqqaa Doowmaan qormaata biyyaalessaa qabu gosoota barnootaa maal maal akka qoramu hin beekamu. Garuu qormaanni biyyaalessaa tibbana kennamu gosoota barnootaa Afaan Ingiliizii, Bizinasii, Ikonomiksii fi barnoota Jabeenya Qaamaa of keessaa qaba.

    Gurbaan xiqqaan kun Shaampiyoonsliigiis kilaba kanaa wajjin waancaa kan kaasu taanan ayyaantudha jechuu dha.

  9. Xiyyaarri dogoggoraan lammii biyya Iboolaan weeraree fe'e kallattii jijjiiruun Kanaadaa qubate

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Air France

    Xiyyaarri Paaris irraa gara Ditrooyititti imalaa ture tokko, erga imalaan biyya Iboolaan weerare Rippabiliika Dimokraatawa Koongoo tokko "dogoggoraan" xiyyaaricha yaabbachuunsaa barame booda, gara Kanaadaatti akka garagalu dirqisiifamuu aangawoonni himan.

    Ameerikaan imaltoonni biyyoota weerarri Iboolaan itti ka'eerraa imalan Xiyyaara Air France akka hin fayyadamne, Gumuruka Ameerikaatti akka dhimma hin baane fi eegumsa daangaa Ameerikaatinis uggurri irra kaawamuu BBC'n odeeffate.

    Naannawa Afrikaa giddugaleessaatti dhibee Iboolaan namoonni 140 yoo du'an, 600 kanneen ta'an immoo vaayirasichaan qabamuun shakkamaniiru.

    Aangawoonni akka jedhanitti, imalaan sun mallattoo vaayirasichaa agarsiisuuf dhiisuu isaa irratti homaa hin jenne. Yoom akka DRC keessaa akka bahes hin ibsine.

    Hojjettoonni xayyaarichaa erga balaliisaan xiyyaarichaa kallattii jijiiruu beeksisee booda haguugduu afaanii fi funyaanii (maaskii) keewwachuu isaanii CBS News gabaase.

    Deborah Mistor, imaltoonni sa’aatii afur dura osoo hin qubatin kallattiin jijjiiramuu beeksifaman.

    "Garuu namoonni baay’een waan deemaa jiru irratti gaaffii kaasaa waan turaniif, daqiiqaa 30 booda balaliisaan deebi’ee dhufee xiyyaaricharratti rakkoon teekinikaa tokkollee akka hin jirre mirkaneesseef.

    Kunis dhorkaa Ameerikaan keesseen gara Ameerikaa qubachuu akka hin dandeenye qofaafi jedhe.

    Imaltoonni boodarra xiyyaaruma kanaan gara Ditrooyititti akka geeffaman ibsame.

  10. Hogganaa Olaanaan Iraan yuraniyeemii gabbate dabarsinee hin kenninu jedhan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Suura Mojtabaa Kaamenii

    Hoogganaa Olaanaan Iraan yuraniyeemiin badhaadhe biyya keessaa akka hin baane dubbachuu aangawoonni olaanoo biyyattii lama Rooytarsitti himan.

    Ameerikaan yuraaniyemiin Iraan haalaan badhaadhe akka Iraan keessaa bahu barbaaddi.

    Tiraamp kun akka ta'u Israa'elitti himuu isaa qondaaltonni Israa'el dubbataniiru.

    Hoogganaa Olaanaan Iraan Mojtaabaan garuu yuraaniyemiin badhaadhe fi sadarkaa hidhannoo waraanaaf ta'uu jala gahee jiru Iraan keessa turuu akka qabu dubbate.

    Kunis gaaffii Ameerikaan marii nageenyaa irratti gaafatte irratti ejjennoo Teehraan kan jabeessudha jedhameera.

    Qajeelfamni Ayaatolaa Mojtabaa Kaamenii kun Prezdantii Ameerikaa Doonaald Traamp dallansiisuu fi marii waraana Ameerikaa-Israa'el fi Iraan gidduu jiru dhaabuuf taasifamu wal xaxaa gochuu akka danda'u ta'u tilmaamameera.

  11. Mohaammad Saalaa Waancaa Addunyaa ganna kanaaf kaapteenii garee biyyaalessaa Masirii ta'ee filame

    Mohaammad Saalaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Masriin jifataa Liivarpuul kan ta'e Mohaammad Saalaa dorgommii Waancaa Addunyaa ganna kana gaggeeffamurratti kaapteenii ta'uun garee biyyaalessaa Masirii akka dursu filte.

    Mohaammad Saalaa taphattoota garee biyyaalessaa Masiriif waamaman 27 keessaa tokko yoo ta'u, itti gaafatamummaan garicha hogganuus itti kennameera.

    Taphataan colleen ganna 33 kun turtii waggaa 9 booda dhuma bara kanaa Liivarpuul gadhiisa jedhameera.

    Garee biyyaalessaa Masiriif ammoo taphoota 115 irratti kan hirmaare yoo ta'u, galchiiwwan 67 biyyasaaf lakkoofsiseera.

    Garee biyyaalessaaf jifataa ta'uun Mohaammad Saalaa waliin kan hiriiran Maan Siitii irraa Mohaammd Maarmuush fi taphataa ganna 18 garee dargaggootaa Baarseloonaaf taphatu Hamzaa Abdulkariif fa'aadha.

    Masiriin Waxabajjii 6 dorgommii michummaa Biraaziil waliin taphatti.

    Dorgommii Waancaa Addunyaa US, Kanaadafi Meeksikoon waliin ta'uun Waxabajjii 11 hanga Adoolessa 19 qopheessan irratti Masiriin Garee G jalatti kan ramadamte yoo ta'u, Waxabajjii 15 Beeljiyeem morkatti. Waxabajjii 22 ammoo Niwu Ziilaand waliin yoo taphattu, Waxabajjii 27 Iraan waliin taphatu.

  12. Awuroooppaatti tamsa'inni dhibee cophxoo fi fanxoo riikardii qabachaa jira

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Awuroooppaatti tamsa'inni dhibee Cophxoo fi Fanxoo riikardii qabachaa jira

    Dhibeewwan saal-qunnamtiin darban keessaa facaatiin dhibeewwan cophxoo fi fanxoon Awurooppaatti sadarkaa kanaan dura argamee hin beekneerra gahuu qorannoon dhiyeenya bahe agarsiise.

    Giddu-galeessi Ittisaa fi To'annoo Dhukkubootaa Awurooppaa (ECDC) akka ibsetti, dhukkuboonni lameen kun bara 2024 keessa [waggoottan 10 keessatti] sadarkaa ol'aanaarra gahaniiru.

    Lakkoofsi namoota cophxoon qabamanii 106,331 kan gahe yoo ta'u, kunis bara 2015 irraa kaasee daballii dhibbeentaa 303% (dachaa sadii ol) agarsiisa.

    Fanxoon ammoo yeruma kana keessa dachaa lamaan dabaluun baay'inni namoota qabamanii gara 45,557tti ol guddateera.

    Dhaabbatni fayyaa kun "hanqinni tajaajila qorannoo fi ittisaa dhukkubootaa" tatamsa'ina kanaaf sababa ta'uu isaa ibsee, tarkaanfii ariifachiisaan akka fudhatamu waamicha godheera.

    "Dhukkuboonni kunneen dhukkubbii yeroo dheeraa fi maseenummaa fiduu danda'u; fanxoon ammoo rakkoo onnee fi sirna narvii uumuu danda'a," jedhan hoogganaan Ejensii Dhukkuboota Kallattiidhaan Darbanii fi Talaalliidhaan Ittifamanii Bruno Ciancio,

    Hogganaan kun akka jedhanitti, fanxoon gara daa'imman reefu dhalataniitti darbu kan rakkina fayyaa walxaxaa umrii guutuu geessisuu danda'u bara 2024 keessa mul'ate kan bara 2023 irraa dachaadhaan dabaleera.

    "Fayyummaa qaama saalaa eeggachuun murteessaadha. Jaalallee haaraa ykn baay'ee waliin wayita saalqunnamtii raawwattan kondomii fayyadamaa, akkasumas yoo mallattoon isinirratti argame hatattamaan qorannoo godhaa."

    Biyyoota Awurooppaa gabaasni kun tuqe keessaa Ispeen bara 2024 keessa lakkoofsa namoota cophxoon qabamanii 37,169 fi kan fanxoon qabaman 11,556 keessatti mu'achuun sadarkaa tokkoffaa irratti argamti.

  13. Koongoon sababa weerara Iboolaan leenjii tapha Waancaa Addunyaa haqxe

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Koongoon sababa weerara Iboolaa leenjii tapha Waancaa Addunyaa haqxe

    Taphattoonni Rippaablika Dimookraatawa Koongoo sababa weerara dhibee Iboolaa baha biyyattiitti dhalateef leenjii dursaa Waancaa Addunyaa magaalaa Kinshaasaatti godhan haquun dhagahame.

    Taphattoonni biyyattii leenjii kanaaf gara Beeljiyeem imaluun leenjii akka godhan beekame. Biyyattiitti Iboolaan hanga ammaa nama 130 ajjeese.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibeen yaaddoo fayyaa hawaasaa addunyaa ti jedhee labseera. Haa ta'uu garuu dhibee sadarkaa weerara addunyaa guutuu ta'uutti ibsamu (pandemic) miti jedheera.

    Dubbii himaan garee kubbaa miilaa biyyaalessaa biyyattii Jeerii Kaameloo, leenjii tapha duraa gareesaa awurooppaatti bifa milkaayeen deemaa akka jiru ibse. Gareen kubbaa miilaa DRC bara 1974 booda yeroo jalqabaaf tapha Waancaa Addunyaarratti hirmaata.

    Gareen kubbaa miilaa DRC Denmaark waliin tapgha michoomaa Waxabajjii 03, Beeljemii Chiiliitti taphata. Gaafa 09 immoo Ispeen waliin tapha michoomaa qaba.

    Tapha Waancaa Addunyaa baranaatiin tapha jalqabaa Magaalaa Houston keessatti Waxabajjii 17 Poorchugaal waliin taphata.

    Dubbii himaan garee kanaa akka Rooytarsitti himetti leenjiin isaanii kan haqame uggura Viisaa US fi Kanaadaan guyyoota 21 darbaniif sababa weeraran Iboolaa biyyoota DRC, Yugaandaa fi Sudaan kibbaarra kaayaniini. Iddoo leenjii jijjiiruun isaaniis bu'uura kanaani

  14. US doorsisa Kuubaa irratti gaggeessaa jirtu dhaabuu qabdi - Chaayinaa

    Nama alaabaa Kuubaa qabatee mul'atu

    Madda suuraa, Reuters

    US gaggeessaa duraanii Kuubaa Raawol Kaastiroo yakka ajjeechaan himachuu hordofee US "Kuubaa sodaachisuu dhaabuu qabdi" jechuun ibsite.

    Haleellaa xayyaarota lamarratti bara 1996 raawwateen lammiileen US ajjeefamuu keessaa kallattiin Raawool Kaastiroo harka qaba jechuun himata kan irratti bane.

    Gama biraan ammoo Pirezidaant Tiraamp mootummaa Komunistii Kuubaa kuffisuu akka barbaadu ifatti irra deddeebiin dubbachaa jira.

    Chaayinaan ibsa Kamisa baasteen, US sodaachisa Kuubaa irratti gaggeessitu dhaabuu akka qabdu beeksise.

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Chaayinaa Guoo Jiyaakun ibsa kennaniin, "US bakka hundumaatti humnaan sodaachisuu dhaabuu qabdi," jechuun "Chaayinaan cimsitee Kuubaa waliin dhaabbatti" jedhan.

    Kibxata darbe Raawol Kaastiroofi namoonni biroo shan bara 1996tti xayyaarota lama Kuubaa irraa gara Filooriidaa imalaa turan rukutanii kuffisuun du'aatii lammiilee UStiif sababa jechuun himataman.

    Yeroo sanatti Raawool Kaastiroo ajajaa humnoota waraanaa Kuubaa turan.

  15. Tiraamp gurgurtaa meeshaa waraanaa irratti bulchaa Taayiwaan waliin mari'achuufi

    Tiraamp dhimm gurgurtaa meeshaa waraanaa irratti bulchaa Taayiwaan Layi Ching-te waliin nan mari'adha jedhe.

    Kun dippilomaasii kana dura barame irraa addadha.

    Erga bara 1979 as gaggeessitoonni Ameerikaa fi Taayiwaan kallattiin mari'atanii hin beekan.

    Ameerikaan Chaayinaa tokko jechuun hariiroo Chaayinaa waliin qabdu cimsuu barbaaddi malee Taayiwaniif beekkamtii biyyummaa hin kennine.

    Chaayinaan ammayyuu Taayiwaan qaama bulchiinsakooti jetti. Humnaan ofitti dabaluu akka dandeessus eerti. Bulchaan Taayiwaan ammaa Laayi bara 2024 aangoo qabate. Humna ittisaa odola kanaa jabeessuuf hojjechaa ture.

    Ameerikaan yeroo dheeraaf Taayiwaan deeggarti, seraanis deeggarsa meeshaa waraanaa kennuufiif dirqama qabdi. garuu hariiroo Chaayinaa waliin qabdus osoo hin booressiin tahuu qaba.

    Gurgurtaa meeshaa waraanaa dura Tiraamp ''isa waliin nan mariyadha'' jedhe.

    Chaayinaan garuu gurgurtaa meeshaa waraanaas tahe marii kana mormiti. Odola Chaayinaa irraa foxxoquu barbaadduuf ergaa hin taane dabarsuudha jetti.

    Doonaald Tiraamp bulchaa Taayiwaan waliin nan mari'adha jedhan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp bulchaa Taayiwaan waliin nan mari'adha jedhan
  16. Ameerikaan bulchaa duraanii Kuubaa irratti himata banuufi

    Raahul Kaastiroo yakkaan himatame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Raahul Kaastiroo yakkaan himatame

    Ameerikaan bulchaa duraanii Kuubaa Raahul Kaastiroo irratti himata yakkaa bante.

    Raahul Kaastiroo shiraan balaa xiyyaaraa lama bara 1996 Kuubaa fi Filooridaatti mudachuun akka lammiileen Ameerikaa du'an godheera jedhamuun himatame.

    Kaastiroo fi namoota biroo harka keessaa qabu jette shan irratti Ameerikaan himata bante.

    Xiyyaarri kan garee Kuubaa- Ameerikaa jedhamanii taate haleelmtee kufuun namoonni afur ajjeefamaniiru.

    Sadii lammiilee Ameerikaati. Kaastiroon amma manguddoo ganna 94 yoo tahu, yeroo sana hogganaa humna waraanaa biyyattii ture.

    Ameerikaan Kuubaa biyya sirna Komunizimiin bulaa jirtu irratti dhiibbaa gochaa kan jirtu yoo tahu pirezidaantiin biyyattii Miguweel Diyaaz-Kaanel ''kaayyoo siyaasaafi malee bu'uura seeraa homaa hin qbau'' jedhe.

    Ameerikaan fi pirezidaanti Tiraamp lammiilee isaanii hin dagatan'' jedhe Abbaan Alangaa Waliigalaa himaticha bane Jeneraal Tood Bilaanchee.

    Yakki ittiin himatame tokko tokkoon isaa hidhaa umurii guutuu ykn du'aan nama adabsiisa.

  17. Tiraamp fi Netaaniyaahuun waa'ee araara Iraan marii "muddamaa guute" taasisuun himame

    Netaaniyaahuu fi Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamiin Netaaniyaahuu dhimma Iraan ilaalchisuun Kibxatamarii “muddamaan guutame” taasisuun gabaafameera.

    Jarri lamaan marii karaa bilbilaan Ministira Muummee Israa’eliin “guddaa aarse” taasisuu isaanii maddi oduu Ameerikaa Aksiyoos gabaaseera.

    Irraan waliin waliigalteerra gahuudhaaf carraaqqiiwwan haaraa taasifamaa jiran kan irratti ka’e mariin hoggantoota kunneen lamaanii dheeraafi “rakkisaa” akka ture maddi oduu kun gabaaseera.

    Ameerikaafi Iraan waraana kana dhaabuudhaaf guyyoota 30 keessatti marii akka gaggeessan “ibsi fedhii” dandeessisu karaa jaarsolii araarsaniin qophaa’aa jiraachuu Tiraamp hogganaa Israa’elitti dubbateera jedhame.

    Akka gabaasa kanaatti, mariin ji’a tokko keessatti taasifamu sagantaa nukilaraa fi Ulaa Hormuuz bansiisuu dhimmoota jedhanirratti dubbachuuf hiree uuma jedhameera.

    Waashingiten fi Teehraan sanadii kana akka mallatteessan kan itti himame Netaaniyaahuun adeemsa kanatti akka walii hin galle maddeen Israa’el lama madda oduu Ameerikaatti himaniiru.

    Marii bilbilaan taasifamee ilaalchisee “Neetaaniyaahuun haasaa bilbilaa sanaan booda hedduu akka aare” himameera.

    Akka Aksiyoos jedhetti, marii Iraan waliin taasifamurratti shakkii guddaa kan qabu Netanaiyaahuun, waraanni akka jalqabamuufi humni waraanaa Iraan caalaa akka dadhabu fedhii qaba. Bu’uuraaleen misoomaa murteessoo ta’an rukkutamanii bulchiinsichi akka dadhabu barbaada jedhameera.

  18. ASHAMAA

    Toora kallattiin oduu isiniif tamsaasnu har'aa kunooti.

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee:

    • Marsariitii,YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.
    • Iraan US irra deebiin haleellaan "waraanni Bahaa Giddugaleessaan ala baha,'' jechuun akeekkachiifte
    • Iraan mirga Yuraaniyeemii gabbifachuu mariif akka hin dhiyeessine himte
    • Kuweetiifi Kataar haleellaa diroonii Sa'ud Arabiyaa irratti raawwate balaaleffatan
    • Waraanni Israa'el waraana marsaa biraa Israa'el waliin jiraachuu maluuf qophaa'aa jiraachuun gabaafame
    • Mariin Biyyaalessaa kan gaggeeffamaa jiruuf yeroo aangoo gaggeessaa biyyaa 'daangessuufi'- MM Abiy
    • Ka'abaa eenyutu ijaare?
    • Waliigaltee Masirii fi Ertiraan dhimma Galaana Diimaa irratti walii mallatteessan maal qabata?
    • Iraan karoora nagaa haaraa karaa Paakistaan Ameerikaaf dhiheessite
    • DHOYAADHAA!