
Madda suuraa, Diko Betancourt/Anadolu via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni firootasaanii gamoo caccabe jala barbaaduBalaa Kirkira lafaa Venezuweelaa mudateen namoota miidhaman baraaruuf lubbuu baraartonni ifaajee cimaa taasisaa jiru.
Magaalaa Karakaas keessatti bakka hundaa gamootu jijjigee mul'ata. Iddoon kun balaa kirkira lafaa Roobii darbeen baayyee miidhamte.
Jiraattonni fi maatiin gamoo jijjige jalaa namootasaanii fi qabeenyasaanii barbaaduu itti fufaniiru.
Gamoo barbadaa'e jalaa yoo namni lubbuun jiraate jedhanii gurra itti qabanii sagalee dhaggeffatu.
Balaa kirkira lafaa magniitiyuudii 7.2 fi 7.5 ta'e kanaan hanga ammaatti lakkoofsi namoota du'anii 1,430 ga'eera.
Balaan kirkira lafaa kun erga jaarraa darbeetii isa hamaadha jedhameera.
Balaa kanaan kanneen lubbuun darbuun mirkanaa'en alatti hanga ammaatti namoonni kuma 50 caalan hin argamin jiru.
Biyyoota akka Meeksikoo, Ispeen, US fi UK irraa birmannaan taasifamus, ammallee gareen lubbuu baraartotaa muraasa.
Miidhaa qaqqabe waliin yoo ilaalamu ga'aa miti.
Jaarmiyaaleen gargaarsaa fi lubbu baraartotaa kanneen miidhaman lubbuun baraaruuf sa'atiin jalqabaa 48 hanga 72 murteessaadha jedhu.
Ammoo kanneen gamoo fi waan kaan jalatti ugguramanii jiran bakkuma jiranitti bishaan fi midhaan kan argatan yoo ta'e sa'atiin kun dheerachuus danda'a.
''Akki namuu itti baraaramu hunduu raajiidha,'' jedha Pirezidantiin Kora Biyyaalessaa Joorji Roodriigez.
''Waa'ee hammeenya balaa kanaa homaa waan dhoksinu hin qabnu,'' jedhe.